Subscribe To Our YouTube Channel

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 2ffaa

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu

Kutaa 2ffaa

Seensa :- yeroo darbe kutaa 1ffaa Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu keessatti Seera Uumamaa irraa kaasee bifa gaaffii fi deebiitiin qabxiiwwan hedduu ilaalleerra isins duubatti deebi'uun dubbisaa! kutaa 1ffaa erga dubbistan booda gara kutaa kanaatti darbaa, erga xumurtaniin booda ammoo kutaan itti aanu akka dafee isin bira gahuuf Blog kana Subscribe taasisaa!

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu | Kutaa 2ffaa

11. Taabota Kakuu Waaqayyoo akka hojjetaniif Waaqayyo Ogummaa kan kenneef gargaartota Musee kan turan namoonni lamaan eenyu fa'i?

Deebii :- Eliyaab fi Baasli'eel dha. Seera Ba'uu. 31:1.

12. Kitaaba Qulqulluu keessatti Lubni inni jalqabaa eenyudha?

Deebii :- Malka Tsedeeqidha.

13. Phaaphaasonni uleen harkatti qabatan fakkeenya maaliiti? Uffanni uffatan hoo fakkeenyummaan isaa maali? 

Uleen Phaaphaasotaa fakkeenya Ulee Musee fi fakkeenya Ulee Aroon yoo ta'u, uffanni sunis fakkeenya uffata Eliyaas fi Elsaati.

14. Addaam firii muka Balasii nyaatee, muka jireenyaa Jannata keessa jirtu irraa nyaachuu kan hin dandeenye maalif ture?

Dubbii Maariyaam (Mariology) :- Addaam firii muka Balasii ykn «ዕፀ በለስ» erga nyaate booda Mukti jireenyaa ykn «the tree of life» isaaf ture, Muka jireenyaa ykn «ዕፀ ሕይወት» irraa osoo nyaateera ta'ee badiin isaa badee, haaromeefi gaabbiidhaan Iyyerusaaleem ishee Samii osoo argatee ture. Garuu Muka jireenyaa irraa hin nyaanne, maalifi yoo jedhame Ergamoonni Waaqayyoo Abidda ta'an Kiruubeel Sayifii ibiddaa isaaniitiin Muka jireenyaa ykn «ዕፀ ሕይወት» eegaa waan turaniifidha. Uma. 3:22.

Seenaa isaas yeroo dubbisnu akkas jedha :- Addaam harka isaa diriirsee muka jireenyaa irraa nyaachuu waan hin dandeenyeef, dafqa keetiin hojjedhu argadhu jedhamee Jannataa ari'amee gara iddoo Bineensotaaf uumamee gara dacheetti dhufe 

• Abdii Addaamiif kan jedhamte haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Muka jireenyaa Addaamiif deesse, Mukti jireenyaa ykn «ዕፀ ሕይወት» eenyudha yoo jedhame :- Foon koo kan nyaate, Dhiiga koo kan dhuge jireenya bara baraa qaba kan nuun jedhe Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Yoh. 6:54. Tokkos Mukti jireenyaa eenyu yoo jedhame «Ani hundee Wayiniiti» kan jedhe, Biddeen jireenyaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Yoh. 15:5.

• Mukti jireenyaa «ዕፀ ሕይወት» jedhamtu fooliin ishee Funyaan, dhandhamni ishee Arraba irraa osoo hin badiin guyyaa torbaaf kan turtu muka ajaa'ibaa yoo taatu, baalli ishees akka biqiloota kaanii hin cooligu. Mukti jireenyaa kun Kiristoos kan nuuf deesse haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin ni fakkeeffamti. Mukti jireenyaa kun baalli ishee akka biqiloota kaanii cooliguu dhiisuun isaas fakkeenya Dubrummaa isheeti. Sababa kanaanis Aduu Sooriyaa kan jedhame Qulqulluun Efreem haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin akkas jedhee ishee galateeffate «አንቲ ውእቱ እሙ ለዕፀ ሕይወት ወእሙ
ለብርሃን” [O St Mary you are the mother of the tree
of life & the mother of luminous light» ykn «Ati muka jireenyaatiif haadha akkasumas haadha ifaati» Tokkos :- Waaqayyo Museedhaaf Masooba Warqii Warqee irraa hojjetame keessatti Mannaa akka kaa'uuf isa ajaje, Mannaan kun waggoota hedduudhaaf Bara Musee irraa kaasee hanga bara Foonummaa ykn Zemene Sigaawweetti osoo hin badiin fi osoo hin xiraa'iin jiraatte, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos gadameessa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam keessa yeroo buletti garuu Mannaan kun baqxee badde, Habistii inni dhugaan Habista Mannaa kan ta'e Foon ishee irraa foon lubbuu ishee irraa Lubbuu fudhatee Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa dhalateera waan ta'eef, nutis Wuddaasee Maariyaam irratti Mannaa dhokataa kan of keessaa qabdu Dunkaanni Oriitii si'idha, ...... galanni siif haa ta'u jechaa ishee galateeffanna. 

15. Waaqayyo Waaqa Waaqotaati yeroo jedhamu maal jechuudha? Waaqolii kan jedhaman hoo eenyu fa'i? 

Waaqayyo Museedhaan akkas jedheen :- Si'iin Fari'oon irratti akka Waaqaa si taasiseera. Ba'uu. 7:1. Museen fa'a Waaqolii kennaa ykn «አምላክ ዘበፀጋ /አማልዕክት/» ni jedhamu.

16. Museen Sirni bulchiinsaa garmalee waan itti baay'ateef ni dhadhaba ture, Namni kabajamaan tokkos wantoota ciccimoo qofaa gara keetti haa fidan, kanneen biroo namoonni kaan si haa gargaaran jedhee har'a Addunyaan bifa Ammayyaatiin kan itti fayyadamtu Sirna bulchiinsaa barsiise, Sirna bulchiinsaa kana Musee kan barsiise namni Itoophiyaa eenyu jedhama?

Museen kan fuudhe mucaa ykn intala nama Itoophiyaa kanaati ture, lammiin Itoophiyaa Niitiin Musee kum eenyu jedhamti? mucaan isaan argatan hoo eenyu jedhama? 

Deebii :- Raagu'eel ykn Yootoor, haati Musee lammii Itoophiyaa sun Saphiiraa yeroo jedhamtu, Mucaa Geersaam jedhamu deesseerti. Ba'uu. 2:21.

17. Abboommiiwwan kurnanii fi Jechoonni Wangeelaa Jahan Kitaabaa fi Boqonnaa kam irratti argamu?

Deebii :- Abboommiiwwan kurnan Ba'uu 20:1, Seera Keessa Deebii. 5:1 fi Jechoonni Wangeelaa Jahan ammoo Wangeela Maatewoos 5:21-44 irratti argamu. 

18. Duuka Bu'oonni Utubaa sadan qofti Tulluu Taaboor irratti yeroo dhufan ykn argaman, Yihudaan «Ani bar Gooftaa kanan gurgure Tulluu Taaboor irratti waanan hin baaneefi» jedhee sababa akka hin dhiyeessineef Yihudaa dabalatee Duuka Bu'oonni kaan Tulluu sana jala turan, Yihudaan gara Tulluu Taabooritti kan hin baane sababa hojii isaa badaatiif ture, Duuka Bu'oonni Utubaa sadan akkuma ifa Waaqummaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos argan Duuka Bu'oonni hafan 8'n hoo ifa Waaqummaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos arganiiru jechuu ni dandeenyaa? akkamitti?

Seenaa kana fakkaatu gargaartota Musee kan turan Jaarsolii 70 waliin wal bira qabnee haa ilaallu;

Museen Jaarsolii 70 Dunkaana Oriitiitti walitti qabee Afuurri isa irra ture isaanirra bulee Raajii ni dubbatan, Elidaad fi Mudaad kan jedhaman namoonni lama garuu ganda keessatti hafanii ture, ta'us garuu isaanis Afuurri Musee irra bule isaanirras bulee akkuma warra kaaniitti raajii dubbataniiru. 

Akkuma kana Tulluu Taaboor jala kan turan Duuka Bu'oonni 8 nis Ifa Waaqummaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos akkuma Duuka Bu'oota Utubaa isaan sadaniitti isaaniif ibsameera jechuudha. Lakk. 11:24.

19. Kitaaba Qulqulluu keessatti Magaalonni of jajaa «የመማፀኛ ከተሞች» jaha ni jiru, isaan eenyu fa'i?

Deebii :- Raamaat, Boosar, Qaadees, Keebroon, Seekeen fi Goolaan fa'i.

20. Yooseef yeroon du'u Abbootii koo biratti na awwaalaa jedhee ture, Ekeraa Yooseef Gibtsiidhaa kan baase eenyu dha ykn yeroo kam bahe?

Raajichi Israa'eeloota Gibtsiidhaa dursee ykn dursaa baase eenyu dha?

Deebii :- Raajicha Museedha.

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu Kutaa 2ffaan kana fakkaata ture waan dubbistaniif Galatoomaa! Waaqayyo isin haa eebbisu! Blog kana Subscribe taasisaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments