Subscribe To Our YouTube Channel

Abbaan keenya Qulqulluun Abuna Iyyesuus Mohaa eenyudha?

 Abuna Iyyesuus Mohaa


Abbaan keenya Abuna Iyyesuus Mohaan eenyudha?


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen!


Maatiiwwan Waaqayyoo ijoolleen haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nagaa Waaqayyootiin akkam jirtuu?


Baga guyyaa Yaadannoo Abbaa keenya Abuna Iyyesuus Mohaatiin nagaan isin gahe! Seenaa fi Qabsuura Abbaa keenyaa kana dubbisaa! Hiriyoota keessaniifis qoodaa! Blog kanas Subscribe taasisaa!


Abuna Iyyesuus Mohaa


Ibsa Suuraa :- Abbaa keenya Abuna Iyyesuus Mohaa


Waaqayyo jaarraa 13ffaa keessa Abuna Iyyesuus Mohaa fa'a osoo hin kaasne ta'ee tarii hardha Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa bifa har'a argaa jirru kanaan arguu dhiisuu dandeenya ture. Abbootiin keenya warreen dhugaan gonka ykn wantoota garmalee isaan yaaddessan keessaa inni tokkoofi inni guddaan qajeelaa fi Abbaa Duuka Bu'ummaa kan ta'an Abuna Iyyesuus Mohaa irraanfachuu dha.


Read Also :- Ayyaanota Yaadannoo Qulqullootaa akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti


Abbaan keenya Abuna Iyyesuus Mohaan firii Amantaa ta'aanii firii isaanii qajeelaa irraa Qulqulloota hedduu horanii, biyyi isaanii barumsa Wangeelaa fi jireenya Minkusinnaa ykn jireenya Gadaamiitiin akka miidhagdu taasisaniiru. Nutis mee akka fedha Waaqayyootti guyyaa yaadannoo boqonnaa isaanii guyyaa hardhaa ykn Sadaasa 26 waa'ee isaanii haa kaasnu.


Abuna Iyyesuus Mohaa ZaYisihaaq kan dhalatan Gondaritti, yeroo durii naannoo Simaadaa ykn Dahaanaa tti yoo ta'u Abbaan fi haati isaaniis ZaKiristoos fi Igzi'a Kibraa jedhamu. Kan dhalatanis bara 1210 tti yoo ta'u maddeen tokko tokko garuu bara 1196 tti akka dhalatan ni dubbatu.


Qulqullichi kun ykn Abbaan keenya Abuna Iyyesuus Mohaan maatii yin abbaa fi haadha isaa Kiristaanota ta'aan waliin bifa bareedaan guddataniiru. Ijoollummaa isaaniittis yeroo baay'ee maatii isaanii ni gargaaru ture. Yeroo isaanii boqonnaatti ammoo Barumsa Amantaa fi Sirna isaa ni qo'atu ture. Bara 1240 ttis (umuriin isaanii waggaa 30 yeroo guutu) Addunyaa kana dhiisuuf yaadan. 


Yaadaniis hin dhiisne Uumaa isaanii Waaqayyo kadhachaa Dabra Daamoo galan. Yeroo sanattis Dabra Daamoon handhuura Barumsaa, jireenya Minkusinnaa ykn Minnaanee ta'uu isaatiin dabalataattis Mucaan Qoobii Abuna Aragaawwii 5ffaa Yohaannis lammaffaan waan turaniif Duuka Bu'aa isaanii ta'aan.


Read Also :- Abuna Gabra Manfas Qidduus


Abbaan keenya Abuna Iyyesuus Mohaan turtii isaanii Dabra Daamootiin guyyaa guyyaa ajajamaa, daakaa, bishaan waraabaa oolanii halkan walakkaa isaa Kadhannaa fi Sagadaan isa hafe ammoo Kitaabolee Qulqullaa'oo dubbisuudhaan dabarsu.


Dhuma irrattis uffata Minkusinnaa uffatan. Yeroo kanattis umuriin isaanii waggaa 37, barri isaa ammoo Bara 1247 ture. Hoggasuma Dabra Daamoo osoo jiranii Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Gabri'eel isaaniif ibsamee «Gara Walloo Hayiqitti deemi! hojii hojjettu hedduutu jira waan ta'eef» jedheen.


Yeroo tokkoonis Dabra Daamoo (Tigraay) irraa isaan fuudhee Hayq Isxifaanoos (Walloo) isaan geessise. Achittis waggoota torbaaf Mana Qulqullummaa Pheexiroos we Phaawuloos (Pheexiroos fi Phaawuloos) keessatti Qabsuuraan, Lallaba Wangeelaatiin, Maa'ixentii fi Hara ykn Hayq keessatti dhidhimanii Kadhachuu dhaan jiraatan.


Abbootiin Qulqullummaa Abbaa keenya Abuna Iyyesuus Mohaa arganis Aba mineetii ykn Alaqaa Monoksootaa taasisanii isaan muudan. Kanadha egaa yeroon ykn carraan guddaan ykn bu'uurri giddaan Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa irratti yeroo itti ka'aame. Dubbichi akkasidha;


Yoodiit Gudiit waggoota 40'f biyya kana balleessaa yeroo turterti, Kiristaanummaan ni laafe, Xaa'otii Waaqessuun ni babaldhate. Abuna Iyyesuus Mohaan (hiikni isaa Iyyesuus Kiristoos moo'e jechuudha) ammoo amantaan isaanii kan qajeele Kiristaanota 800 ol walitti qaban. 


Isaanis akka biyyattiitti kan jalqabaa fi guddaa jedhamuu kan danda'u Mana Kitaabolee isa guddaa hundeessan. Gargaartonni sunneenis Qulqullummaa fi Barumsaan bilcheessanii erga Minkusinnaa kennaniif booda «Deemaa! biyyatti akka ibsitaniif Qabsuura'aa!» jedhanii isaan gaggeessan.


Isaan kanneen keessaas isaan hangafoota Abuna Takla Haymaanoot, Abuna Batsaloota Mikaa'eel fi firii isa boodarraa kan ta'aan Abbaa Giyoorgis isa Gaasiccaa caqasuun ni danda'aama. Sababa kanaanis Qulqullichi Abbaan keenya Abuna Iyyesuus Mohaan «ወላዴ አእላፍ ቅዱሳን - አእላፍ ቅዱሳንን የወለደ» ykn «Qulqulloota hedduu kan dhalche» jedhamaa jiraatu.


Read Also :- Qulqulluun Yaareed eenyudha?


Qulqullichi kanaan dabalataattis Mootii yeroo sana ture Atsee Yikunoo Amlaak barsiisuudhaan Biyyaa fi Mana Kiristaanaatiif nama fayyadu taasisaniiru. Dhuunfaa isaaniittis hara ykn Hayq keessa seenanii yeroo kadhatan Utubaan ifaa isaaniif bu'a ture. Gadaamiin Hayq Isxifaanoosis erga badee waggoota 300 booda qajeelchaniiru.


Egaa Mana Kiristaanaatiif osoo dhama'aanii, keessattuu Aba mineetii dhaan kan itti tajaajilan ykn kan itti turan waggoota 45 tti ija isaaniitiif hirriba hin hawwisiisne. Cinaacha isaaniis ykn Cinaachi isaaniis siree waliin wal tuqee hin beeku ture. «እንዘ የኀሊ ዘበሰማያት ዐስቦ ፥ መጠነ ዓመታት ሃምሳ ኢሰከበ በገቦ» akkuma jedhame.


Kana boodas guyyaan itti boqotan yeroo gahu Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos bu'ee waadaa isaaniif kenneera. Erga dhalatanii umurii isaanii waggaa 82 tti (waggaa 86 kan jedhanis jiru) bara 1282 tti guyyaa Sanbataatti boqotaniiru. Guyyaan Yaadannoo isaaniis Sadaasa 26 dha.


Waaqayyo Eebba Abbaa keenya Abuna Iyyesuus Mohaa baay'isee nurra haa bulchu!


Galanni Waaqayyoof haa ta'u!



Post a Comment

0 Comments