Yeroo darbe Qabsuuraa fi Seenaa Wangeelaawwii Qulqulluu Yohaannis erga ilaalle booda Kitaabolee isaa tokko tokkoon ilaaluu eegallee turre, kana keessaas Wangeela Qulqulluu Yohaannis ilaalleerra. Hardha ammoo Ergaawwan Qulqulluu Yohaannis sadan ni ilaalla, akkasumas kutaa itti aanutti ammoo Mul'ata Yohaannis kan ilaallu ta'u, dubbisaa!
Ergaa Qulqulluu Yohaannis isa jalqabaa
Qulqulluun Yohaannis bara Mootummaa Dimiixiyaanoos (Bara 81-96) waggoota torbaaf Eddoola Fixmootti hidhamee Bara Mootummaa Neervaa (Bara 96-98) ni hiikame.
Naannoo bara 96 Dh.K.B ergaa isaa jalqabaa barreesse. Qulqulluun Yohaannis Wangeelaawwiin ajaja Mootii Dimiixiyaanoosiin hidhamuu isaa Shakkitoonni argan;
• Du'aa ka'umsi hin jiru,
• Dubbachuu fi hojiidhaan kan hojjetamu malee yaadaan Cubbuun hojjetamu ykn Cubbuun yaadaan hojjetamu Waaqayyo dhaan hin beekamu ykn Waaqayyo Cubbuu nuti yaadaan hojjennu hin beeku.
• Cuuphaadhaan booda hojii gaarii hojjechuun faayidaa hin qabu jedhanii barumsa ganiinsaa isaanii Isiyaa ishee Xiqqootti bittimsuu jalqaban. Qulqulluun Yohaannis hidhaa isaa Eddoola Fixmootii yeroo bahu barumsa Shakkitoota kanaatiif deebii akka ta'uuf Ergaa kana barreesseef.
Gana biraatiin Qulqulluun Yohaannis ergaa kana kan barreesse Efeesoon osoo jiruu naannoo bara 90 tti barreesse kan jedhamu jira (Galmee jechootaa Kitaaba Qulqulluu)
Read Also :- Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwii
Kan barreesses Isiyaa kan jedhamutti kan argaman miseensonni Mana Kiristaanaa jireenya bara baraa qabaachuu isaanii akka beekaniif ture. 5:13. Amantoonni ykn Kiristaanonni kana maalif hin beekne? kanaaf kan kennaman ykn ka'aaman sababoonni hedduun jiraataniyyuu, sababoota kanneen keessaa inni tokko garuu adda ture, kunis barumsa Ginoostikootaati. Gaggeessitoonni ykn Beektonni Ginoostikii kanaas «Iyyesuus Kiristoos fooniin hin dhufne!» jechuudhaan Waaqummaa isaafi gonka nama ta'uu isaa gananiiru. 4:1-6, 5:1-12. Waaqayyo irraa beekumsa addaa akka fudhatanii fi isaaniin ala Kiristaanni dhugaan akka hin jirre ni yaadu ture. 2:19. Yohaannisis irra deddeebi'uudhaan «Ni beekna!» jedhee Amantoonni ykn Kiristaanonni waa'ee fayyina isaanii shakkiin akka itti hin uumamne hordoftoota barumsa Ginoostikiitiin «Sobdoota» «Mormitoota Kiristoos» «Kan dogoggorsiisan» fi «Ijoollee Diyaabiloos» jechuudhaan isaan saaxile. 2:18, 2:22, 2:26, 3:10. Qulqulluun Yohaannis namni Kiristaana ta'uu isaa adda baasuuf haal dureewwan ykn safartuuwwan sadi kaa'e ykn kenne. Isaanis;
1. Abboommiiwwan ykn ajaja Waaqayyoo raawwachuu
2. Obboloota jaallachuu fi
3. Barumsa dhugaa fudhachuu dha.
Safartuuwwan sadan kan caqasuudhaan fi iccitiiwwan isaaniis baldhinaaan ibsuudhaan itti fufa, kana waliinis waa'ee wantoota garaa garaa yaadannoo dabalataa ni kenna.
Qoqqoodama Ergaa Qulqulluu Yohaannis isa jalqabaa
1. Seensa :- Yohaannis ragaa ba'iinsa waa'ee isaa kenne :- 1:1-4.
2. Soboota Ginoostikootaa Sadan ;
• Cubbuun tokkummaa keenya hin diigu :- 1:5-7
• Cubbuun Kiristaana irra hin jiraatu :- 1:8-9
• Kiristaanni Cubbuu hin hojjetu :- 1:10-2:2
3. Ibsa tokkoffaa Safartuuwwan Sadanii
• Safartuu hunda galeessaa (የግብረ ገብ መለክያ) :- Ajajamuu :- 2:3-6
• Safartuu Hawaasummaa :- Jaalala :- 2:7-11
• Waa'ee Mana Kiristaanaa ibsa dabalataa :- 2:12-14
• Waa'ee Addunyaa ibsa dabalataa :- 2:15-17
• Safartuu Barumsa Waaqummaa :- Amantii :- 2:18-27
4. Ibsa Lammaffaa Safartuuwwan Sadanii
• Safartuu Mooraalii :- Qajeelummaa :- 2:28-3:10
• Safartuu Hawaasummaa :- Jaalala :- 3:11-18
• Waa'ee jireenyaa ibsa dabalataa :- 3:19-24
• Safartuu Barumsa Waaqummaa :- Amantii :- 4:1-6
5. Ibsa Sadaffaa Safartuuwwan Sadanii
• Safartuu Hawaasummaa :- Jaalala :- 4:7-12
• Tokkummaa Jaalalaa fi Amantii :- 4:13-21
• Tokkummaa Safartuuwwan Sadanii :- 5:1-5
6. Ragaawwan Sadan :- 5:6-12
7. Barumsa isaa irraa kan ka'e wanta argamu :- 5:13-17
8. Qabxiiwwan gurguddoo sadan :- 5:18-21
Read Also :- Wangeela Qulqulluu Yohaannis
Ergaa Qulqulluu Yohaannis isa Lammaffaa
Eddoolota Ejiyaan keessaa isa tokkotti, nyaanni isheef safaramaa ijoollee Moototaa kan guddistuu Roomnaa kan jedhamtu dubartii tokkotu turte. Yohaannis fi Duuka bu'aan isaa Abrookooroos Eddoola kana irratti barsiisuuf daandii barbaadanii «Nuti garboota Abbaa Roomnaa turre, baroota hedduudhaafis badnee jiraachaa turree amma dhufne» jedhanii Eddoola sana keessatti dubbachuu jalqaban. Isheenis gara mana isheetti isaan geessitee Qulqulluu Yohaannis qoraan kan falaxu, Abrookooroosiin ammoo kan bishaan waraabu taasistee isaan qacarte.
Guyya tokkos ijoollee isheen guddistu keessaa isa tokko qabattee gara Mana Xaa'otiitti yeroo seentu Qulqulluun Yohaannis fi Abrookooroos ishee duukaa seenan. Yeroo sanattis Seexanni Mana Xaa'otii sana keessa bule Qulqulluu Yohaannis fa'a yeroo argu mana sana keessaa ni ba'e. Yeroo kanattis mucaan isheen qabattee seentee turte sun naasuudhaan ni du'e. Yeroo sanattis «Dhufuu keessanidha kana hundaan kan na geessise!» jettee isaan reebde. Qulqulluun Yohaannisis «Nuuf kaasi! hin jettuu?» jedhee deebiseef. «Erga yoomiiti ammoo namni du'e kan ka'u?» jettee garmalee ni aarte. Yeroo sanattis Qulqulluun Yohaannis fa'a kadhatanii isa kaasan.
Isheenis raajii kana argitee amanteerti, cuuphamteerti. Mana isheettis Gubaa'een Kiristaanotaa ni hundaa'e. Ishees achitti «እመምኔት» ykn Alaqaa Monoksootaa kan Dubartootaa taasisanii ishee muudan. Qulqulluun Yohaannis Eddoola Fixmootti yeroo hidhametti barumsa ganiinsaa Shakkitootaa irraa kan ka'een Gubaa'een Kiristaanotaa mana ishee ture balaan gargar qoodamuu irra gahe, lolaa fi hookkarri ni ka'e. Kana kan dhaga'e Qulqulluun Yohaannisis naannoo bara 96 Dh.K.B Roomnaa dhaaf ni barreesse. Jireenya ishee durii yaadattee gidiraa ammaa akka irraanfattuuf, Alaqaa Monoksootaa ta'uun ishees of jajaaf akka hin taane Duuka bu'ichi maqaa ishee duriitiin «Giiftii» ykn «እመቤቴ» jedhee ishee waama.
Ergaa Qulqulluu Yohaannis isa Sadaffaa
Ergaan Qulqulluu Yohaannis inni Sadaffaan kun kan barreeffamte naannoo bara 96 Dh.K.B akka ta'e ni tilmaamama. Gaayiyoos sababa godaansaatiin Kiristaanota rakkoo irra turan simatee kan keessumeessu nama qajeelaa ture. Nama gaarii ta'uu isaa kan dhaga'e Qulqulluun Yohaannisis bara rakkoo sanatti nama qajeelaa akka isaa argachuu isaatiif isa galateeffachaa jajjabeessuuf barreesseef.
Yeroo itti aanutti Kitaaba Qulqulluu Yohaannis isa Shanaffaa Kitaaba Mul'ata Yohaannis ni ilaalla.
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
Madda :- ቤተ ክርስቲያንህን እወቅ (Waldaa Qulqullootaatiin)
Galmee jechootaa Kitaaba Qulqulluu
0 Comments