Kutaa 6ffaa
Barreeffama keenya kutaa darbee keessatti haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam waqtii Godaansa isheetti ilma ishee Iyyesuus Kiristoos waliin biyyoota godaansaan keessa darban, bu'aa ba'iiwwan isaan dabarsan fi taateewwan wal fakkaatoo akkasumas bakkeewwan godaansa isaanii keessaa bu'uura kan ta'aan ilaaluuf yaallee turre. Hardhas barreeffama keenya kutaa dhumaa kanaatiin iddoowwan godaansaan haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam keessa darbite keessaa kan hafan ykn kutaa darbe keessatti kanneen ilaalle irraa kan hafan ni ilaalla, dubbisaa!
Kanatti aansuun Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam yeroo ykn waqtii Godaansa isheetti ilma ishee Iyyesuus Kiristoos waliin biyyoota godaansaan keessa darban fi iddoowwan buufannaa ykn gahumsa godaansa isaanii gabaabinaan ni ilaalla;
6. Dachee Gibtsii
Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam, ilmi ishee Iyyesuus Kiristoos, Yooseefi Soloomeen gara Dachee Gibtsiitti yeroo godaanan guyyaa sadi bosona keessa turan. Baay'ee beela'aan, ni dheebotan. Gammoojjii keessatti beelaa fi dheebuudhaan akka hin duuneef haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ni kadhatte. Yeruma sanas nyaanni ykn maaddiin qophaa'e ni dhufeef isaanis nyaatanii quufan. Kana boodas gara biyya Infiloon jedhamuutti deemanii mana nama Rigbaadaa jedhamuu ta'aan. Namoonni hedduunis beekumsa barbaadanii gara haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiitti ni dhufu ture. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis biyya namoota Ogummaa ykn beektotaa biyya Israa'eelii waan dhufteef Gaaffilee baay'ee ishee gaafatu ture. Yeroo muraasa boodas bitaan biyya sanaa ykn mootiin biyya sanaa ni du'e. Maatiin isaas dhufanii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti himan. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam yeroo deemtus du'ee isa argite. Namoota boo'aniinis callisaa jetteen, namoonni boo'aa turanis ni callisan. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis harka ishee mirgaatiin isa qabdee maqaa Waaqayyootiin ka'i! jetteen. Mootiin du'ee ture sunis ni ka'e. Namoonni achitti boo'ichaaf walitti qabamanii turanis maqaa Xaa'otiiwwan isaanii waamuudhaan «Aphooloos fi Ardaamiis nama fakkaatanii dhufan» jedhan. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis «Xaa'otiiwwan isin jettan miti ani, dachee Yihudaa irraa godaanee kanan dhufe ani namadha» erga jetteeniin booda, nama du'e kaasuun kan isaaf danda'aamu Waaqayyo ta'uu isaa akka beekanii fi Waaqayyottis akka amanan isaan barsiiste. Dhukkubsattoota biyya isaanii keessa jiraatan fayyisaa ji'oota muraasaaf achi turte. Dachee isaaniis eebbistee bishaan burqisiisteefi kanaan fayyaa jetteen. Namni dhukkubsates ta'e Bineensonni ykn Bineeldonni dhukkubsatan bishaan haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam burqisiistetti yeroo dhiqatan ni fayyu ture. Kana boodas gara biyya Raafaan jedhamuutti deeman. Namoonni Raafaanis Malakatii afuufaa dhufanii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, Yooseefiifi Soloomee dhagaadhaan rukutan. Yooseef fa'as biyya sanaa ba'aanii deeman. Naannoo Arabaatti kan argamtu gara biyya Qeedroositti deeman. Faallaa namoota Raafaaniitiin biyya kanatti ammoo namoota Tsooman, namoota Kadhatan argatan. Biyyi kunis biyya baay'ee namatti toluufi magariisummaan kan itti guutame ture. Qeedroosittis ji'oota saddeetiif jiraatan. Yooseefiis haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin «Wanta hunda dhiisnee as haa jiraannu» jedheen. Innis biyyaa biyyatti, gammoojjii dhaa gammoojjiitti dhama'uu dhiisnee, godaanuu dhiisnee haa boqonnu jechuu isaati. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis fedhii Waaqayyoo malee as jiraachuu ykn as taa'uu hin dandeenyu jetteen. Halkan sanattis Qulqulluum Gabri'eel dhufee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin biyya kanaa ba'i jedheen. Biyya sanaas ba'aanii gara Dabra Amooritti deeman. Namoonni dhukkuba garaatiin qabamanii turanis dhufanii isaan simatan. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis hunda isaanii fayyiste, Dabra Amoorittis yeroo baay'eef achi ta'aan.
Read Also :- Hiikoo Sirna Qiddaasee
Dabra Amoorii ba'aanii yeroo deeman gara biyya Geelaawudaa jedhamuutti gahan. Biyya sanattis nama Afuurri hamaa irra bule argan. Namicha sanas Afuurri hamaa ykn Afuurri Xuraa'aa erga irra bulee waggaa 70 darbeera. Namichi kun hin rafu, foon isaa dhagaadhaan kukkuta, sansalataan yeroo hidhamus sansalaticha ni caccabsa. Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yeroo argettis naaf dhiisi! jedhee miila ishee jalatti kufe. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis Afuura hamaa sanaan maqaa Waaqayyootiin ba'i! jetteen. Afuurri hamaa sunis ni ba'e. Bineensonni hamoon fakkeenya ykn ibsama Afuurota hamooti. Yohaannisis Daabiloos Bofaa fi Jawween yeroo fakkeessu akkas jedha «Addunyaa hunda kan dogoggorsiisu Daabiloos fi Seexana kan jedhamu Jawwee guddichi, innis Bofa waliin darbatame» Mul. Yoh. 12:9. Namichi Afuurri hamaa irraa bahe sunis sirraa adda hin ba'u, jedhee ishee sagadaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam duuka bu'e. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis gara firoota keetti deebi'i jetteen.
Read Also :- Dabra Mixmaaq
Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Raajiiwwan garaa garaa akka taasistu namoonni naannoo sana dhaga'aan. Namichi Bitaa biyya sanaa garaan isaa bokoke tokko gara isheetti dhufee na fayyisi jedheen. Isheenis ilma kootti amani ni fayyita jetteen. Innis nan amana jedheen, garaa isaa keessaas Bofti ni ba'e, dhukkuba isaa irraas ni fayye. Yooseef fa'as ji'oota sagaliif mana isaa teessise. Ji'a sagal boodas Mana isaatii bahanii yeroo deeman gara biyya Galaana Libaa jedhamu qabuutti gahan. Namoonni biyya sanaas Qanceedhaan reebaa isaan ari'an, Yooseef fa'a muka Beelbeel jedhamu jala bulan. Ta'us garuu Ergamaan Waaqayyoo Saragallaa dhaan isaan kaasee namoota isaa reebanii ari'an gidduu isaan kaa'e. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam hirribaa yeroo dammaqtetti biyya namoota Qanceedhaan isaan ar'anii jiraachuu isaan bartee, garmalee sodaattee Waaqayyo kadhatte. Namoonni Qanceedhaan isaan reebanii turanis namummaa irraa gara Sareetti jijjiraman. Meeshaan Waaqayyo cuubbamoota ittiin adabuu kan garaa garaati, nama bineensa taasisa. Adabbiin akja kanaa adabbiin namoota garmalee of jajan irratti darbudha. Fknf; Mootii Naabukadanatsoor (Daan. 4:28-34).
Boo'icha Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam laga gamatti
Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Yooseef fi Soloomee irraa adda baatee mucaa ishee qabattee laga ceetee kophaa ishee teesse. Baay'ina gidiraa fi rakkoo ishee irraa kan ka'e baay'ee boosse. Ergamaan Waaqayyoos dhufee Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam tasgabbeessee Yooseef fi Soloomee fa'a waliin walitti fidee deeme.
7. Mana Ti'iimaan
Biyya Gibtsiitti Ti'iimaan kan jedhamtu dubartii haadha qabeenyaa tokkotu turte, haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam fa'as mana ishee gahan. Ti'iimaan qabeenya biyya lafaatiin garmalee kan eebbifamte turte. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis ilma ishee lafa irra keessee Dubartii sanaan akkas jetteen «Mucaan koo garmalee waan beela'eef Aannan yoo qabaatte naaf kenni? yoo Aannan hin qabdu ta'es nyaata mana kee jiru keessaa naaf kenni?» jetteen. Dubartiin sunis gara laafummaa homaayyuu kan hin qabne hamtuu waan turteef haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti ni kolfite, akkasis jetteen «Bifti kee bareedaadha. Lapheen kee garuu dabaadha, sanafidha, Jecha Kadhannaa kee kana lammaffaa akka hin dhageenye!» Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis jecha Dubartiitti hamtuu sanaa erga dhageesse booda «Dhuguma jette gidiraa kuni hundi kan narra gahe Cubbuu kootiini» jetteen ni boosse. Mana Abbaa fi haadha ishee ni yaadatte. Yooseefis dubartii sanaan akkas jedheen «Nyaanni yoo jiraate keessummaaf kennu, yoo hin jiraanne ammoo iddoo jiruun si haa gahu! jedhanii nagaadhaan gaggeessu malee maalif jecha akkasitti laphee nama tuqu dubbatta?» jedheen, Dubartiin sunis Yoosefii «Ati tikseen Re'ee ana barsiistaa?» jetteen. Dhuma irratti garuu dubartii kana lafti afaan ishee bantee ishee liqimsite, akkuma Daataan fi Abeeroon (Lakk. 16:1-35).
8. Dachee Nihiisaa
Kana boodas haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam, Yooseef fi Soloomeen biyya sanaa bahanii gara biyya Nihiisaatti galan. Namoonni hedduunis gara haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamityi dhufanii ilmi Waaqayyoo sirraa akka dhalatu Raajonni kan dubbatan dhageenyeerra jedhanii sagadaniif. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis Nihiisaatti guyyoota sadiif erga turte booda biyya keessaniitti dhukkubsattoonni hin jiranii? haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis dhukkubsattoota biyya sana keessa jiran ni fayyiste. Kana boodas Waaqayyo irraa Duumessi ajajame dhufee Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, Yooseef fi Soloomee qabatee deeme. Bakka fagoo miilaan guyyaa 38 deemsisu irra isaan teessise. Iddoo kanattis gadda, rakkoo fi boo'icha malee yeroo muraasa ta'aaniiru.
9. Dachee Itoophiyaa
Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ilmi ishee Iyyesuus Kiristoos, Yooseefiifi Soloomeen Duumessaan fe'amanii Gibtsii dhaa gara Itoophiyaatti yeroo dhufan biyya Naagraan jedhamu gahan. Naagraan osoo jiranii gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos akkas jedhe «Cinaacha koo mirgaa irraa dhiigni dhangala'u Ergama Uraa'eeliin waraabamee dursee biyya kanatti facaafama». Seenaan kun Kitaaba Dirsaana Qulqulluu Uraa'eel irratti baldhinaan barreeffamee waan jiruuf achirra dubbisaa!
Gara Israa'eelitti deebi'uu haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, Iyyesuus Kiristoos, Yooseef fi Soloomee
Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam fi fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos Yooseefi Soloomeen godaansaan kan jiraatan waggaa sadii fi ji'a jahadha. Waggaa sadii fi ji'i jaha erga raawwate booda Iyyesuus Kiristoos ajjeesuuf dhama'aa kan ture Mootichi Heeroods ni du'e. Ergamaan Waaqayyoo Qulqullichi Gabri'eel du'a Heeroods Yooseef fa'aatti hime, «Heeroods erga du'e boodas kunoo Ergamaan Waaqayyoo Gibtsiitti Yooseefitti abjuudhaan muldhatee lubbuu daa'imichaa kan barbaadan du'aniiru waan ta'eef ka'i! daa'imichaa fi Haadha isaa qabadhuutii gara biyya Israa'eelitti deemi!» jedheen. Maat. 2:19-22. Kana boodas Gibtsiidhaa gara biyya Israa'eelitti deemuuf ka'aan. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis iddoowwan Gibtsiitti keessa turte ni eebbiste. Yooseef fa'as Dabra Qusquwaamii ba'aanii gara biyya Moosaar jedhamuutti gahan, achittis iddoo Mahaalqaa jedhamu gahanii bosona keessa bulan. Kana boodas Moosaarii ba'aanii godaansa irra osoo jiranii gara biyya iddoo gooftaan keenya Bishaan itti burqisiiseetti gahanii bishaan sanaan dhiqatan. Kana boodas gara biyya Israa'eelitti dhiyaachaa yeroo dhufan mucaan Mootii Heeroods Arkeelaawoos bakka Abbaa isaa Mootii Yihudaa ta'ee akka muudame yeroo dhaga'aan nu ajjeesuuf nu barbaaduu danda'a jedhanii sodaatan. Ergamaanis dhufee abjuudhaan gara Galiilaatti deemi hin sodaatiin jedheen. Yooseef:- Iyyesuus Kiristoos, Dubroo Maariyaam fi Soloomee qabatee Galiilaa seene. Magaalaa Naazreet jedhamtuttis jiraatan. Maat. 2:22-23.
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
0 Comments