Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaa Yaa'iqoob jedhamuun kan waamaman;
1. Yaa'iqoob ykn Israa'eel ilma Ribqaa fi Yisihaaq Abbaa ijoollee Israa'eel kudha lamaanii. Uma. 25:19-34, 27.
2. Duuka Bu'icha Qulqulluu Yaa'iqoob ilma Zabdewoos fi obboleessa Qulqulluu Yohaannis. Maat. 10:2.
3. Yaa'iqoob ilma Ilfiyoos Duuka Bu'oota keessaa tokkodha, yeroo tokko tokko Yaa'iqoob isa xiqqicha ykn Yaa'iqoob Xiqqoo jedhamee ni waamama, Maat. 10:3, Marq. 15:40
4. Abbaa Duuka Bu'icha Yihudaa, Luq. 6:16, HDB. 1:13
5. Obboleessa gooftaa, Maat. 13:55.
Madda :- Galmee jechootaa Kitaaba Qulqulluu
Ibsa Suuraa:- karaa harka bitaa kan jiru Qulqulluu Yaa'iqoob yoo ta'u karaa harka mirgaa kan jiru ammoo Qulqulluu Indiriyaasidha.
Qulqulluun Yaa'iqoob Obboleessa hangafaa Qulqulluu Yohaannis Wangeelaawwiiti. Hojiin isaa jalqabaas Abbaa isaa (Zabdewoos) fi obboleessa isaa Qulqulluu Yohaannis waliin Qurxummii kiyyeessuu ture. Galaana Galiilaa qarqaratti Abbaa isaanii Zabdewoos waliin Qurxummii yeroo kiyyeessan Qulqulluu Pheexiroos fa'aatti aananii waamaman. Hoggasuma Abbaa isaanii Zabdewoos fi Qurxummii kiyyeessuu dhiisanii Gooftaa duukaa bu'an. Qulqulluun Yaa'iqoob fi obboleessi isaa Qulqulluun Yohaannis hojii fi hawwiin isaanii guddaa fi humni kan itti guutame waan tureef (Luq. 9:49, 54, Marq. 10:37) «Boo'eeneergees» ykn «Ijoollee Qaqawweessaa» jedhamaniiru.
Qulqulluun Yaa'iqoob Duuka Bu'oota Utubaa ykn Duuka Bu'oota iccitii keessaa tokko ta'uu Isaatiin Dabra Taaboritti, Gooftaan keenya Mana Iyaa'iroositti seenee yeroo fayyisu fi Geeteesemaaniitti argameera.
Duuka Bu'oota Utubaa ykn Duuka Bu'oota iccitii kan jedhaman sadan;
• Qulqulluu Yaa'iqoob ilma Zabdewoos fi
Qulqulluun Yaa'iqoob tarree lakkoofsa Duuka Bu'ootaa keessatti;
→ Wangeela Qulqulluu Maatewoos irratti sadarkaa sadaffaa irratti,
→ Wangeela Qulqulluu Maarqoos irratti ammoo sadarkaa lammaffaa irratti
→ Wangeela Qulqulluu Luqaas irratti ammoo sadarkaa sadaffaa irratti ka'aameera.
Akkasumas Kitaaba Hojii Duuka Bu'ootaa irrattis sadarkaa sadaffaa irratti barreeffamee argama. Obboleessa Gooftaa kan ta'e Yaa'iqoob irraa adda baasuufis Yaa'iqoob isa guddicha ykn Yaa'iqoob ilma Zabdewoos jedhamee ni waamama.
Qulqulluun Yaa'iqoob kan jiraateefi kan boqote magaalaa Iyyerusaaleemitti. Jaarraa 17ffaa dhaa asitti garuu galmeewwan Seenaa tokko tokko Qulqulluun Yaa'iqoob Wareegamummaadhaan boqochuu isaatiin dura Ispeenitti akka lallabe dubbatan argamaniiru.
Biyyuma kanatti namoota torba muudee yeroo deebi'u Magaalaa Iyyerusaaleemitti Wareegamummaan akka boqote Abbootiin ykn Beektonni Ispeen ni dubbatu. Inumaayyuu bara giddu galeessaatti Lafee ykn Ekeraa isaa Iyyerusaaleemii fuudhanii Ispeen Saantiyaagootti kan ka'aan ta'uu isaanii bakka itti ka'aame agarsiisaa ragaa ni ba'u.
Qulqulluu Yaa'iqoob fi Falfaltoota Lamaan
Filiixoos kan jedhamu falfalaan ykn Xonqaayiin Lallaba Qulqulluu Yaa'iqoobiin amanuu isaa hiriyaa isaa Heroomogeeniisitti hime. Heroomogeeniisis ol aantummaa mataa isaa agarsiisuuf jedhee harkaa fi miila Filiixoos asmaatii ykn falfala ykn Xonqolaa dhaan ni hidhe. Filiixoosis wanta isa irra gahe hunda tarreessee Qulqulluu Yaa'iqoobiif erge. Kana kan dhaga'e Heroomogeeniisis Qulqulluu Yaa'iqoob hidhanii akka isaaf fidaniif Asmaatiidhaan Seexana ykn Agaanintii itti erge. Seexana ykn Agaanintiin ergaman sun garuu Qulqulluu Yaa'iqoob irratti humna waan hin qabneef wanta ergamaniif raawwachuu hin dandeenye. Marq. 16:17. Inumaayyuu Qulqulluun Yaa'iqoob deebisee Heroomogeeniis akka isaaf fidan isaan ajaje. Isaanis harkaa fi miila isaa hidhanii qabanii gara Qulqulluu Yaa'iqoobitti dhufan. Yeroo sanattis Qulqulluun Yaa'iqoob Filiixoos hiike. Filiixoos Kiristaana waan ta'eera waan ta'eef Heroomogeeniisiif dhiifama ykn araara kadhateef. Qulqulluun Yaa'iqoobis «Nuti hamaa hamaadhaan waan hin mormineef, Seexanaan rakkachaa akka hin jiraanneef Kiristoos irraa araara siif kadhanneerra» jechuudhaan Heroomogeeniis hidhaa isaa irraa akka hiikamu taasise.
Wareegamummaa Qulqulluu Yaa'iqoob
Abbootiin akka barsiisanitti Duuka bu'ichi Qulqulluun Yaa'iqoob umuriin isaa deemee waan tureef akka Duuka Bu'oota warra kaaniitti baay'ee naanna'ee hin barsiisne. Teessoon isaas magaalaa Iyyerusaaleemitti ture.
Namni Ayihuudii tokko Lallaba Qulqulluu Yaa'iqoobiin waan aareef dubbii uumee isa himatee Shangoo Ayihuud fuulduratti isa dhiyeesse. Qulqulluun Yaa'iqoob garuu sodaa fi qaanii malee waa'ee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos Shangoo sana fuulduratti ragaa bahe.
Kanaanis garmalee kan aare Mootichi Heeroods Agriphaan bara 44 Dh.K.B Qulqulluu Yaa'iqoob Sayifiidhaan ajjeesise. HDB. 12:2. Qulqulluun Yaa'iqoob namichi himatee ture sun garuu jaalalaafi cimina Qulqulluun Yaa'iqoob Amantaa isaatiif qabu arguu isaatiin Qulqulluu Yaa'iqoob himachuun isaa isa gaabbisiise. «Ani akka Qulqulluu Yaa'iqoobitti Kiristaanadha. Gooftaa isa Iyyesuus Kiristoositti nan amana» jechaa daandii irra naanna'ee ragaa bahuu jalqabe. Sababa kanaanis innis mormi isaa Sayifiin muramee Wareegamummaan boqote.
Qulqulluun Yaa'iqoob Duuka Bu'oota keessaa Wareegamummaan isaa Kakuu Haaraa keessatti kan barreeffameef Duuka bu'aa isa jalqabaa ykn Kitaabolee Kakuu Haaraa keessatti Wareegamummaan Duuka Bu'ootaa kan barreeffame kan Qulqulluu Yaa'iqoob qofaadha. Duuka Bu'oota keessaas Goonfoo Wareegamummaa isa jalqabaa kan argate isadha.
Read Also :- Duuka Bu'icha Qulqulluu Phaawuloos
Duuka Bu'icha Qulqulluu Indiriyaas
Duuka bu'ichi Qulqulluun Indiriyaas Duuka bu'aa jalqaba irratti waamamedha. Yoh. 1:35-45. Obboleessa Qulqulluu Pheexiroos yoo ta'u dhaloonni isaas Beeta Sayidaatti. Jalqaba irratti Duuka bu'aa Yohaannis Cuuphaa ture. Ta'us garuu Yohaannis Cuuphaan «Cubbuu Addunyaa kan dhiisisu Hoolaan Waaqayyoo» jedhee waa'ee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo ragaa bahu yeroo dhaga'etti Iyyesuus Kiristoos duuka bu'e.
Beeta Sayidaa jechuun maal jechuudha? Eessatti argamti?
Beeta Sayidaa «Mana nama Qurxummii kiyyeessuu» jechuudha.
1. Galaana Galiilaa irraa gara Kaabaatti gara lagni Yordaanoos galu qarqaratti magaalaa argamtudha. Isheenis biyya Qulqulluu Pheexiroos, Indiriyaas fi Filiiphoos dha. Yoh. 1:44-50, 12:21. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Beeta Sayidaatti nama Iji isaa jaamaa ta'e fayyise, Marq. 8:22-26. Ta'us garuu Magaalaan sun barumsa isaa hin fudhanne. Luq. 10:13.
2. Heeroods Filiiphoos tarii magaalaa kana, ykn Beeta Sayidaa kan jedhame magaalaa kan biraa irra deebiin karaa Bahaatti ni hojjete, Kiristoos naannoo magaalaa kanaatti kan argamu lafa onaatti namoota kuma shan soore. Luq. 9:10-17.
3. Iyyerusaaleem keessatti ammoo Beeta Sayidaa kan jedhamtu Iddoon Cuuphaa dhukkubsattoota jirti turte, Yoh. 5:2. Garuu maqaan ishee «Beeta Sayidaa» osoo hin taane «Beeta Seehaadaa» ykn «Beeta Zaaraa» kan ture fakkaata, hiikni isaas «Mana araaraa» jechuudha.
Maqaan Duuka bu'aa kanaas yeroo 12 Wangeela keessatti, yeroo tokko ammoo Kitaaba Hojii Duuka Bu'ootaa keessatti caqasamee ykn barreeffamee argama. Qulqulluun Indiriyaas tarree maqaa Duuka Bu'ootaa keessatti;
• Wangeela Maarqoos fi Hojii Duuka Bu'ootaa keessatti Arfaffaa irratti
• Wangeela Maatewoos fi Luqaas irratti ammoo lammaffaa irra ka'aameera.
Duuka Bu'ichi Qulqulluun Indiriyaas maqaawwan garaa garaatiin beekama;
Pirootookileetoos :- kan waamame jechuudha. Kiristaanonni jalqabaa maqaa kanaan isa waamu ture. Dursee Duuka bu'ummaaf waan waamameef ta'uu hin oolu.
Haala mijeessaa (አስተባባሪ) :- nama waliin dandeettii walii galuu waan qabuuf Duuka Bu'oota biratti akka haala mijeessaatti ykn akka «aastebaabariitti» lakka'ama ture.
Bultoo Maatii :- Bultoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos erga arge booda deebi'ee obboleessa isaa Qulqulluu Pheexiroositti himuu isaatiin fi Missiraachoo sana maatii isaatti himuu isaatiin «Duuka Bu'aa Maatii» ni jedhama.
Duuka Bu'aa Dargaggootaa :- Qarqara Galaana Xibriyaadoositti ganamaa hanga galgalaatti uummata ykn saba barachaa tureef Gooftaan nyaata yeroo gaafatu fi Duuka bu'ichi Filiiphoos uummata sana hundaaf kan gahu Biddeen akka hin jirre yeroo deebisetti ykn yeroo dubbatetti, Qulqulluun Indiriyaas garuu Biddeen Garbuu shan fi Qurxummii lama kan qabate dargaggeessa cimaa sana gara Gooftaatti dhiyeessee eebbisiiseera. Yoh. 6:6-7. Kanaanis «Duuka Bu'aa Dargaggootaa» jedhamee ni waamama.
Duuka Bu'aa Ahizaabota Jaallatu :- Gooftaa keenya arguuf kan barbaadan Ahizaabota karaa qomoo Giriikii turan fudhatee Gooftaa waliin walitti isaan fideera waan ta'eef. Yoh. 12:20-22.
Barreessaan Seenaa Mana Kiristaanaa Awusaabiyoos akka ibsetti Qulqulluun Indiriyaas yeroo durii bakka Iskutees har'a ammoo Ruusiyaa ykn Raashiyaa iddoo jedhamtutti Wangeela lallabeera. Biyyi kun akka waamama Addunyaa isa duriitti Baroobaaroos jedhama ture. Galaana Gurraacha irraa gara Kaabaatti laggeen Daanaayuub fi Taanaayoos gidduutti argamti. Kana boodas Galaatiyaatti fi Ruumaaniyaatti barsiiseera. Hangafa Phaaphaasii Qusxanxiiniyaa isa jalqabaa ta'uun isaas ni himama.
Dhuma irrattis Giriikii keessatti osoo barsiisuu daandii Akaayiyaatti bakka ykn iddoo Phaaxriis jedhamtutti bara 60 Dh.K.B, Mudde 4 wareegamummaan boqoteera. Namoonni biyya sanaa Fannoo akka Gooftaa irratti isa fannisuuf yeroo dhufan «Fannoo akka Gooftaan koo irratti fannifame irratti na hin fannisiinaa» jedhee Fannoo bifa Qubee Afaan Ingiliizii «X» qabu irratti fannifamee du'e.
Bara 357 Dh.K.B Mootichi Qosxanxiinoos Ekeraa Qulqulluu Indiriyaas Phaaxraa irraa gara Qusxanxiiniyaatti fichisiise. Jaarraa 8 ffaa keessa ammoo Monokseen Reeguuloos jedhamu quba harka mirgaa isaa gara Iskootlaanditti fudhate. Iskootlaandonni eegaa keenyadha (Patron) jedhanii kan isa kabajan kanaafidha.
Barreeffamoonni Blog kana irratti maxxansinu dafanii akka isin bira gahaaniif «Follow» kan jedhu kana tuquun Follow taasisaa ykn Follow us on Twitter kan jedhu tuquun karaa Twitter nu argadhaa!
Eebbi Qulqulloota kanaa nurra haa bulu!
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
4 Comments
it's attractive websity I appriciate it
ReplyDeleteWaaqni cimina waliin tajaajilluu nuuf haa kennu jabaadha
Galatoomaa! Waaqayyo isin haa eebbisu!
DeletediutaAreyo1992 Christina Evans https://wakelet.com/wake/KbtpPdxOpuJdk4jQEfCjr
ReplyDeletediafurnsifer
Nexarcont-ta1981 Keith Cvetkovic FixMeStick
ReplyDeleteCisco Packet Tracer
Sound Forge
phyllitanel