Abbaan keenya Abuna Aragaawwiin Abbootii Qulqulloota Saglan keessaa isaan tokkodha. Dhaloonni isaaniis Room qomoo warra Moototaa keessaa yoo ta'u Abbaan Yisihaaq Mootii Room ture, haati isaanii ammoo Idinaa jedhamti. Lamaan isaaniiyyuu Waaqayyo kan sodaataniifi kan kabajan turan. Mucaa eebbifamaas ni argatan, Seera Waaqayyoo fi Kitaabolee Qulqulla'aa dubbisaa guddatan Abuna Aragaawwiin. Umuriin isaaniis fuudhaaf yeroo gahu niitii isaaniif kaadhimaniyyuu jaalala Kiristoosiif qaban irraa kan ka'e bultii ijaarrachuu dhiisanii gara Gadaamii ykn Kawaala Dawunaas jedhamtuutti deeman, achittis Abbaa Phaakumiis ni jiraatu ture.
Aba mineetii (Alaqaa Monoksootaa Gadaamii keessatti) Gadaamii sanaa kan ta'aan Abbaa Phaakumiisiinis uffata Minkusinnaa akka isaan uffisan gaafatan. Abbaa Phaakumiisis «Yaa mucaa koo! ati mucaa Mootii waan taateef ykn mucaa Mootii akka ta'uu keetti dhaalaa Mootummaati waan taateef Monokkostee jiraachuun siif ni danda'aamaa?» jedhaniin. Qulqulluun Abbaan keenya Abuna Aragaawwiinis «Abbaa koo! Mootummaan lafarraa kan darbuu fi kan badudha. Garuu ishee hin dabarree fi hin badne Mootummaa ishee bara baraa dhaaluun barbaada» jedhaniin. Kanuumaanis umurii isaanii waggaa 14tti harka Abbaa Phaakumiisiin uffata Minkusinnaa uffatan, Gadaamii ykn Kawaala sanattis ni jiraatan.
Kana boodas oduun Qulqulluu kanaa biyya isaanii Room keessatti, akkasumas iddoowwan kaanittis ni dhaga'aame. Kanaanis kan booji'aman Qulqulloonni torba;
• Abbaa Liqaanoos - Qusxanxiiniyaa irraa
• Abbaa Yim'ataa - Qoosiyaa irraa
• Abbaa Tsihimmaa - Antsookiyaa irraa
• Abbaa Gubaa - Kilqiyaa irraa
• Abbaa Afitsee - Isiyaa irraa
• Abbaa Phanxalewoon - Room irraa
• Abbaa Aleef - Qisaariyaa irraa gara Gadaamii ykn Kawaala inni jiruutti dhufan.
Abbaan Phaakumiis waggoota hedduudhaaf Minkusinnaa fi Sirna Waldaalee ykn Sir'aate Mehaberat isaan barsiisan. Haati isaa Mootittii Idinaan oduu mucaa ishee dhageessee gara iddoo inni jiruutti deemtee Monokkoste. Gadaamii ykn Kawaala dubartootaattis seentee jiraachuu jalqabde. Monoksoonnis Abbaa ZaMikaa'eel dursaa isaanii taasifatan, qaama fooniitiinis daa'ima ta'ee osoo jiruu bilchina sammuu isaa ilaalanii daandii jireenya waan nutti agarsiisteef ykn waan nu dursiteef Abuna Aragaawwii jedhamuu qabda jedhanii ykn jedhamuun siif ni ta'a jedhaniin, kana boodas Abuna Aragaawwii jedhamanii waamaman, gamna beekaa jechuudha.
Gadaama Daawunaanitti waggoota torbaaf erga turan booda Yisihaaq (boodarra Abuna Gariimaa) gaafachuu fi namoota biyya sanaa barsiisuuf tokkummaan ta'aanii gara Roomitti deebi'anii yeroo barsiisan bara isaaniitti Amantaa Kaatolikii akka fudhataniif dhiibbaan irratti taasifamuyyuu «Dhugaadhaan dhugaa, Sobaan ammoo soba jechuun barbaachisaa waan ta'eef Kiristoos Tawaahidoo booda amala lama jedhanii barsiisuun ganiinsadha!» jedhanii ifatti mormuu jalqaban. Qulqullichi Abbaan keenya Abbaa Aragaawwiinis jecha Wangeelaa «Iddoo tokkotti yoo gidiraa isinitti baay'isan gara iddoo biraatti baqadhaa!» kan jedhu bu'uura taasifachuunii fi Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Haadha isaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiif waadaa taasisee akka kenneef Kitaabolee Qulqulla'oo irraa dubbisuu isaatiin jaalala Itoophiyaatiin qabame, yeruma sanas deemuu barbaade. Kanas Duuka Bu'oota isaa lama qabatee eenyuttiyyuu osoo hin himiin Qulqulluun Mikaa'eel isa dursaa iddoo Phaaphaasii fi Mootichi argaman ykn jiran Magaalaa Aksumiin isa gahe.
Achis guyyoota muraasaaf taa'ee gara Roomitti deebi'e. Waa'ee Itoophiyaa ija isaatiin kan arge, gurra isaatiin kan dhaga'e hunda obboloota isaatti hime. Isaanis «Nutis gara biyya kanaatti deemuu qabna» waliin jedhan. Meeshaalee tajaajilaa isaaniis qabatanii Taabotaa fi Luboota isaanii akkasumas Meeshaalee Qulqullaa'oo fi Kitaabolee qabatanii obboloota akka isaanii waliin Abuna Aragaawwii ykn ZaMikaa'eel isaan dursaa bara Mootummaa Al'aameedaa 5ffaa bara 480 tti iddoo Mootii fi Phaaphaasiin argaman Magaalaa Aksuum gahan, Qulqulloonni saddeetis ni dhufan. Xiqqoo turees inni sagalaffaan Abuna Yisihaaq ykn Abuna Gariimaan Roomitti erga Mootii ta'ee waggaa torba booda Mootummaa isaa dhiisee Aksumitti dhufe. Yeroo sanattis akkuma isaaniitti isaafis aangoo Minkusinnaa kennan lakkoofsi ykn baay'inni isaaniis sagal ta'e.
Read Also:- Abuna Gabra Manfas Qidduus
Hunda isaaniitiifiyyuu bakki boqonnaa addaa «Bete Qaxiin» kan jedhame kennameefii Kadhannaadhaan murta'aanii jiraatu ture, Mana Kadhannaa tokkotti tokkummaa dhaan ta'aanii Kadhannaadhaan uumaa isaanii kadhachaa, raajiiwwan ajaa'ibaas raawwachaa turan. Ergamoonni Waaqayyoos osoo isaanirraa adda hin ba'iin yeroo hunda isaan jajjabeessu ture. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis isaaniif ibsama ture. Tokkoon tokkoon isaaniitiis raajiiwwan gurguddoon taasifamaniiru. Isaan keessaas Tulluu kan sochoosan ykn buqqisan, Galaana qoodanii lafa gogaa kan taasisan, qamadii facaasanii guyyaa tokkotti aarsaaf kan geessisan ni jiru. Dacheen Itoophiyaas Qulqulloota kanaan ni eebbifamte.
Boodas Mootichi Al'aameedaa erga du'e booda kan Mootii ta'ee Taazeenaa jahaffaatiin «Bara Mootummaa irratti gargar baanee haa barsiisnu» jedhanii murteessanii gargar bahan.
• Abuna Liqaanoos - Dabra Qonaatsil
• Abbaa Phanxalewoon - naannoo Aksuumii xiqqoo fagaatee kan argamutti
• Abuna Yisihaaq - Madaraa
• Abuna Gubaa - Naannoo Madaraatti
• Abbaa Tsihimmaa, Abbaa Yim'ataa - Gar'aaltaa
• Abbaa Aleef - bakka Bihizzaa jedhamtutti fi
• Abbaa Afitsee - Yihaatti barsiisuuf bobba'aan.
Abbaan keenya Abuna Aragaawwiinis haadha isaanii fi Duuka bu'aa isaa Maatiyaas jedhamu qabatanii hunduma irraa fagaatanii gara iddoo filataniitti yeroo deeman gaaddisa muka jalatti boqotan ykn afuura fudhachuuf ta'aan, mukti sunis hanga hardhaatti iddoo boqonnaa Qulqullootaa taatee argamti. Abuna Aragaawwiinis iddoo Qulqulleettii, Daamoo yeroo argetti yeroo sadi sagade. Tulluu sana jalatti jiraachuufis hawwe. Ta'us garuu gara Tulluu sanaatti wanta ittiin ba'u ykn karaa ittiin ba'u hin arganne. Deebi'ee gara Tulluu kan biraatti deeme, ta'us garuu bakka eebbaa akka Dabra Daamoo yeroo dhabetti ni deebi'e. Achittis burqaa bishaanii argate. Bishaanicha kunuunsaa, Monoksoota Dubartoota akka bulchituuf haadha isaa Qulqulleettii Idinaa achi kaa'e. Iddoo kanaanis «Dabra Be'atelimmoo» jedheen, hiikni isaas mana boqonnaa haadha koo jechuudha.
Read Also:- Qulqulloota Kutaa 1ffaa
Achii yeroo deemus dhagaa battee argatee achi irratti Afaa ykn Minxaafii xiqqoo hafee taa'e. Uleen isaas dhagaa irra kaa'e ykn dhagaa irra dhaabe. Yeroo ka'ettis Duuka bu'aan isaa Maatiyaas yeroo Ulee sanaa fi Minxaafii sana yeroo kaasetti dhagaan sun hojjaan ishees, dalgeen ishees boca bifa Minxaafii sanaa baaste. Bifti ishee duraa Adii yoo ta'u amma garuu kan hin bannee fi kan hin quncaane bifa Diimaa ta'eera. Waa'ee Kabaja Abuna Aragaawwiitiif namoonni achi gahan hundi ni dhungatu ykn nagaa ni gaafatu.
Gaaf tokkos daandii deemaa oolee Tulluu sana bukkeetti asii gadi kan diriirfame hidda ykn funyoo argatee jala isheetti guyyaa sadii fi halkan sadi erga kadhate booda Qulqulluun Mikaa'eel isaaf ibsamee «Yaa Qulqulluu Waaqayyo si kabajee, maaltu si dhiphise?» jedheen, Abbaan keenya Abuna Aragaawwiinis «Tulluu kana irra ba'ee waa'ee Cubbuu kootiif dhiifama gaafachuuf nan barbaada» jedheen. Ergamichis «Gara Tulluu kanaatti kan ittiin baatu Waaqayyo hanga siif ergutti yeroo muraasa obsi!» jedheen.
Qulqulluun Abuna Aragaawwiinis Tulluu sana irraa jaalalli isaanirra bule, ni boo'anis. Yeroo kanattis Qulqulluun Mikaa'eel dhufee «Yaa Aragaawwii! hin sodaatiin aangoo siif kennameera waan ta'eef. Karaa mirgaa hidda sanaatiin iddoo jiru taa'i, gara fiixee Tulluu kanaatti akka si baasuuf bakka funyoo sanaa hojjaan isaa ciqilee jahatama kan ta'e Jawwee guddaa Waaqayyo siif erga» jedheen. Sana boodas Tsoomaa fi Kadhannaadhaan Subaa'ee lama qabatanii guyyoota 14'f achi ta'aan. Jawween ajajame sunis sa'aatii sadi irratti dhufe, eegee Jawwee sanaa irratti ba'ee saffisaan gara fiixee Tulluu eebbifamaa sanaatti ba'e, akkuma gaheenis yeroo sadi ykn al sadi sagade. Yeruma sanas «Haalleluyaa Abbaaf, Haalleluyaa Ilmaaf, Haalleluyaa Afuura Qulqulluuf!» jedhee galateeffate. Kanaafis bakki sun «Dabra Haalleluyaa» jedhamee moggaafame. Yeroo dhiyettis Daabboo ykn Habistii xiqqoo kaasee eebbisee nyaachuu jalqabe. Daabboo ykn Habistii sunis walakkaa yeroo geessu waan quufeef fakkeenyi Daabboo walakkaa sanaa dhaloota boodaatiif mallattoo akka taatuuf mukaa soqee ykn bocee ol kaa'e, mallattoon kun hanga hardhaatti ni jirti.
Read Also :- Qulqulleettii Arseemaa
Duuka bu'oonni isaaniis masalaalii jalaa gara gubbaatti ittiin bahan hojjetan, Abbaan keenya Abuna Aragaawwiin ammoo Mana xiqqoo hojjetanii Taabota fidee dhufe keessa kaa'e. Waaqayyos waa'ee aarsaa ykn waa'ee Qurbaana isaatiif isa Kadhatan. Waaqayyos Kadhannaa isaanii dhaga'ee wanta isaan barbaachisu hunda Samii irraa Ergamoonni isaaniif qabatanii bu'an. Iddoo jireenya isaaniitiifis Ba'aatii xiqqoo argatan. Siree ykn hirriba malee Tsooma fi Kadhannaadhaan cimanii ta'aan. Saba boodas Raajiiwwan dinqii hedduu taasisan, humna Kadhannaa isaaniitiin dhukkubsattoota fayyisan, warra hin amanne ammoo barumsa isaaniitiin barsiisanii amansiisan, biyya sanaafis ifa ibsan.
Atsee Kaaleebis «Yaa Abbaa koo! Kadhannaa keetiin na yaadadhu! Kadhannaan nama qajeelaa humna qabdi waan ta'eef» jedhanii Abuna Aragaawwii gaafatan. Gara kibbaatti yeroo deemanittis Yaman injifatanii deebi'an. Ilmi Atsee Kaaleeb Gabra Masqalis Mana Kiristaanaa ijaarsiseef. Keessa isaattis Taabota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam galchan. Mootichi Atsee Gabra Masqalis Tulluu sana irraa yeroo bu'u masalaalii Mana Kiristaanaa sana yeroo ijaaran ittiin ba'aa turan diiguu jedhee isaan gaafate, Abbaan keenya Abuna Aragaawwiinis «eeyyeen diigi! garuu bakka eegee Jawwee sanaa namoonni akka ittiin ba'aaniif funyoo tolchi!» jedhaniin. Mootichis akkuma Abuna Aragaawwiin isa ajajanitti ni raawwate, bakki sunis «Dabra Dahaamimmoo» jedhamee moggaafame.
Kana boodas Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos halkan qixxeetti ibsamee «Dhadhabbii irraa gara boqonnaatti, iddoo gaddaa irraa gara iddoo gammachuun jiruutti, gara iddoo gamnachuu guddaa fi kabajni jiruutti akkan si geessuuf gara keetti dhufeera. Gaaddidduun du'aa sirra hin bu'u! Ergamaan du'aa si naasisuu hin danda'u, akka Raajotaa Eliyaasiifi Heenookitti ni dhokatta» jedhee waadaa isaaniif kennee gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gara Samiitti ol ba'e.
Abbaan keenya Abuna Aragaawwiin Duuka bu'aa isaanii Maatiyaas jedhamuuf gooftaan keenya isaaniif ibsamee waadaa isaaniif galee fi Kitaaba kana barreessee Yaadannoo akka ta'uuf itti himan. Obboloonni isaa, duuka Bu'oonni isaa iddoo walitti qabamanitti hundayyuu erga barsiisan booda «Har'aan booda Fooniin na hin argitan» jedhaniin. Duuka bu'oonni isaaniis gadda guddaadhaan miila isaanii jalatti kufanii boo'an. Abbaan keenya Abuna Aragaawwiinis isaan jajjabeessan. Onkoloolessa 14 Qulqulluu Abbaan keenya Abuna Aragaawwiin umurii isaanii waggaa 99 tti no dhokatan, sana boodas Maqoomaafi Fannoo isaaniitiin ala wanti argame tokkoyyuu hin jiru.
Eebbi fi Araarsummaan Abbaa keenya Abuna Aragaawwii hunda keenya waliin haa ta'u!
1 Comments
Eebbifami!
ReplyDelete