Subscribe To Our YouTube Channel

Hiikoo Andimtaa Wangeela Maatewoos | Seensa 2

Hiikoo Andimtaa Wangeela Maatewoos | Seensa 2

Yeroo darbe Seensa /1/ Hiikoo Wangeela Maatewoos jalatti qabxiiwwan nuti ilaalle;

• Maalummaa Wangeelaa
• Kitaaba Qulqulluu keessatti Missiraachoo wantoota jedhamanii beekaman
• Qulqulluu Wangeela 
• Wangeelonni Arfan maaliin fakkeeffamu? maalif afur qofa ta'an? kan jedhuu fi kanneen birooti. Kanaafuu osoo kutaa kanatti hin darbiin dura Seensa /1/ dubbisaa!

Seensa Hiikoo Andimtaa Wangeela Maatewoos

Kutaa kana keessatti ammoo qabxiiwwan gurguddoon nuti ilaallu;

♦ Barbaachisummaa Hiikoo
♦ Gosoota Hiikoo
♦ Hiikoo Andimtaa jalqabbii isaa fi biyya keenya Itoophiyaatti fi k.k.f dha.

Dubbisa gaarii! erga dubbisatanii xumurtan booda yaada keessan nuuf barreessuu hin dagatiinaa!

Abbootiin Mana Kiristaanaa bara durii turan kan jechaan (በቃል) baratan gariin yeroo jechumaan (በቃል) barsiisan, Gartokkeen ammoo Biraannaa irratti barreessuun ol ka'anii dhalootaa dhalootatti dabarsuun rakkoo, gidiraa cimaa keessa dabarsuun nu biraan gahaniiru. Kitaabolee ykn barnoota kanneen keessaas Barnoonni ykn Kitaabni Hiikoo Andimtaa isa tokkodha. Andimtaa Kitaabolee Qulqullaa'oo hiikuuf, ibsuuf, kan dhokate baasuuf gosa barnootaa tajaajiludha. 

Kunis Amantoonni Amantaa isaanii bal'inaa fi gad fageenyaan akka baratan, hubatan godha. Kitaaba Qulqulluu keessattis Hiikoon sammuu fi laphee namaa akka ibsu barreeffamee jira. Faar. 118:130. Kunis kan ibsu barnoonni hiikoo Andimtaa Kiristaanotaaf akka barbaachisudha. Kanaafuu Andimtaa Kiristaanaa barbaachisaa ta'uu isaatiin, hiikoo barachuun, beekuun barbaachisaadha. Sababni isaa karaa ifa ta'een Wangeela akka hubatan fi barnoota abbootii akka baran waan taasisuuf.

Abbootiin Mana Kiristaanaa «Namni Kitaaba dubbisu yoo jiraate gara dubbisa walakkaatti osoo hin seeniin dura sababa inni itti barreeffameef, mata duree isaa haa dubbisu!» jedhaniiru. Yoo kanaan alaa deemsi isaa nama osoo kan miilaan irra ejjatanii kooraa yaabbatan irra hin ejjetiin kooraa irra ba'u ykn nama riqicha ykn sadarkaa (ደረጃ) irra osoo hin ejjetiin gara teessoo (ዙፋን) ba'u fakkaata jedhaniiru.

Nuti bu'uuruma abbootii kanaatiin osoo kallattumaan gara hiikoo Andimtaa Wangeela Maatewoositti hin seeniin dura seenaa, seensa isaa ilaallaa jirra ykn gara kooraatti ba'uuf isa miila irra ka'atan irra ejjechaa jirra. Mata duree kana jalattis qabxiilee gurguddoo sadii wal duraa duubaa ni ilaalla, isaanis; 

Read Also :- Wangeela Luqaas

♥ Barbaachisummaa Hiikoo (የትርጓሜ አስፈላጊነት) 
♥ Gosoota Hiikoo (የትርጓሜ ዓይነት) 
♥ Hiikoon Andimtaa yoom eegale? 

1. Barbaachisummaa Hiikoo

Namni sammuu cimaa yaadu qabaatuyyuu garuu sababa cubbuu isaatiin kallattiin waa'ee Waaqayyoo beekuu dhorkameera, jecha ykn sagalee uumaa ykn Waaqayyoo dhaga'uu dhiisee kan uumamaa ykn Seexanaa dhaga'eera waan ta'eef, kanaanis kennaan isaa harkaa fuudhameera. Kitaabni Qulqulluunis «Kitaabolee fi Humna Waaqayyoo hin beektaniitii ni dogoggortu» Maat. 22:29, kan jedhe kanuma ibsa ilmi namaa iccitii ykn waa'een Waaqayyoo akka jalaa dhokatedha, kanaafuu kana hubachuuf, barachuuf, baruuf hiikoon barbaachisaadha.

Sagaleen Waaqayyoo akka Dinnichaa, akka Kaarotaa jalaa buqqifamee, qotamee kan nyaatamu malee ijuma qofaan gubbaadhaa ilaalamee kan hubatamu, kan baratamu miti. Nyaatni Foonii illee yeroo ibiddaan bilchaatudha kan qaamaaf mijatu, wal simu. Kitaabni Qulqulluunis yeroo hiikoo dhaan baratanidha kan jireenya afuuraa bareechu jedhees kan wareegamummaan nama geessisu. Kanaafuu ilmi namaa jireenyi afuurawaa isaa akka bareeduuf hiikoon barbaachisaadha. 

Kana qofaa miti namni wantoota hedduun gargar ta'a, fknf; 

• Biyyaan = aadaan, sirni biyya tokkoo kan biyya biraatiin gargaridha. 

• Barnootaan = Haalli barnootaas gargari, kan tokkoon beekaa ta'e kan biraan wallaalaa ta'uu danda'a. Kanaaf namnis kanneen fi k.k.f akka hubatuuf hiikoon barbaachisaadha.


Kitaabni Qulqulluu barri itti barreeffame, dubbatame waggoota hedduun dura. Kitaaba Qulqulluu irrattis uummanni gara jalqabaa jiran, haalli jireenya isaanii, walitti dhufeenyi Waaqayyo waliin qaban kan dhaloota bara kanaa irraa addadha, kanaaf dhaloota har'aa kanaaf Kitaaba Qulqulluun hiikuun barbaachisaadha.

Gama biraatiin Kitaaba Qulqulluu keessatti gosootni dubbii garaa garaa ni argamu, akka abjuu, Mul'ata, raaga, hibboo, fakkeenyaan, dubbii ciigoo /ቅኔ/ dhaan, akkasumas seenaawwan fi taateewwan ajaa'ibaa kan amaloota bineensotaa fa'a ni argamu. Kanneen kana hubachuufis hiikoon ni barbaachisa. Barreeffamoonni duraa booda keessatti hiikamanii ni argamu. Kitaaboleen Kakuu Moofaa Kakuu Haaraa keessatti Wangeela Maatewoos fi Ergaa gara warra Ibrootaa irratti bal'inaan hiikameera, gama biraanis Kitaabni Saamu'eel fi Moototaa, Kitaaba Seenaa Baraa irratti hiikamanii ibsamanii, akkasumas barreeffamoon Kakuu Haaraa gara jalqabaa jiranis warreen boodarraa irratti hiikamaniiru. Uma. 40:1-23, Abbootii Firdii 14:12, Dan. 5:12, Luq. 13:32, Yoh. 10:11, Erm. 31:29-30, Hizq. 18:1, Maat. 10:10, 1 Xim. 5:18, Yoh. 2:21. 

Akkasumas akka adeemsa Kitaaba Qulqulluutti iddo tokkotti raajii ta'ee kan dubbatame, iddoo biraatti raawwatamee argama. Iddoo tokkotti kan hiikamne ammoo iddoo biraatti hiikamee argama. Kana irratti inni iddoo tokkotti barreeffame isa iddoo biraatti barreeffamee jirun kan wal dha'u kan fakkaatu hiikoo isaa wallaaluuni, kanaaf hiikoo walitti nu araarsa. Akkuma dura ibsine gubbaadhaa seensa ykn mata duree isaa fi xumura isaa ilaaluun wal bira qabuun hiikoo irratti beektota kan ta'an bu'uura hiikoo Qulq. Yohaannis Afaan Warqee fi Qulq. Qeerloos irraa osoo adda hin ba'iin hiikuun barbaachisaadha. Qulqulluun Phaawuloosis kanuma ajaja. Filp. 4:9, Akkasumas Qulqulluun Pheexiroosis Afuura Qulqulluun ala hiikuun akka hin danda'amne ni akekkachiisa. 2 Pheex. 1:20. Akkasumas yaada dabalataa 2 Pheex. 3:18 irratti dabala.

2. Gosoota Hiikoo 

Manni Kiristaanaa keenya Qulqulleettiin Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Hiikoo kan mataa ishee ta'e ni qabdi. Kan fagaate dhiyeessitee, kan dhiyaate bal'istee kan ittiin dhiyeessitu gosoota hiikoo garaagaraa kan qabdu yoo ta'u, isaan keessaa gurguddoon; 

• Hiikoo baaqqee
• Hiikoo fakkeenyaa hiika iccitiin fi 
• Hiikoo Andimtaa dha. 

♦ Hiikoo Baaqqee ykn qeenxee (ነጠላ ትርጓሜ )

Hiikoo baaqqee kan jedhamu, jechicha ykn barreeffamicha kallattiin kan hiiku, ibsa homaayyuu kan hin qabne yoo ta'u; Afaan tokkoo irraa gara Afaan biraatti yoo hiikamu Hiika qeenxee ykn baaqqee jedhama. Hiikoo gosa kanaatiin Kitaaboleen Biraannaa durii Afaan warra alaa irraa gara Gi'iziitti, Afaan Gi'izii irraa gara Amaariffaa fi Oromiffaatti hiikamaniiru. 

Fakkeenyaaf Gi'iziidhaan «በልዋ ለዛቲ ቁንፅል» jedha gara Amaariffaatti yoo hiikamu «ለዚያች ቀበሮ እንዲህ በሏት» jedha, akkasumas Oromiffatti yeroo hiikamu «Jeedala sanaan akkas jedhaa» kan jedhu ta'a. Hiika baaqqee jechuun kana. 


♦ Fakkeenya hiika iccitiin (ምሳሌ በሚስጥራዊ ትርጉም) 

Kana kaasuu fi ibsuu keenyaan dura «Fakkeenyaa» fi «Iccitii» n maal akka ta'an gargar baasnee haa ilaallu; 

Fakkeenya :- fakkeenyi wanta tokko ifa taasisuuf kan fayyadu waan ta'eef wanta tokko yeroo fakkeenyaan dubbatan salphaatti hubachuun ni danda'ama. Barsiisni kun ( fakkeenya fayyadamanii baarsiisuun) gooftaan keenya karaalee Wangeela irratti ittiin barsiise keessaa tokkodha. Akkuma Raajichi Daawwit raajii dubbate raajichi akka raawwatuuf. Faar. 77:2, Marq. 4:34

Iccitii :- Iccitiin ammoo wanta dhokate, garuu keessa kan jiru gubbaatti kan hin mul'anne akka jechuuti. Kan biraa hiikoo iccitii kan jedhamu dubbisa isaa, galumsa isaa osoo hin barbaadiin ykn hin eegiin iccitii isaa qofa eeguun kan hiikamudha. Jechi fakkeenyaan kenname of keessatti iccitii qaba, kana yeroo hubachiisanis hiikoo ta'a. Hiikoon iccitii nuti ogummaa fooniitiin qorannee kan bira geenyu miti.

Fakkeenyaaf «አንተ ኮኩሀ» «Ati bu'uuradha» Pheexiroosiin jedhe. Kan biraa «Jeedala sanaan akkas jedhaa!» as irratti Hiikoon iccitii isaa yeroo hiikamu Jeedalaan kan fakkeeffame Heeroodsidha. Maat. 16:18, Luq. 13:22. 

♦ Hiikoo Andimtaa

Hiikoo Andimtaa kan jedhamu yeroo tokko erga hiikame booda, bu'uura isaa, tokkummaa isaa osoo hin gadhiisiin irra deebiin tokkos jechaa hanga kudhanii, kudha shaniitti kan itti fufudha. Hiikoo Andimtaa keessatti afaan Gi'izii irratti bakka jecha «አንድም» «tokkos» jechuuf qubee «ቦ»fayyadamu. 

3. Barnootni Andimtaa yoom eegalame? 

Barnoonni Andimtaa ifatti kan beekame Dh.K.B jaarraa tokkoffaa keessa. Isa duras abbootiin Yihuudotaa Kitaabolee Musee shanan fi Kitaabolee Raajotaa Andimtaatti jijjiiraniiru. Akkasumas Gooftaa fi Duuka Bu'oonni isaa barnoota Andimtaa karra bananiiru. Erga kennaa Afuura Qulqulluu argatan boodas kitaabolee hiikuun barsiisaa turaniiru. Akkasuma Mana Kitaabaa ykn Mana Barumsaa Afuurawaa jalqabaa kan ta'e Iskindiriyaatti bara 60 Dh.K.B Qulqulluun Maarqoos banuun barnoota Andimtaa babaldhisaniiru.

Akkasumas akka Itoophiyaatti yoo ilaallu; Yoomii fi Eenyuun akka jalqabame beekamuu baatus tilmaamonni akka agarsiisanitti; 

~ Kitaaboleen Oriitii Ibraayisxii irraa gara Gi'iziitti yeroo hiikaman, Kitaaboleen Andimtaan akka waliin dhufan ni amanama. 

~ Boodas Kitaabolee Kakuu Haaraa Afaan Giriikii irra gara Gi'iziitti yeroo hiikaman Kitaaboleen haala hiikoo Andimtaa waliin hiikamuu akka hin oolle jedhama. 

~ Akkasumas Sinkisaara Hagayya 20 dubbifamu irrattis Kitaaboleen Andimtaa gara Itoophiyaa kan galan bara Abuna Salaamaa jaarraa 4ffaa keessa akka ta'eefi isaanis akka jalqabsiisan ibsameera. 

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Itti fufa!

Post a Comment

1 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)