Hiikoo Andimtaa Wangeela Maatewoos | Seensa 1
Wangeela jechuun maal jechuudha?
«Wangeela» jechi jedhu jecha Giriikii «Evangeliyon» ykn «Ivangeeliyoon» jedhu irraa kan dhufee yoo ta'u, hiikni isaas; «Kan Missiraachoo» ykn «Missiraachoo» jechuudha. Missiraachichis ykn wanti gammachiisaanis Iyyesuus Kiristoos jechi ykn sagaleen Tawaahidoo dhaan nama ta'ee ibsamuu isaa, kan hin argamne argamuu isaa, kan hin tuqamne tuqamuu isaa, araara uumuun isaa, Addaam lammaffaa ta'ee gara lafaatti dhufuun isaa, akkasumas ergamootaan galateeffamuu isaa dhaga'uudha. Missiraachichi ykn Missiraachoon kunis kan dubbatu dhageenyee akka fayyinu, amannee akka fayyinudha.
Akka bu'uura Kitaaba Qulqulluutti Wangeela ykn Missiraachoo jedhamanii kan waamaman;
1. Ofiin isaa Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis ta'e Duuka Bu'oonni isaa barnoota barsiisanidha. Gooftaan keenyas ta'e Duuka Bu'oonni waa'ee isaa ykn (Ilmi Abbaa, Ilmi Maariyaam, Tawaahidoo dhaan qaama lamarraa qaama tokko, amala lama irraa amala tokko akka ta'e, fannoo irratti akka fannifame, kabajaan ol ba'ee mirga abbaa isaa akka taa'e, lammaffaas akka dhufu.....) barnoonni barsiisan hundi Wangeela jedhama. Maat. 4:23, Maarq. 1:15. Akkasumas «Dhuma irrattis bartootaan ykn Duuka Bu'ootaan gara Addunyaa hunda deemaa!, Wangeelas uumamtoota hundaaf lallabaa!, kan amane kan cuuphame ni fayya, kan hin amanne garuu itti faradama.» Maarq. 16:16. Caqasa kana irraa akkuma hubannu Wangeelli barnoota Amantaati, kanaafuu bakkaa fi yeroo hin daangoftu.
2. Waa'ee ibsamuu ilma Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos barnoonni dhugaa kennamu hundi Wangeela jedhama. «Kitaabnis Waaqayyo Ormoota (Ahizaabota) Amantaan akka 'fayyan' /እንዲፀድቁ/ dursee argee siin Ormoonni (Ahizaabonni) ni eebbifamu, jedhee Wangeela Abrahaamiif dursee lallabe.» Jechuun Abrahaamiif akka lallabamte kan ibsame barnootichi Iccitii Foonummaa kan ibsu waan ta'eefi. Gal. 3:8. Abbootiin ykn Beektonni Mana Kiristaanaa Kitaaba Raajicha Isaayyaasiin, Foonummaa dursee akka raagaatti iccitii fi fakkeenyaan osoo hin taane, akka bara Foonummaatti ture ta'ee kallattiin dubbachuu isaatiin kitaaba isaa Kitaaba Raajii Isaayyaasiin «Wangeela Gogaa» jedhanii waamu
3. Qulqulluun Phaawuloos waa'ee maalummaa Wangeelaa bifa bal'aa ta'ee fi gadi fageenya qabuun ibseera. Wangeelatti amanuu fi amanamuun; dursanii waa'ee Kiristoos dubbachuu, barsiisuu, kanaafis gidirfamuu ta'uu isaa (Rom. 1:16) irratti ibseera. Qulqulluun Phaawuloos tajaajila isaa kanatti gammadaa ture, Kana caala tajaajilli kabajamaa hin jiru waan ta'eef. Yaada isaa kanas 1 Qor. 9:15-19 irratti ibsee kaa'era.
Wangeelli ajajamuu ta'uu ishee yeroo ibsus, «Waldaa Wangeelaa akka taanuuf, waa'ee Wangeelaaf waan hunda nan raawwadha» jedheera. 1 Qor. 9:23. Kanaafuu Wangeelli waa'ee iccitii Foonummaa irratti kan xiyyeeffatu barnoota dhugaati. Barnootichis Abrahaamiif kan lallabame dursa foonummaa, Gooftaan keenya kan lallabe lallaba bara Foonummaati, akkasumas isa hordofanii kan barsiisan barnoonni Duuka Bu'ootaa hundi Wangeela.
Qulqulluu Wangeela
Akka Mana Kiristaanaa keenyatti kitaabni Wangeela Qulqulluu jedhamuun beekamu kitaabolee kakuu haaraa jalqaba jiran arfan qabata.
Isaanis;
1. Wangeela Maatewoos
2. Wangeela Maarqoos
3. Wangeela Luqaas fi
4. Wangeela Yohaannis dha.
Isaanis ykn isaan kun arfan Wangeela kan jedhamaniif; barnoota gooftaa keenyaa, seenaa isaa, raajii isaa fi k.k.f kan qabatan waan ta'eefi, kana yeroo jennu guutummaatti osoo hin taane bu'uura kan ta'aanii fii muraasa qabate. Yoh. 20:30-31, 21:25 . Sababni isaas akkuma Qulqulluun Yohaannis jedhe seenaan, raajiin, barnoonni Gooftaa keenya barreeffamee, dubbatamee hin dhumu waan ta'eef.
Fakkeenyaaf; Gooftaan Keenya waggaa kudha lama dura, Waggaa Kudha lamaa hanga 30tti eessa akka ture baay'inaan hin barreeffamne.
Wangeelonni Arfan maaliin fakkeeffamu?
Wangeela jedhamuun Kitaaba Qulqulluu irratti kan beekaman lakkoofsaan afuridha, akkasumas barreessitoonni isaaniis afuridha, lama duuka bu'oota 12'n keessaa, lama ammoo Abbootii ykn Qulqulloota 72'n keessaa Kitaaboleen Qulqullaa'oo kan barreeffaman gargaarsa, dursummaa fi ibsa Afuura Qulqulluutiini. Kunis kan beekamu barreessitoonni kun barreessuu isaaniin ala waan biraa itti hin dabalan. Kitaabolee adda baasuun, lakkaa'uun, safaruun, murteessuun kan dhufe boodarra waan ta'eef. Fknf jalqaba Wangeela Maatewoos irratti «Wangeela Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos akka Qulqulluu Maatewoos barreessetti» mata dureen jedhu kan kenname bara 325 abbootiidhaani.
Fakkeenyota Wangeelota Arfanii
Baay'inni Wangeelotaa kunis afuriin akka daanga'an kan taasifame ogummaa Waaqayyootiini. Kanaafis ykn afur ta'uu isaaniifis fakkeenya kan ta'anii fi afur ta'uu isaaniif ibsa kan ta'an haa ilaallu.
1. Waaqayyo Jannata akka obaasaniif laggeen afur uumeera. Laggeen kunis Afran isaaniiyyuu Jannata tokkittii Eden keessaa ba'uun ykn burquun biqiloota gogiinsa irraa gara lalisummaatti, lalisummaa irraa gara daraaraatti, daraaraa irraa gara firiitti kan fidanidha. Kanaafis biqiloota Addunyaa irra jiran laggeen kanaan obaasee ykn sooree akkuma firiif geessiisu, namootni Addunyaas Wangeelota Arfaniin sooramuun firii kabajaaf gahaa ta'u. Isaanis;
A. Lagni Efeesoon laga Aannaniiti. Maatewoos kanaan fakkeeffama, Waa'ee dhaloota sanyiin dhalatanii barreessa waan ta'eef, tokkos waa'ee daa'imman Heroodis ajjeesisee ni dubbata waan ta'eef kennummaan ykn /ርስት/ isaa daa'immaniifi.
B. Lagni Giyoon ykn Lagni Abbayyaa laga Wayiniiti. Maarqoos kanaan fakkeeffama, Wayiniin laphee namaa ni qabbaneessa, ni gammachiisa waan ta'eef innis kennaan gammachuu Afuura Qulqulluu kan ittiin namaaf kennamu Cuuphaan jalqaba waan ta'eef, kennummaan isaa ykn abbummaan isaa yoo tsooman yoo kadhatan hojiin isaanii itti tolee warra hojjataniifi.
C. Lagni Xeegroos laga Dammaati. Luqaas kanaan fakkeeffama, dammi ulfaataa dha, Luqaasis «Yaa Abbaa kan godhan hin beekan dhiisiif» jedhee jecha ulfaataa ni barreessa waan ta'eef. Abbummaan isaa namoota wanta faallaa, cimaa, ulfaataa danda'aniif ykn isaaniif danda'aamuufi.
D. Lagni Efraaxis laga Zayitiiti. Yohaannis kanaan fakkeeffama, Zayitiin cimaa dha /ፅኑ/, Yohaannisis «Addunyaa irratti rakkoo ykn gidiraa simattu, keessummeessitu, garuu cimaa.....» jedhee barreessa waan ta'eef, akkasumas Zayitiin ifadha /ብሩህ/ innis barnoota isaan laphee namaa ifa taasisa waan ta'eef. Kan biraas Zayitiin shittoowwan afran walitti fidee, makee /አዋህዶ/ fooliin tokko isaan taasisa, innis obboloota isaa iccitiin 'rakkisa' /ይበዘብዛቸዋል/. Abbummaan isaas Wareegamtootaafi.
2. Akkasumas Wangeelonni Arfan Haadholii manaa Yaa'iqoob arfaniin fakkeeffamu.
A. Maatewoos Liyaan fakkeeffama
Haadholiin manaa Yaa'iqoob Liyaa fi Raaheelidha, Baalaa fi Zalafaan gargaartota /tajaajiltoota/ Raaheelii fi Liyaa ti. Garuu isaanis ijoollee dahaaniif haadha manaa jedhamaniiru. Isaan kana keessaas jalqaba kan deesse Liyaadha; Yihudaa deesseerti. Uma. 29:31 fi 35. /kana yeroo jennu Yihudaa qofa deesse jechuu miti/ Maatewoos jalqaba hidda dhaloota gooftaa barreesseera, hiddi isaas Yihudaa irrati. Maat. 1:2.
B. Maarqoos Baalaan fakkeeffama
Lammaffaa irratti kan deesse Baalaadha/tajaajiltuu Raaheel turte/ isheenis Raaheel fakkaattee mucaa deesse. Uma. 30:3-6. Maarqoosis Yohaannis fakkaatee barreesse, yeroo Yohaannis "dursa jecha ykn sagalee" jedhu akkuma barreesse Maarqoosis "jalqaba Wangeela Ilma Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos" jechuun jalqaba. Marq. 1:1
C. Luqaas Zalafaan fakkeeffama
Haadholii manaa Yaa'iqoob keessaa sadaffaa irratti kan deesse Zalafaadha. Zalafaan hamma Liyaa geessee, fakkaattee mucaa deesseetti. Luqaasis hamma Maatewoos ga'ee, fakkaatee hidha dhaloota Gooftaa barreesseera. Garuu Maatewoos yeroo barreessu gaaraa gara gadiitti ykn gubbaa gara jalaatti yeroo barreessu, Luqaas ammoo gadii gara gaaraa ykn oliitti, ykn jalaa gara gubbaatti barreesseera. Maat. 1:1 irratti «lma Daawwit, Ilma Abrahaam» jechuun yoo gubbaadhaa eegalu, Luq. 3:23 irratti ammoo «..... Ilma Yooseef isaanitti fakkaata ture, Ilma Elii, Ilma Maatii, Ilma Leewwii....» jechaa hidda dhalootaa kana jalaa gara gubbaatti, ykn dhumaa gara jalqabaatti barreessuyyuu hidda dhalootaa kana bal'isanii barreessuun isaanii wal isaan fakkeessa. Kanaaf Maatewoos gubbaa gara jalaatti barreessuun isaa Dhufaatii Kiristoos gara Addunyaa kanaa agarsiisa ykn ibsa. Luqaas jalaa gara gubbaatti barreessuun isaa gara samiitti ol ba'uu isaa ibsa. . Tokkos Maatewoos gaaraa gara gadiitti barreessuun isaa Waaqayyoo ykn Iyyesuus Kiristoos nama ta'uu isaa; Luqaasa gadii gara oliitti barreessuun isaa ammaa Iyyesuus Kiristoos Waaqayyo ta'u isaa ibsa.
D. Yohaannis Raaheeliin fakkeeffama
Haadholii manaa Yaa'iqoob arfan keessaa kan arfaffaa irratti deesse Raaheelidha, Wangeelota /wangeelaawwiiwwan/ keessaas kan dhuma irratti barreeffame ykn barreesse Yohaannisidha. Akkasumas Raaheel haadholii manaa Yaa'iqoob kaan caala Yaa'iqoobiin kan jaalatamtudha Uma. 29:30, Yohaannisis duuka bu'oota kaan caala Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin kan jaalatamudha. Yoh. 13:23, 19:26.
3. Wangeelonni Arfan teessoo isaa ykn Teessoo Sillaasee kan baatan Bineensota Arfaniin fakkeeffamu
Teessoo isaa ni baatu kan jedhamu Abrahaamiif, Yaa'iqoobiif, Isaayyaasiif fi warra kaaniifis akka amantaa isaaniitti kan ittiin ibsameef teessoo isaa ittiin ibsamudha. Tokkos akkamitti isa baatu yoo jettan, isaan baata malee isa hin baatan fedhii isaatiin kan itti ibsamu, kan itti mul'atu, kan itti galateeffamu kennaan kan isaan irra bulu waan ta'eef akkas jedhe. Kanaafi Dubroon Maariyaam kan Kiruubeel fi Suraafeel caaltu, isaan kennaa fi gargaarsaan isa teessoo isaa baatan, isheen ammoo dhugumaan Gooftaa gadameessaa fi harka isheetti baatte.
Waaqayyo akkuma Kirubeel kana irratti ibsamu, Iyyesuus Kiristoosis Waaqayyo kabajni isaa, sadummaan isaa, tokkummaan isaa Wangeelota kana irratti waan ibsamuuf bineensota kana arfaniin fakkeeffamu. Isaanis;
Read Also :- Bineensota Arfan (Arbaetu Ensisa)
a). Maatewoos Fuula Namaan fakkeeffama;
Hidda dhaloota gooftaa isa lafarraa lakkaa'uun barreessa waan ta'eef, kanaafis «Ilma Daawwit, Ilma Abrahaam, Kitaaba dhalootaa Iyyesuus Kiristoos» jedha. Maat. 1:1.
b). Maarqoos Fuula Leencaan fakkeeffama;
Leenci bosona jiraata namarraa fagaatee, garuu sagalee isaa yeroo dhageessisu bineensota hunda rifachiisa, Akkasumas Sa'aaf gooftaa isheeti, ni cabsa. Maarqoosis Gibxiitti yeroo barsiisu Xaa'otiiwwan sa'aa kan warra Gibxii rifachiiseera.
c). Luqaas Fuula Sa'aan fakkeeffama;
Iyyesuus Kiristoos mooraa loonii keessatti dhalachuu isaa, tiksoonni fi ergamoonni waliin faarfachuu isaanii ni barreessa waan ta'eef. Luq. 2:8-18, Gama biraatiinis Saanni Kakuu Moofaatti Aarsaaf kan dhiyaattu turte, Luqaasis waa'ee aarsaa Kiristoos ni barreessa waan ta'eef.
d). Yohaannis Fuula Risaatiin fakkeeffama,
Risaan uumama hunda caalaa wanta tokko fageenyatti arguu ni danda'a, yeroo balali'us garmalee ol fagaatee balali'a. Yohaannis isa biyya lafaa dhiisee gara samiitti ol ba'uun waa'ee Iyyesuus Kiristoos "jalqaba sagaleetu ture" jechuun barreessa. Yoh. 1:1.
4. Akkasumas Wangeelonni Arfan Bubbeewwan Arfaniin ni fakkeeffamu.
Waaqayyo uumamtoota isaa Qilleensa Araaraa Arfaniin soora. /አራቱ ነፋሳተ ምህረት/. Qilleensi ykn bubbeewwan kun arfan yeroo bubbisan namootaaf waan baay'ee ykn shan ta'u, ykn waan shan taasisuuf, Isaanis; Coba /ጠል/ Rooba, Jireenya, Eebbaa fi fayyina ykn fayyisuu. Wangeelonni kun arfanis ykn barnoota Wangeelota kana arfaniitiinis ykn barnoota Wangeelota kana arfanii irraayis;
~ Akka cophaatti barnootni mi'ooftuu,
~ Akka Roobaa ykn bokkaatti Fooniif dhiigni,
~ Akka Fayyinaatti fayyinni lubbuu,
~ Akka Jireenyaatti Jireenyi bara baraa,
~ Akka Eebbaatti Eebbi Afuurawaa irraa argamu.
5. Akkasumas Wangeelonni Arfan Urjiiwwan arfaniin fakkeeffamu.
Isaanis;
• Hilmalimeeleek
• Milika'eel
• Mili'eel
• Naareel jedhamu.
Isaan kunis Aduu hordofuun uumamtoota nyaata foonii sooru. Wangeelonni kun arfanis, baricha ykn waqtii iddoo afuritti qooduun; Aduu dhugaa /ፀሀየ ፅድቅ/ kan ta'e Iyyesuus Kiristoos hordofuun nama nyaata lubbuu ykn afuuraa sooru.
6. Gama biraatiin Wangeelonni Arfan Waqtiiwwan Arfaniin fakkeeffamu; waqtiiwwan arfan kunii fi fakkeenyi isaaniis;
A). Maatewoos Waqtii Arfaasaan fakkeeffama,
Arfaasaan Waqtii sanyiiti, Maatewoosis waa'ee sanyii ykn hidda Kiristoos warra kaan caala bal'isee ni barreessa waan ta'eef. Akkasumas Arfaasaan Waqtii Lafaati, Maatewoos waa'ee dhaloota isaa isa lafarraa barreessa waan ta'eef wal fakkaatu ykn ittiin fakkeeffama
B). Maarqoos Waqtii Gannaan fakkeeffama;
Ganni waqtii ykn yeroo roobaa ykn bishaaniiti, Maarqoosis cuuphaan jalqaba waan ta'eef kanaan fakkeeffama.
C). Luqaas Waqtii Birraatiin fakkeeffama;
Waqtiin Birraa Waqtii ykn yeroo qilleensaa ykn yeroo bubbeeti, Luqaasis Qilleensa ykn Bubbeen kan fakkeeffamu waa'ee Afuura Qulqulluu barreessa waan ta'eef kanaae fakkeeffama.
D). Yohaannis Waqtii Bonaatiin fakkeeffama,
Waqtiin Bonaa yeroo ykn Waqtii Aduu, Abiddaa fi gogaadha; Yohaannis kanaan fakkeeffama ibsa tokkoyyuu kan hin qabne jecha gogaa «dura jechatu ykn sagaleetu ture» barreessa, waan ta'eef, Akkasumas Bonni Waqtii ykn yeroo makaraati, Yohaannisis waa'ee makara jireenya bara baraa ni barreessa waan ta'eef.
Wangeelonni Arfan kan ittiin fakkeeffaman kanneen kanaa olitti ilaalleen qofa miti wantoota hedduun fakkeeffamu nuti gabaabsinee ilaaluuf asirratti dhaabne malee.
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
Itti fufa!
Dubbisaa!
0 Comments