Ergaa Qulqulluu Phaawuloos Gara warra Roomeetti erge
Seenaa Magaalaa Roomee
Roomeen yeroo durii Roomiya jedhamti turte. Bara 730 DH.K.D Numitoor kan jedhamu Mootiin Roomee Mootii ta'e. Innis ilma aangoo isaa isaaf dhaalu waan hin qabneef namoonni biyya sanaa «Ilmi obboleettii keetii si dhaala» yaada jedhu qabu ture. Boodarras obboleettiin isaa Reeyabalbiyaan ijoollee ishee lakkuu da'uu ishee yeroo dhaga'u yaadni jedhame sun (Ilmi obboleettii keetii si dhaala) gahe jedhee sodaate. Isaanis argun barbaada jedhee ijoollee sana erga gara isaatti fichisiise ykn erga gara isaatti akka dhufan taasise booda Qircaatii keessa kaa'ee harka Loltootaatti isaan gachisiise. Ijoollee sanas qonnaan bulaan tokko yeroo isaan boo'an argee gara mana isaatti fudhachuun namoota waraanaa ykn loltuu taasisee isaan guddise.
Ijoolleen kun lamaan erga guddatan booda Mootii Room Amoolewoos jedhamu injifatanii magaalittii qabachuun Mootota ta'aanii irratti moo'an. Ta'us garuu obboleessi isaa Roomuloos jedhamu obboleessa isaa Roomaanoos jedhamu ajjeesee kophaa isaa Mootii ta'uudhaan magaalittii Room jedhee maqaa isaatiin maggaase.
Dhaloota Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dura waggoota 61 dursee Paampee kan jedhamu bitaan ykn mootiin Roomaawwii Sooriyaa bitu ykn Sooriyaa bulchu karaa Damaasqoo darbee Ayihuudota waliin wal waraanuun Iyyerusaaleem erga qabate booda Ayihuudota booji'ee gara Roomeetti waan isaan fudhateef ykn waan isaan geesseef jiraattota Room keessa Ayihuudonni hedduun ni jiru ture.
Room Mootummaa guddoo yeroo turteerti namni lamummaa Room qabu tokko Mootummaa Room keessatti mirga addaa qaba ture. Namni lamummaa Roomee qabu yeroo balleessaa balleessee qoratamu Qanceedhaan hin garafamu, murtiin du'aa yeroo irratti murteeffamu morma isaatu Sayifiin murama malee hin fannifamu ture. Qeesaariifis mirga ol iyyannoo dhiyeeffachuu ykn gaafachuu qaba ture. Namni tokko Mana Roomaawwiitti ykn mana nama Lamummaa Room qabuutti dhalachuun, lamummaa qarshiidhaan bituudhaan ykn Mootummaa isaa tajaajiluudhaan lamummaa Room argachuu ykn Roomaawwii ta'uu ni danda'a ture. Qulqulluun Phaawuloos lamummaa isaa Roomitti fayyadameera. HDB. 16: 37-39, 22:25-29, 23:27, 25:10-12.
Afaan warra Roomaanotaa kunis «Roomaayisxii» jedhama ture. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo lafa irra turetti Afaan Roomaayisxii kun afaan hojii Mootummaa waan tureef, Fannoo Gooftaa keenya irratti barreeffamni barreeffame Afaan Roomaayisxiin ture. Luq.23:38, Yoh. 19:20. Qubeen ykn fiidalli Afaan Roomaayisxii kunis kan Afaan Ingiliffaa waliin wal fakkaata ykn walitti siqa ture. Jechoonni Roomaayisxii baay'een bifa yaadannootiin gara Giriikiitti galanii ykn seenanii Kakuu Haaraa keessatti ni argamu. Isaan kana keessaas muraasni Giriikii irraa gara Gi'iizii fi Amaariffaatti galaniiru, fknf:- «Diinaara» ykn «Diinaar» jecha Roomaayisxiiti.
Magaalaan Room handhuura ykn magaalaa guddoo Mootummaa Room turte. Mootummaan Roomis babaldhachaa deemee Kiristoos yeroo lafa irra turetti ykn Iyyesuus Kiristoos yeroo lafa irra deddeebi'aa turetti biyya Ingiliizii kaasee Israa'eel dabalachuun hanga Biyya Arabaatti yeroo sanatti Addunyaa beekamaa ni bita ture. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Philaaxoos fuulduratti kan dhiyaateefi Qulqulluun Phaawuloos Qeesaaritti ol iyyannoo kan dhiyeeffate ykn ol iyyannoo kan gaafate Israa'eel qaama Mootummaa Room keessaa ishee tokko waan turteef ykn Israa'eel Mootummaa Room jalatti bulaa waan turteefi. Maat. 27:1-2, HDB. 25:11.
Bara Qulqulluu Phaawuloositti ykn bara Qulqulluu Phaawuloos turetti magaalaan Room uummanni naannoo Miiliyoona tokkotti siqu kan keessa jiraatanii fi gamoowwan gurguddoo hedduudhaan magaalaa miidhagde turte. Mootummaan Room nageenyaa fi firdii ykn murtee uummata hedduuf waan kenneef jaallatamaa ture. HDB. 17:7. Iyyesuus Kiristoos fi Duuka Bu'oonni Mootummaa Roomiif kabaja ni agarsiisu turan. Luq. 20:25, HDB. 24:10, Roomee 13:1-7, 1 Pheex. 2:13-14. Ta'us garuu Amantoonni ykn Kiristaanonni Qeesaariin caalaatti Waaqayyo waan kabajaniif Mootummaa Roomiin Godaansi isaanirra gahe, Kiristaanonni hedduunis hammeenyaan ni ajjeefaman. Akka Seenaa Mana Kiristaanaatti Bara Mootummaa Qeesaar Neeroonitti Qulqulluu Phaawuloos fi Qulqulluu Pheexiroos irratti murtiin du'aa Magaalaa Roomitti itti murteeffame.
Bara 395 Dh.K.B mootiin moototaa Room Tewoodoosiyoos jedhamu yeroo du'etti Mootummaan isaa iddoowwan lama Bahaa fi Lixaatti qoodame. Bara 410 Dh.K.B hoogganaan diina Room Alaarik jedhamu Room waraanee ni injifate, aangoo ishees ni haqe. Magaalaan kun hanga hardhaatti jirti, hardhas magaalaa guddittii Biyyaa Xaaliyaaniiti.
Read Also:- «Room akkan daawwadhetti» Kaataakoomb
Mana Kiristaanaa Room
Mana Kiristaanaa Room kan hundeesse eenyu akka ta'e hin beekamne. Mana Kiristaanaa Room kana kan hundeesse Qulqulluu Phaawuloosidha akka hin jenneef ragaa gahaan hin jiru, Roomee 15:20-24. Akkasumas Qulqulluu Pheexiroos ykn Duuka bu'aa biraatu hundeesse akka hin jedhamneefis akkasuma. Afuurri Qulqulluu gaafa guyyaa Shantammaffaatti yeroo bu'e namoonni Roomee Iyyerusaaleem akka turan ibsameera, HDB. 2:10. Lallaba Qulqulluu Pheexiroosiin Wangeela dhaga'aanii ykn baratanii gara Roomitti kan geessisaniifi Mana Kiristaanaas Roomitti kan hundeessan isaan ta'uu akka hin oolle ni himama.
Qulqulluun Phaawuloos bara 52 Dh.K.B tti Ateenaadhaa bahee gara Qoronxoositti yeroo deemetti labsii Qalaawudiyoos Qeesaariin Roomee irraa godaananii kan dhufan Aqilaa fi haadha manaa isaa Phirsiqilaa arge. Isaan waliinis waggaa tokkoofi ji'a Ja'a kan ta'u ture. Aqilaas fi Phirsiqilaanis waa'ee Kiristaanota Roomee jiranii Qulqulluu Phaawuloositti himan. Kiristaanonni Roomee kunneen Ayyaana guyyaa shantammaffaatti Lallaba Qulqulluu Pheexiroosiin kan amananii (HDB. 2:10) fi sababoota garaa garaatiin Kiristaanota gara Roomeetti seenaniin kan isaaniif lallabamedha. Amantoonni ykn Kiristaanonni Mana Kiristaanaa Roomee karaa lama ykn qomoo lama irraa kan argaman turan :- Ayihuudotaa fi Ahizaabota irraa. Lamaan isaaniiyyuu Kiristaanummaadhaan ijoollee Mana Kiristaanaa tokkottii ta'uu isaanii irraanfatanii bartee fi aadaa isaanii durii irratti wal mormuu jalqaban ykn mormii uuman. Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos Kiristaanota Roomeef ergaa isaa barreessuuf kan ka'e sababa kanaan ykn sababa kanaaf ture.
Qulqulluun Phaawuloos Kiristaanota Roomee keessaa namoonni inni beeku waan hin jirreef Aqilaa fi Phirsiqilaan Kiristaanota magaalittii keessaa maqaa tokko tokkoon isaanii kennaniif. Innis ergaa isaa qopheessee tajaajiltuu ykn Aqqaabit (ዐቃቢት) Mana Kiristaanaa Ankiraa'oos kan turte harka Feebeeniin naannoo bara 54 Dh.K.B tti eegeef. Roomee 16:1.
Ergaan Qulqulluu Phaawuloos gara warra Roomeetti erge kun Ergaa Qulqulluun Phaawuloos Kiristaanota Roomeef barreessedha. Qulqulluun Phaawuloos gara Roomeetti deemee hin beeku ture. Waldaa ykn Mahaabara achi jiru isa miti ture kan hundeesse. Roomee 15:20-22. Yaada gara Ispeenitti deemuu qaba
waan tureef Room gahuu isaatiin dura Wangeela inni barsiisu ibsuufii barbaade. Manni Kiristaanaa Roomitti Ayihuudonni fi Ahizaabonni waliin yeroo jiraatan uummanni Israa'eel Wangeela fudhachuu dhiisuu isaaniitiin kaayyoo Waaqayyoo irratti gaaffiin baay'een akka ka'e kan ibsan ykn agarsiisan ergaa isaa irratti kan argaman muraasa miti, keessattuu boqonnaa 9-11. Ergaan kun ergaawwan Qulqulluu Phaawuloos kaan irra caalaatti waa'ee Wangeela Kiristoos ibsa bal'aa ni kenna. Ta'us garuu waa'ee Mana Kiristaanaa fi waa'ee dhufaatii lammaffaa yaadni baay'een keessatti hin muldhatu.
«Qajeelaan Amantiidhaan jiraata» kan jedhu jechi Imbaaqoom dubbate ergaa kana irratti caqasa bu'uuraati. 1:17.
Yaadni ijoon Duuka bu'ichaa qajeelaa Waaqayyoo kan ilaallatu yoo ta'u, waa'ee ol aantummaa Waaqayyoo fi waa'ee Amala Waaqayyoo, waa'ee eenyummaa fi hojii Kiristoos, waa'ee qaamummaa Afuura Qulqulluu fi hojii isaa, waa'ee Ayihuud fi Ahizaabotaa, waa'ee kennaa fi seeraa, waa'ee amantii fi hojii, waa'ee Afuuraa fi Foonii barumsi inni kenne Keeyyata garaa garaatiin tasa yeroo ba'u ni mul'ata. Haalli dhiyeessa (አቀራረብ) kitaabichaa akka bishaan laga guddaatti wal qabatee kan dhangala'u ta'uyyuu seensa isaa fi guduunfaa isaa gidduutti kutaalee gurguddoo shan ilaaluu dandeenya.
Qoqqoodama Kitaaba Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara warra Roomeetti erge
Seensa:- Waamicha Qulqulluu Phaawuloos, Wangeelaa fi walitti dhufeenya Mana Kiristaanaa Room waliin qabu, yaada ijoo Ergichaa ykn Kitaabichaa - 1:1-17
1. Waaqayyo nama dheekkamsaan konnone (Namni dheekkamsa Waaqayyootiin konnoname) :- 1:18-3:20
Ahizaabota (1:18-32), Ayihuudota (Boq. 2), namoonni hundi sababa cubbuu isaaniitiin dheekkamsa Waaqayyootii gadidha. 3:1-20
2. Waaqayyo nama kennaadhaan qajeelche ykn (አጸደቀ) (Namni kennaa Waaqayyootiin tsaddaqe) :- 3:21-7:25.
Tsidqiin Waaqayyoo ;
A). Du'a Kiristoosiin ibsameera (3:21-26)
B). Karaa Amantiitiin ni kennama (3:27-31)
C). Cubbamaadhaaf ni lakka'aamaaf (4:1-12)
D). Karaa Amantiitiin ni lakka'aamaaf (4:13-25)
E). Amantoota gara Qajeelummaatti geessisa (5:1-11)
F). Firdii Addaam irraa bilisa nama baasa (5:12-21)
G). Humna Cubbuu jalaa nama baasa (Boq. 6)
H). Aangoo seeraa jalaa nama hiika (Boq. 7)
3. Waaqayyo nama jaalalaan kabaje (Namni Jaalala Waaqayyootiin kabajame) :- 8:1-39.
Amanaan kunanee jalaa bahee humna Afuura Qulqulluutiin jireenya haaraatiin ni jiraata (8:1-17), Abdii isa hin bannes yoo qabaatu, qabaachuu isaatiin jajjabaachuun isarraa eegama (8:18-39).
4. Waaqayyo nama araaraan filate (Namni araara Waaqayyootiin filatame) :- 9:1-11, 9:36.
Israa'eel kufuyyuu jechi Waaqayyoo hin shaaramne. Waaqayyo «kan jaallatu ni dhiisaaf, kan jaallatus Abbaa Xiiqii taasisa» (9:18) kan jedhu yaada guduunfaa boqonnaa 9 arganuyyuu, Israa'eeloonni amanuu dhiisuu isaaniif wanta irraa eegamu (ሀላፊነት) kan qaban yoo ta'u Manni Kiristaanaa garuu Wangeela hundumatti himuu ykn Missiraachoo isaa labsuu qabdi. Boq. 10. Kufaatii Israa'eel irraa kan ka'e Ahizaabonni gara nageenyummaatti gahaaniiru waan ta'eef fayyinni isaanii warreen kufan Israa'eelotaaf daandii fayyuu ta'a. Kanaafuu kaayyoon ykn karoorri Waaqayyoo Israa'eeliifis ta'e Ahizaabotaaf ni raawwatama. Boq. 11.
5. Waaqayyo nama ol aantummaadhaan isa kaase (Namni ol aantummaa Waaqayyoo dhaan ol ka'e) :- 12:1-15:13. Wangeela Kiristoos irraa kan ka'e Amanaan;
A). Jireenya mataa isaatiin (12:1-2)
B). Mana Kiristaanaatti (12:3-8)
C). Haala jireenyaa amantootaafi warra hin amanne waliin qabuun (12:9-21)
D). Namoota aangoo kabajuun (Boq. 13)
E). Warra dhadhaban gargaaruun (14:1-15:13) jireenya haaraa jiraachuu qaba.
Guduunfaa :- Qulqulluun Phaawuloos kaayyoo hojii kennameef erga agarsiise booda Iyyerusaaleem akka daawwatuufi gara Ispeenitti deemuuf karoorfachuu isaatiin Manni Kiristaanaa Room deemsa isaatiin akka isa waliin taatu abdii kan qabu ta'uu isaa ibse. Nagaa namoota hedduuf erga dhiyeesseefi waa'ee warra Sobdootaa akeekkachiisa erga kenne booda Waaqayyo galateeffachuun ergaa isaa xumure.
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
1 Comments
Wrostverterpku Gina Sinclair https://wakelet.com/wake/fa3kt59JlypVVsP5l19Sy
ReplyDeletemusmanace