Duuka Bu'aa Qulqulluu Pheexiroos
Hangafni Duuka Bu'ootaa Qulqulluun Pheexiroos eenyudha?
Ibsa suuraa :- Hangafa Duuka Bu'ootaa Qulqulluu Pheexiroos fi Qulqulluu Phaawuloos (Bitaa irraa gara Mirgaatti, inni gidduu jiru Qulqulluu Pheexiroosidha)
Qulqulluun Pheexiroos galaana Galiilaa qarqaratti kan argamtu Beetasayidaatti dhalate. Maqaan Abbaa isaas Yoonaa jedhama. Umurii isaa waggaa 5 eegalee kan guddate Magaalaa Qifrinnaahoomitti yoo ta'u, yeroo maanguddummaa isaa obboleessa isaa Indiriyaas waliin Galaana Galiilaatti Qurxummii kiyyeessuu jalqabe. Duuka bu'ummaaf yeroo filatamu umuriin isaa waggaa 55 akja ture ni himama. Gara Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosittis kan isa fide obboleessa isaa Indiriyaasidha.
Qulqulluun Pheexiroos, Barnaabaas fi Wangeelaawwiin Qulqulluun Maarqoos firadha (Bete Zemed). Abbaan Maarqoos Arsooxoobulus fi Barnaabaas ho'aadhaan kan wal argan ykn firooman obboleewwanidha. Qulqulluun Pheexiroos kan fuudhe obboleettii Arsooxoobulus fi Barnaabaas waan tureef cidhaan ni firoomu.
Qulqulluun Pheexiroos Duuka bu'ummaaf yeroo waamamu jireenya isaa kan ture ykn ittiin jiraachaa kan ture Qurxummii kiyyeessuu fi Doonii isaa akkasumas Abbaa isaa dhiisee Duuka bu'aa Gooftaa duuka bu'edha.
Maqaan isaa jalqabaa Simi'oon yoo ta'u, kanas haati isaa maqaa Qomoo isheetiin akka baasteef ni himama. Magaalaa Qisaariyaatti qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos «Eenyu naan jettu?» jedhee yeroo isaan gaafatetti «Ati ilma Waaqayyo jiraataati!» jedhee Beektota Ayihuudiif iccitii Tawaahidoo dhokate ibsee ragaa bahuu isaatiin Gooftaan keenya «Ati Pheexiroosidha» jedheeniira, kunis Afaan Laatiniitiin «Kattaa» ykn «ዐለት» jechuudha. Afaan Aramaayikiin ammoo «Keefaa» jedhama.
Qulqulluun Pheexiroos Duuka Utubaa ykn Duuka Bu'oota Iccitii kan jedhaman Qulqulluu Yaa'iqoob fi Qulqulluu Yohaannis waliin kan lakka'aamudha. Duuka bu'oota hunda caalaa amala dura dura jechuu ykn amala ariifachuu qaba ture. Gooftaan Galaana Xibriyaadoos irratti halkan miila isaatiin yeroo dhufu yeroo argu gara keetti akkan dhufuuf na ajaji jechuudhaan erga eyyamsiise booda, gara Gooftaatti dhufuuf ykn deemuuf daandii eegalee gidduu yeroo gahu shakkiin keessa isaatti uumamuu isaatiin dhidhimuu waan jalqabeef, gooftaan keenya «Kan amante malee, kan hin amanne hin ta'iin!» jechuudhaan barsiisee dhidhimuu irraa isa oolcheera. Maat. 14:22-33.
Wal gahii ykn Gubaa'ee Qifrinnaahoomitti Gooftaan keenya Iccitii Qurbaanaa yeroo barsiisu, Ayihuudonni waan isaaniif hin galleef gara duubaatti harkifachuu jalqaban. Duuka bu'oota keessaas «Baay'eewwan gara duubaatti deebi'an» yeroo kanas qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos «Isin ammoo deemuu hawwituu!» jedhee Duuka bu'oota gaafate. Yeroo kanattis «Yaa Gooftaa! gara eenyuutti deemna? ati Sagalee jireenya bara baraa qabda. Nuti, ati Kiristoos ilma Waaqayyo jiraataa akka taate ni amanna» jechuudhaan Duuka bu'oota bakka bu'ee kan deebise isadha. Yoh. 6:66-68.
Qulqulluun Pheexiroos Gooftaa ni jaallata ture. Jaalalli isaa garuu inaaffaadhaan kan walitti jalaa makame waan ta'eef, Gooftaan keenya Duuka Bu'oota isaatiif waa'ee du'a isaa dursee yeroo itti himu «Hin ta'u» jechuudhaan mormeera. Maat. 16:23. Boodarras «Hundumtiyyuu siin yoo dogoggoran, ani gonkumaa hin dogoggoru ykn sin ganu» jechuudhaan inaaffaa mataa isaatti amanee dubbatee ture. Gooftaan keenya «Handaaqqoon osoo hin Iyyiin yeroo sadi na ganta» osoo jechaanii jiruuyyuu «Si waliin du'uun yoo na barbaachiseyyuu gonkumaa si hin ganu!» jechuudhaan dubbateera. Maat. 26:34.
Qulqulluun Pheexiroos jecha dursee dubbate eeguuf yaalee ture. Gooftaan har'a «Ilmi namaa dabarfamee kennama» jedhee isaan barsiisee ture waan ta'eef of-irraa ittisuuf naaf ta'a jedhee Sayifii dhoksaadhaan ykn dhoksee qabatee ture. Raayyaan ykn waraanni Roomis Gooftaa qabuuf yeroo itti siqan tajaajilaa Hangafa Lubootaa (Maalkoos) gurra isaa Sayifiidhaan mure. Yoh. 18:10. Gooftaan keenya garuu duuti isaa fedhii isaatiin, fayyina Addunyaatiif waan ta'eef «Sayifii kee deebisi» jechuudhaan isatti dheekkame.
Qulqulluun Pheexiroos gooftaan yeroo Haannaa fi Qayyaaffaa, Loltootaa fi aanga'oota Room biratti gidiraa arguuf fageenya irraa isa Duuka bu'a ture ykn isa hordofa ture. Gooftaas gara mooraa Hangafa Lubootaa Qayyaaffaatti yeroo isa galchanitti isa waliin seene Qulqulluun Pheexiroos. Ta'us garuu Ayihuudonni Loltoota Room waliin gidiraa Gooftaa keenya irraan gahaa turan sammuu ilma namaatti kan ulfaatu ta'uun isaatiin firdii ykn murtiin dhugaa dhabamuu isaa kan arge Qulqulluun Pheexiroos gara warra ibidda qaqqammataniitti siqe. Achis osoo jiruu waadaa gale irraanfatee yeroo sadi «Hin beeku» jedhee gane. Yeroo sanas Handaaqqoon ni iyyite.
Qulqulluun Pheexiroos wanti inni ittiin beekamu kan biraa inni guddaan Gaabbii isaati. Wanti gooftaan itti hime gahuu isaa, waadaa kan galeef Gooftaa isaa ganuu isaa akkuma beekeen mooraa sanaa bahee ni boo'e.
Qulqulluun Pheexiroos umurii isaatiin ykn umuriin isaa kan deeme ta'uu isaatiin Duuka bu'oota biratti akka abbaatti ilaalamaa waan tureef, yeroo gooftaan isaaniirraa adda bahetti Duuka bu'oota sooruuf gara Ogummaa ittiin beekamuu Qurxummii kiyyeessuutti imale. Gooftaanis dursee kan filate isa waan ta'eef, yoo isa ganeyyuu gaabbiidhaan deebi'uu isaatiin, Gaabbii isaa fudhachuu isaa, hardhas akka isa jaallatu ibsuudhaafis Galaana Xibriyaadooditti isaaf ibsame.
Yeroo sadi isa ganee ture waan ta'eef Qannoonaa kenneef. Amma Qulqulluun Pheexiroos ofitti amanamummaan isaa qofti akka isa hin baasne beekeera«Na jaallattaa?» jedhamee yeroo gaafatamu, «Ati ni beekta» kan jedhu ture deebiin isaa. Beekumsi ofii isaa eessayyuu akka isa hin geessisne waan beekuuf, gooftaanis xiiqii kan hin qabanne waan ta'eef hardhas akka isa jaallatu, gaabbiidhaan deebi'eera waan ta'eef hardhas kabaja isaaf kenne akka isa jalaa hin hirdhisne yeroo itti himu «Hoolota koo eegi» jedhee adaraa itti kenne. Yoh. 21:15-17. Sana boodas du'a isaatiin akkam godhee akka Waaqayyo kabaju itti himee gara Samiitti ol bahe.
Qulqulluun Pheexiroos kutaawwan Kitaaba Qulqulluu Arfan irrattiyyuu tarree lakkoofsa Duuka bu'ootaa irraa jalqaba irratti argama, kunis;
1. Jaarsummaa fi Abbummaa isaatiin
2. Waadaa Gooftaan Qisaariyaatti isaaf kenneen
3. Duuka bu'ootaaf akka dursaatti ni dubbata waan tureef
4. Waadaa Galaana Xibriyaadooditti kennameefiinidha.
Kanarraa kan ka'es bakka Yihudaa Duuka bu'aan biraa akka bakka bu'u ykn filatamu yaada kan dhiyeesse isa ture. HDB. 1:16-23. Ayyaana guyyaa shantammaffaattis Duuka bu'oonni Afuurri Qulqulluu yeroo isaaniif bu'etti Ayihuudota walitti qabamaniif dursaa ta'ee Wangeela kan lallabee fi namoota 3000 amansiisee Manni Kiristaanaa isheen jalqabaa Iyyerusaaleemitti akka hundooftu kan taasise isadha. HDB. 2:14-37.
Read Also :- Wangeelaawwii Qulqulluu Luqaas fi Kitaabolee isaa
Dursee sodaataa ture waan ta'eef mooraa Hangafa Lubootaa Qayyaaffaatti Gooftaa isaa kan gane Qulqulluun Pheexiroos, humna Afuura Qulqulluu erga argate booda garuu Shangoo Ayihuuditti dhukkubsattoota maalif fayyiste jedhamuudhaan yeroo himatametti, difratiidhaan waa'ee fayyisaa Addunyaa Iyyesuus Kiristoos ragaa bahe. HDB. 4:1-22. Qoorneelewoos cuuphuudhaan Wangeela Ahizaabotaaf dursee kan lallabedha. HDB. 10:1-11.
Duuka bu'aan kun kennaa Waaqayyo gooftaan isaaf kenneen gaaddisni isaayyuu dhukkubsattoota ni fayyisa ture. HDB. 5:15. Kitaaba Hojii Duuka Bu'ootaa boqonnaa 15 irratti naannoo bara 50 tti Sinoodoosii Duuka bu'ootaa Iyyerusaaleemitti gaggeeffameen gaaffii Kiristaanota Antsookiyaa irraa ka'eef deebii isa jalqabaa kan kenne isa ture.
Waa'ee bifaafi dhaabbii Qulqulluu Pheexiroos Kitaabolee fi galmeewwan durii akka itti aanutti ibsu. «Fuulli isaa kan baldhatu yoo ta'u, areeda irraa rifeensa baay'ee qaba, akkasumas hojjaa giddu galeessaa qaba, mataan isaas rifeensa hin qabu (በራ) nama akkasii ture, wanta kamiinuu si'ataa fi ariifataa ture.»
Bu'uura Seenaa Mana Kiristaanaatiin Qulqulluun Pheexiroos Filisxeemitti, Sooriyaatti, Phaanxoonitti, Galaatiyaatti, Qaphaadooqiyaatti, Biitaaniyaatti fi Roomeetti barsiiseera ykn lallabeera. Wareegamummaadhaan kan darbe ykn boqote magaalaa Roomitti yoo ta'u iddoo sanattis ykn magaalaa Roomittis waggoota 25'f barsiiseera jechuudhaan namoonni Room ni dubbatu. Akka dhugaa isaatti yoo ta'e garuu dursee Room kan seene Qulqulluu Phaawuloosidha. Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos ergaa isaa namoota Roomeef ergeen ykn erge irratti maqaa Qulqulluu Pheexiroos hin kaasne.
Qulqulluun Phaawuloos magaalaa kanaaf ergaa akka barresssu kan isa taasisan labsii Neerooniin bara 52 tti godaananii Qoronxoos kan galan Aqilaas fi haadha manaa isaa Phirsiqilaa dha. Waa'ee Kiristaanota Room Qulqulluun Phaawuloos kan dhaga'e isaanirraadha. Yeroo sanatti Qulqulluun Pheexiroos osoo Room jiraatee Aqilaas fi Phirsiqilaan Qulqulluu Phaawuloosiif osoo hin himnee ture.
Qulqulluun Phaawuloos iddoo tokkotti qofaa waan hin barsiisneef biyya sanaaf Phaaphaasii erga muude booda gara Lallaba isaatti yeroo deemu ture Qulqulluun Pheexiroos Room kan gahe. Akka Seenaa Tiwuufiitii Mana Kiristaanaa keenyaatti garuu Qulqulluun Pheexiroos yeroo waamamu nama waggaa 55 yoo ta'u, Gooftaa waliin waggaa sadii fi ji'a sadii, naanna'ee barsiisuudhaan ammoo waggoota 27 erga ture booda, Roomeetti barsiisuudhaan fi hidhaa irra kan ture waggaa 1 qofa ture. Seenaa Qulqulluu Phaawuloos waliin yeroo ilaallu dhugaan isaa kan fakkaata.
Duuka bu'ichi Qulqulluun Pheexiroos Roomeetti Qulqulluu Phaawuloos waliin waggaa tokko erga barsiisan booda Kiristaanonni Roomee baay'achaa dhufuu isaaniitiin olitti imalli Kiristaanummaa hanga Aanga'oota Mootummaa Roomitti gahe. Aanga'oonni Neeroonitti dhiyoo ta'aan niitiiwwan Albinoos fi Agriphaa gara Kiristaanummaatti seenan. Yeroo kanatti Mootichi Neeroon inaaffaadhaan isaanirratti ka'e.
Neeroon Roomitti Mootii kan ta'e bara 54 dha. Jalqabbii Mootummaa isaatti nama gaarii ture. Ta'us garuu Mootii ta'ee waggaa isaatti amalli isaa hammenyi muldhachuu jalqabee ilma Abbaa isaa ajjeesise. Bara 59 tti ammoo haadha isaa Summiidhaan ajjeese. Bara 63 tti ammoo barsiisaa isaa isa barsiisaa guddise, Bara 62 tti niitii isaa ijoollummaa Agitaashiyaa ajjeesise. Ishee dhaan boodas kan fuudhe niitii isaas Paappiyaa dhiitichoon rukutee ajjeese.
Neeroon bara 64 tti inni Mana Mootummaa isaa magaalaa dhaa alatti argamu keessa taa'ee magaalaa Room irratti ibidda gadhiise. Uummanni Room balaa gaheen garmalee dheekkaman. Mootichi Neeroonis Kiristaanotatti sababeeffate ykn gubiinsa kana Kiristaanotatu raawwate jedhe. Kanarraa kan ka'es magaalaa Roomitti oduu gosti lama ykn oduun garaa garaa lama odeeffamuu jalqabe.
Waaqoliin Room Amantaa Kiristaanotaatti waan dheekkamaniif magaalittiitti ibidda roobsan kan jedhu isa jalqabaa yoo ta'u, Kiristaanonni beekaa Magaalittii gubaniiru kan jedhu ammoo oduu isa lammaffaa ture.
Gubachuun magaalittii kan isaan aarse uummanni Room Kiristaana kan ta'e hunda gadi baasanii ajjeesuu hojii isaanii taasifatan. Qulqulluun Phaawuloos yeroo kanatti mana hidhaa ture waan ta'eef mormi isaa muramee boqote. Kana kan dhaga'aan niitiiwwan Albinoos fi Agriphaa «Ati nuuf hafi» jechuudhaan gamoo Magalittiitti funyoodhaan hidhanii qircaatiidhaan buusuun dallaa Room gadhiisee akka bahu isa taasisan.
Read Also :- Qulqulluu Aginaatewoos isa Leencaaf kenname
Duuka bu'ichi Qulqulluun Pheexiroos daandii Opiyaa irra deemsa isaa itti fufe. Room ni gadhiise. Umurii isaa jaarsummaatiin tirachaa osoo deemuu namni diimaan tokko gara isaatti yeroo dhufu arge. Itti dhiyaachaa yeroo dhufus Gooftaa keenya ta'uu isaa hubate. Achumaan fuuldura isaatti gadi gombifamee «Yaa Gooftaa koo garam deemaa jirta?» jedhee gaafate, gooftaan keenyas «Lammaffaa Roomitti fannifamuuf» jedheen.
Yeroo kanatti Qulqulluun Pheexiroos gaddee irra deebiin gara Roomitti deebi'e. Loltoonni Neeroonis isa barbaadaa jiru ture waan ta'eef «Kunoo na fannisaa!» jedheen Qulqulluun Pheexiroosis. Yeroo sanas Qulqulluu Pheexiroos qabanii hidhan. Guyyoota muraasa boodas Roomaanonni muka irratti fannifamu dhiyeessaniif. Yeroo sanas «Ani akka Gooftaa kootti fannifamuun narraa hin eegamu, gadi gara galchaatii na fannisaa» jechuun akka gadi isa gara galchanii fannisan isaan kadhate. Wanta inni jedhes ni taasisaniif ykn ni raawwataniif. Adoolessa 5, Bara 68 Dh.K.B Wareegamummaan boqote.
Read Also :- «Room akkan Daawwadhetti» ykn Kaataakoomb
Mootichi Neeroonis erga Qulqulluu Pheexiroos fi Qulqulluu Phaawuloos erga ajjeesise booda isaaf hin taane. Badii hojjeechuun isaa fi of jajni isaa cimaa dhufuu isaatiin Uummanni Room irratti ka'e. Kanarraa kan ka'es baqatee magaalittii gadhiisee bahe. Dhuma irrattis baqachuun yeroo isa nuffisiisu tajaajilaa isaatiin «Maaloo Sayifii keetiin na ajjeesi!» jechuudhaan kadhatee Sayifiidhaan bara 68 tti du'e. Neeroon yeroo du'u «Addunyaan hardha Artistii akkamii dhabde» jedhe jedhama.
Kitaabolee Qulqulluu Pheexiroos
Qulqulluun Pheexiroos Kitaabolee inni barreesse Kitaabolee ergaa Kakuu Haaraa keessatti argaman lamadha. Isaanis;
1. Ergaa Qulqulluu Pheexiroos isaa Jalqabaa ykn tokkoffaa :-
Gidiraa fi wareegamummaa Wareegamaa Qulqulluu Isxifaanoos irra naannoo bara 35 gaheen rakkoon isaanirra gaheen Kiristaanota Ayihuudota baqataniif Abbaa ta'uu isaatiin ykn Abbaa waan ta'eef (Gal. 2:8) Amantaa isaaniitiin akka cimaniif bara 60 tti ergaa kana barreesseef.
Qulqulluun Pheexiroos ergaa isaa kana kan barreesse bara Mooticha hamaa Room Neeroon Qeesaar Bara 63 ta'uu hin oolu jedhama. Kaaba Turk hardhaatti Kiristaanota jiraniif yeroo barresssu, yeroo godaansaatti akka jabaatan fi akka ta'uutti deddeebi'anii kabaja isaaniif qophaa'e akka eeggatan isaan gorsa. Ergaan kunis harka Silwaanoosiin «Baabiloonitti» barreeffame, Baabiloon yeroo jedhu tarii bakka Gibtsii jiru ykn Room agarsiisa ta'a. 1 Pheex. 5:12-13.
Qulqulluun Pheexiroos dubbistoonni kennaa Waaqayyootiin akka dhaabbataniif yeroo isaan gorsu (1 Pheex. 5:12) qabxiilee kanatti aananii jiraniif xm xiyyeeffannoo ni kenna;
1. Kabajaa fi Abdii Kiristaanummaa :- 1:1-2, 3-5, 2:4-10, 3:14-18, 4:14, 5:4-10.
2. Fakkeenyummaa fi Sababbii du'a Kiristoos :- 1:1-2, 18-19, 2:21-24, 3:18, 4:1-2, 13
3. Garaagarummaa Jireenya isaanii duraa fi ammaa :- 1:14-18,19, 2:25, 4:3.
4. Ajajoota Kiristaanummaa :- 1:13, 5:9
5. Hojii Sagalee Waaqayyoo :- 1:10-12, 23-25, 2:2-3.
6. Kakuun Moofaa Kakuu Haaraatiin raawwatamuu isaa :- 1:10-12, 18-19, 2:4-10, 3:10-12.
Qoqqoodama Ergaa Qulqulluu Pheexiroos isaa tokkoffaa;
1. Nageenya hojii Sillaasee irratti hundaa'e
1. Pheex. 1:1-2
2. Galata Kiristaanni dhiyeessu
1. Pheex. 1:3-12
3. Qulqullummaa Kiristaanni itti waamameef
1. Pheex. 1:13-5:11
A). Sababbii Qulqullummaa, ibsamuu Kiristoos, Amala Waaqayyoo, hojii Kiristoos, lammaffaa dhalachuu amantootaa :- 1:13-2:3.
B). Haala Qulqullummaa, Amantoonni :- Mana Afuurawaa, Saba filatameefi keessummoota Addunyaa ta'uu isaanii :- 2:4-12
C). Amala Kiristaanummaa, Kabaja Mana Mootummaatti, hojiitti, Jireenya Kiristoositti, maatiitti :- 2:13-3:7.
D). Haalota garaa garaatiin ibsamuu Qulqullummaa, hunduma biratti (3:8-17), dhiyaachuu dhuma Addunyaa (4:7-11), yeroo qorumsaa (4:12-19), tajaajila Jaarsolii (5:1-4), deemsa walii galaa (5:5-11).
4. Eebbaafi haala Pheexiroos :- 5:12-14.
2. Ergaa Qulqulluu Pheexiroos isaa Lammaffaa :-
Ergaan kun Qulqulluu Pheexiroosiin akka barreeffame ni himama, 1:1, 16-18 (Maat. 17:1-5 waliin wal bira qabaa!), 3:1,15. Duuka bu'ichi yeroon itti du'u dhiyaachuun isaa ni mul'ata waan ta'eef barri isaa naannoo bara 67 ta'uu danda'a, 1:12-15. Ergaan Qulqulluu Pheexiroos inni tokkoffaan godaansa alaa Mana Kiristaanaa irratti dhufe yeroo agarsiisu, Ergaan inni lammaffaan ammoo dogoggora keessaa ka'u morma. Sobdoonni beekumsa mataa isaanii ol kaasu ture ykn akka Ginoostikootaa. Boqonnaa 2 ergaa Yihudaa waliin yeroo wal bira qabnu , ergaan sunis waa'ee Sobdoota kanaa barreessuun isaa akka hin oolle tilmaamuun ni danda'aama.
Ergaa kana irratti Pheexiroos tiksee ta'ee (1:12-15, 3:1-2, 12-14, Yoh. 21:15-17), jaalattoonni isaa beekumsa dhugaatiin bu'uura akka taasifatan, Soba akka mormaniifi lammaffaa dhufuu Kiristoos Amantiidhaan akka eegan ni barreessaaf.
Qoqqoodama Ergaa Qulqulluu Pheexiroos isa lammaffaa;
1. Eebba Kiristoos beekuu :- 1:1-4
2. Haala beekumsaa :- 1:5-21
A). Haala Beekumsaa :- 1:5-7
B). Faayidaa Beekumsaa :- 1:8-11
C). Barbaachisummaa Beekumsaa :- 1:12-15
D). Bu'uura Beekumsaa :- 1:16-21
3. Faallaa Beekumsaa :- Boq. 2
A). Ka'umsa Sobdootaa :- 2:1-3
B). Murtii Sobdootaa :- 2:4-10
C). Amala Sobdootaa :- 2:11-22
4. Xumura Beekumsaa :- Boq. 3
A). Dhugaa ta'uu dhufaatii lammaffaa :- 3:1-10
B). Deebii Dubbistootaa :- 3:11-18.
Labsii ykn ajaja Neerooniin qabamee hidhamee osoo jiruu (naannoo bara 67) gidiraa isaatiin dabalamanii Shakkitoonni barumsa Shakkummaa ykn barumsa ganiinsaa yeroo barsiisan amantoota jeeqanii ture waan ta'eef Kiristaanota Isiyaa xiqqoo jiraataniif;
1. Addunyaa kanaaf hojjetaa fi sooraa hin qabu
2. Ka'umsi hin jiru
3. Samii fi lafti darbuun hin jiru
4. Al tokko yoo amanan hojiin ykn naamusni hin fayyadu, jechuudhaan Shakkitoonni gaaffii shakkisisaa isaanitti kaasaniif deebii kenneera.
Walumaa galatti Qulqulluun Pheexiroos;
1. Bultii qaba ture
Qulqulluun Pheexiroos Pheertiwaa haadha manaa jedhamtu qaba ture, Waaqni keenya Iyyesuus Kiristoos gara Mana Pheexiroositti dhufee Amaatii isaa dhukkuba gubii dhukkubsattee ciistee ishee argee yeroo ishee tuqu dhukkuba isheerraa fayyitee, kaatees isa tajajilteerti. Maat. 8:14.
2. Wantoota Qulqulluun Pheexiroos ittiin beekamu
Qulqulluun Pheexiroos galaana Galiilaa qarqaratti «Yaa Gooftaa yoo si ta'e bishaan kanarra gara keetti akkan dhufuuf na ajaji» jedheen. Innis koottu jedheen Qulqulluun Pheexiroosis Doonii irraa bu'ee gara Iyyesuus Kiristoositti bishaan irra ni deeme, garuu humna qilleensichaa argee ni sodaate, dhidhimuus yeroo jalqabettis yaa Gooftaa na fayyisi jedhee iyye, hoggasuma Iyyesuus Kiristoos harka isaa diriirsee isa qabuudhaan ati amantiin kan sitti hirdhate maalif shakkita? jedheen. Maat. 14:28
3. Qulqulluu Pheexiroos Filiiphoos Qisaariyaatti
Iyyesuus Kiristoosis gara biyya Filiiphoos Qisaariyaatti yeroo gahetti Duuka bu'oonni isaatiin, namoonni ilma namaatiin maal akka jedhan isaan gaafate. Isaanis «Yohaannis Cuuphaa siin jedhu, warri kaan ammoo Eliyaas siin jedhu, warri kaan ammoo Raajota keessaa ati tokkodha siin jedhu» jedhaniin. Innis «isin hoo anaan eenyu jettu?» jedhee isaan gaafate. Qulqulluun Pheexiroosis «Ati ilma Waaqayyo jiraataati» jedhee ragaa bahe. Maat. 16:17.
4. Qulqulluu Pheexiroos Dabra Taabooritti
«Yaa Gooftaa as taa'uun keenya nuuf bayeessa, yoo jaalatte asitti goojjoo sadi :- tokko si'iif, tokko Museef, tokko ammoo Eliyaasiif ijaarra». Maat. 17:5.
5. Qulqulluu Pheexiroos gaafa Kadhannaa Kamisaa
Duuka bu'oonni gara Tulluu Ejersaatti yeroo ba'an, yeroo sanatti Iyyesuus Kiristoos halkan kanatti hundumti keessan anaan ni dogoggortu. Maat. 17:30
Duuka bu'oonni rafanii isaan arge, Pheexiroosiin «Akkasumatti ana waliin sa'aatii tokko illee cimuu hin dandeenyee, gara qorumsaatti akka hin seenne cimaatii kadhadhaa» Maat. 26:41.
6. Ariifataa ture
Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos waa'ee du'a isaa fi ka'umsa isaa yeroo dubbatu, «Sirratti hin ta'iin yaa Gooftaa! kuni gonkumayyuu sirra hin gahiin» jechuu jalqabe. Maat. 16:26
7. Raajiiwwan ni taasisa ture
• Nama naafa ta'ee dhalate maqaa Iyyesuus Kiristoosiin ka'iitii deddeebi'i jedhee fayyiseera. HDB. 3:8.
• Lidaatti Eniyaa kan jedhamu nama waggaa saddeetiif siree irra ture fayyiseera. HDB. 9:23.
• Afuura Qulqulluu qarshiidhaan nan bita kan jedhe Simoon Masariitti dheekkameera. HDB. 8:21.
• Hanaaniyaa fi haadha manaa isaa Saphiiraatti dheekkameera. HDB. 5:5.
8. Tajaajila Lallabaa Qulqulluu Pheexiroos
• Ayyaana guyyaa shantammaffaatti sagalee isaa ol kaasee akkas jedhee isaanitti dubbate «Ayihuudonni Iyyerusaaleem jiraattan hundi keessan kuni isin biratti kan beekame haa ta'u, jechoota kanas dhageeffadhaa!» jechuudhaan namoota kuma sadi barsiisee, amansiiseera. HDB. 2:14.
Samaariyaatti, Antsookiyaatti, Phaanxoositti, Galaatiyaatti, Qaphaadooqiyaatti, Biitaaniyaatti, barsiisee ergaa isaa tokkoffaa fi lammaffaa barreesseera.
Eebbi Qulqulluu Pheexiroos nurra haa bulu!
Galaanni Waaqayyoof haa ta'u!
0 Comments