Qulqulluu Phaawuloos
Dhaloota isaatii hanga Cuuphaa isaatti
Ibsa suuraa;
1. Qulqulluu Phaawuloos
2. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Phaawuloositti muldhatee «Maalif na ari'atta» akka jedheeniifi Iji Qulqulluu Phaawuloos akka jaame
3. Qulqulluu Phaawuloos
4. Qulqulluun Phaawuloos mormi isaa Sayifiidhaan muramee akka boqote
Duuka Bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos hiddi isaa Ibroota irraa, Qomoo Biiniyaam yoo ta'u kan dhalates magaalaa Xarseesitti. Hojii dunkaana hodhuu kan barates achittidha (HDB. 13:3). Xarsees daldala isheetiin kan beekamte magaalaa guddittii Kilqiyaati. Magaalitti keessattis biyya sana irraa kan walitti qabaman namoota hedduutu keessa jiraata ture. Warreen Roomaa saboota ykn uummata isaan jalatti buluuf lamummaa Room ni kennu waan tureef, Abbaan Qulqulluu Phaawuloos lamummaan isaa Roomaawwii ture. Kunis Qulqulluu Phaawuloosiif darbeefiira.
Qulqulluun Phaawuloos umurii isaa waggaa 15 tti gara biyya dhaloota isaatti deebi'uun Iyyerusaaleemitti beekamaa kan ture Gamaaliyaal irraa barnoota barateera. Achittis sirnaa fi seera Ayihuudotaa barachaa hanga umurii isaa waggaa 30 tti ture. Gamaaliyaal Fariisaawwii waan tureef Phaawuloosis kana fudhateera. Umurii isaa waggaa 30 tti qaama ykn miseensa Shangoo Ayihuud (Saan Harin) ta'ee lakka'aamee.
Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos bara itti barsiisaa turetti Qulqulluun Phaawuloos Iyyerusaaleem waan tureef haalota jiran hunda ni beeka. Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos miseensummaa Shangoo Ayihuudiin waggoota lamaaf yeroo hojjetetti Amantaa isaa Oriitaawwiif Fariisaawwii inaafaa ta'uu isaatiin Kiristaanota yeroo kamiyyuu ni morma ture. Inumaayyuu Hangafni Diyaaqonootaa Qulqulluun Isxifaanoos barsiisuu isaatiin himatamee Shangoo Ayihuudotaa duratti yeroo dhiyaatetti kan isa morme Qulqulluu Phaawuloos ture. Dhagaadhaan wagaramee Wareegamummaan yeroo boqotus uffata warra dhagaadhaan Qulqulluu Isxifaanoos rukutanii kan eegaa ture isadha. Qulqulluun Awugisxiinoos «Kadhannaa Isxifaanoosiin, Manni Kiristaaanaa Phaawuloos badee ture argatte.» jechuun dubbateera.
Umurii isaa waggaa 32 tti Iyyerusaaleem irraa gara Kaabaatti 223 Km fagaattee kan argamtu Magaalaa Damaasqootti Kiristaanonni hedduun jiraachuu isaanii yeroo dhaga'u gara hangafoota Lubootaatti siqee Kiristaanota balleessuuf kan isa gargaaru ykn isa dandessisu xalayaa eyyamaa isaaniirraa argate. Kana boodas raayyaa of duuba hiriirsisee gara Damaasqootti imale. Qulqulluun Phaawuloos gara magaalittiitti seenuuf xiqqoon yeroo isa hafu itti Samii irraa bu'e naannoo sana uffisuun «Saawuul Saawuul maalif na ari'atta?» sagalee jedhu dhaga'e. Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloosis «Yaa Gooftaa ati eenyu jedhee» gaafate. «Ani Iyyesuus isa Naazreetidha» jedhee deebiseef. Yeroo sanas iddoo itti kufee jiruu urgufamaa «Yaa Gooftaa maal akkas godhu barbaadda?» jedhee gaafate. Sana boodas ka'ee gara Damaasqootti akka seenu itti hime. HDB. 9:1
Iji Duuka bu'icha Qulqulluu Phaawuloos ilaaluu hin dandeenye. Namni isa qabee isa dursaa gara magaalaa Damaasqootti seene. Guyyoota sadiifis nyaata osoo hin nyaatiin ture. Guyyaa sanattis Waaqayyo Damaasqootti kan argamu Hanaaniyaa kan jedhamuuf muldhataan ni ibsameef, iddoo Qulqulluun Phaawuloos jirus itti himee akka deemee isa cuuphu isa ajaje. Hanaaniyaanis dursee eenyummaa Qulqulluu Phaawuloos ni beeka. Kiristaanonni Damaasqoo jiran baay'inaan Kiristaanota godaansaan Iyyerusaaleem irraa dhufanidha. Godaansa sana kan kaase ammoo gidiraa Qulqulluu Isxifaanoos irra gahedha. Wareegamummaa Qulqulluu Isxifaanoos kanaaf ammoo harka caalu kan keessaa qabu Qulqulluu Phaawuloos ture. Kana kan beeku Hanaaniyaanis dursee Waaqayyo waliin wal falmuu eegalee ture. Akka waan Waaqayyo hin beeknees waa'ee Qulqulluu Phaawuloos hubachiisuu jalqabe. Dhuma irratti garuu «Kuni Ahizaabota, Mootota, Ijoollee Israa'eel birattis maqaa koo akka baatuuf qodaa anaaf filatamedha waan ta'eef deemi, waa'ee maqaa kootiif gidiraa hedduu arguun akka isa barbaachisu isatti nan agarsiisa » jechuudhaan Waaqayyo Hanaaniyaa erge.
Hanaaniyaanis Qulqulluu Phaawuloos erga barsiisee fi cuuphee booda, Qulqulluun Phaawuloos gara biyya Arabaatti deemuun isaa dubbateera. Gal. 1:7.
Waggoota sadiif gammoojjii Arabiyaatti erga ture booda gara magaalaa Damaasqootti deebi'e. Ayihuudota achi turan gidduuttis waa'ee Kiristoos isa dura ari'aa turee Lallabuu jalqabe. Sana dura Fariisaawwii ta'uu isaafi inaaffaan inni sirna Ayihuudiif qabuun kan beekamu Qulqulluun Phaawuloos hardha Wangeela yeroo Lallabu arguu isaaniitiin Ayihuudonni irratti ka'aan. Kanarraa kan ka'eenis Kiristaanonni Damaasqoo gara Iyyerusaaleemitti isa ergan.
Qulqulluun Phaawuloos Iyyerusaaleem yeroo gahu rakkoo lamatu isa mudate ture. Dursa irratti Ayihuudonni Phaawuloos akka beekanitti fi akka isa baranitti ta'ee waan isaanitti hin muldhanneef isa ajjeesuuf ka'an. Karaa biraatiin ammoo Kiristaanonni deebi'uu Qulqulluu Phaawuloos amanuu hin dandeenye. Dhuma irratti garuu Barnaabaas gara Duuka Bu'ootaatti isa geessee deebi'uu Qulqulluu Phaawuloos itti himuun akka amanan taasise. Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos Iyyerusaaleemitti barsiisuu isaatiin Ayihuudonni waan isa mormaniif Magaalittii dhiisee karaa Qisaariyaa gara biyya dhaloota isaa Xarseesitti deebi'e.
Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos magaalaa Xarseesitti waggoota sagaliif tureera. Iyyerusaaleemiin ala Magaalaa Ahizaabotaa kan turte Antsookiyaatti Amantaan Kiristaanummaa ni babaldhate. Kiristaanonni Iyyerusaaleemii godaanan uummata Antsookiyaa cimanii barsiisuun isaanii hanga Iyyerusaaleemitti dhaga'aame. Sababa kanaanis Abbootiin Iyyerusaaleem turan Barnaabaas gara Antsookiyaatti ergan. Barnaabaasis Afaan Giriikii kan beeku, nama hunda waliin walii galuu kan danda'u, akkasumas Waaqayyo Ahizaabotaaf Duuka bu'aa akka ta'u kan isa filate Qulqulluu Phaawuloos Xarseesii gara Antsookiyaatti fiduun hojii isaanii jalqaban.
Read Also :- Room akkan Daawwadhetti (Kaataakoomb)
Ergaa isaa gara Galaatiyaa boqonnaa 2 irratti ofii isaa akka ibsetti waggoota kudha afur booda gara Iyyerusaaleemitti Kiristaanota Antsookiyaa irraa kan walitti qabe gargaarsa qabatee dhufe. Kanaanis Ayihuud fi Ahizaabota gidduutti garaa garummaa ture Kiristaanummaan tokko akka taasise agarsiiseera.
Deemsota Qulqulluu Phaawuloos
Deemsa Qulqulluu Phaawuloos isa jalqabaa
Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos Iyyerusaaleemii gara Antsookiyaatti erga deebi'e booda waamicha Waaqayyootiin (HDB. 13:1-3) biyya Ahizaabotaatti Wangeela Lallabuuf Barnaabaas waliin ba'an. Deemsa isaanii kanaan walumaa galatti daandii gara 2000 Km tti siqu miilaan deemaniiru. Deemsi kunis kan gaggeeffame naannoo bara 46 ttidha. Deemsa kana keessatti biyyoonni fi magaalonni hammatamanis Qoophroos, Siiliinwuqiyaa, Silmaanaa, Phaafaa, Phargeen, Galaatiyaa, Phisdiyaa, Iqooniyoon, Liqaa'ooniyaa, Lisxiraa, Darbeen, Phinfiliyaa, Ataaliyaafi Antsookiyaa dha.
Deemsa Qulqulluu Phaawuloos isa lammaffaa
Deemsi inni lammaffaan kan gaggeeffame naannoo bara 50 tti. Deemsa isa jalqabaatiin Qulqulluun Maarqoos waliin deemee ture, garuu Magaalaa Phinfiliyaa yeroo gahu haadha isaa yaadee deebi'uu waan barbaadeef Barnaabaas gara Iyyerusaaleemitti isa fidee dhufe. Kanaafis deemsa isaa lammaffaatiin Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos Siilaas qabatee gara Kilqiyaa, Sooriyaatti yeroo deemu, Barnaabaas ammoo Maarqoos waliin gara Qoophroos deeme. Deemsa isaa kanaan Qulqulluun Phaawuloos hanga Giriikiitti gaheera. Magaalonni inni keessa deemee fi barsiises; Darbiyaa, Lisxiraa, Firgiyaa, Galaatiyaa, Misiyaa, Xiroo'aadaa, Saamootiraaqee, Naapulii, Filiiphisiyuus, Tasaloonqee, Bariyaa,
Ateenaa, Qoronxoos, Ankiraa'oos, Efeesoon, Qisaariyaa, Iyyerusaaleem fi Antsookiyaa dha. Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos ilma isaa Afuuraa Ximootewoos kan arge deemsa isaa kanaan magaalaa Lisxiraatti.
Deemsa Qulqulluu Phaawuloos isa Sadaffaa
Deemsi kun kan gaggeeffame bara 54tti yoo ta'u, magaalotaa fi biyyoonni inni of keessatti hammates;
Galaatiyaa, Firgiyaa, Efeesoon, Maqedooniyaa, Filiiphisiyuus, Qoronxoos, Xiroo'aadaa, Asoon, Milixinin, Anxaqakasiyuu, Tiroogiiliyoom, Masxuu, Qoos, Ruud, Phaaxraa, Xiiroos, Phitoolmaayis, Qisaariyaa, Iyyerusaaleem.
Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos gargaarsa Kiristaanota biyyoota garaa garaa irraa walitti qabe Mana Kiristaaanaa Iyyerusaaleemiif qabachuun deemsa isaa sadaffaa raawwatee Iyyerusaaleem seene. Ta'us garuu Iyyerusaaleem yeroo seenetti Ayyaanni Faasikaa waan tureef Ayihuudonni biyyoota garaa garaa irraa walitti qabaman magaalittii keessa turan. Ayihuudonni godaansaan jiraatan kunneenis Duuka bu'icha Qulqulluu Phaawuloos biyya isaaniitti sababa barumsa isaa irraa kan ka'e isa mormaa kan turanidha.
Ayihuudonni kunneen Qulqulluu Phaawuloos Iyyerusaaleemitti yeroo argan mormii guddaa irratti kaasan. Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloosis mormii isaanii dhaabsisuuf akka seera Ayihuuditti Mana Qulqullummaatti sirna qulqulleessuu raawwachuu jalqabe. Ta'us garuu Efeesoonii kaasee kan isa waliin dhufe Xiroofiimoos gara Mana Qulqullummaatti waan galche waan isaanitti fakkaateef mormiin isaanii ni cime. HDB. 22:29. Magaalittiis ni jeeqan, kanadha ture bara 58 tti Qulqulluun Phaawuloos Mana hidhaa Roomitti akka hidhamu kan isa taasise. Gidiraa fi rakkoo hedduu boodas hidhamee Room gale. Sana boodas hidhaa dhaabbii irra osoo jiruu waggoota lamaaf Wangeela lallabe. Hidhaa dhaabbii waggoota lamaa akkuma xumureen gara Mana murtii Neeroonitti dhiyaate. Kunis bara 60 Dh.K.B dha. Qorannaa Mana murtiitiin taasifameen seera Roomee waliin kan wal faallessu yakki kamiyyuu waan irratti hin argamneef bilisaan gadhiifame, kana boodadha Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos deemsa isaa arfaffaa fi Kitaaba Hojii Duuka Bu'ootaa irratti kan hin galmeeffamne kan taasise.
Deemsi isaa kun hidhamuu isaatiin gaddanii kan turan Kiristaanota jajjabeesuuf, hojiiwwan jalqabe xumura isaanii ilaaluuf deemsa taasifamedha. Deemsa isaa kanaanis Iyyerusaaleem, Efeesoon, Loodooqiyaa, Maqedooniyaa, Qarxees, Xiroo'aadaa, Dilmaaxiyaa, Ilwaariiqoon, Niqoophooliyoon, Birandis fa'a ilaaleera. Deemsa isaa lallabaa dhumaa kanaanis waggoota afuriif tureera.
Gabaabumatti Qulqulluun Phaawuloos
1. Obsa qabeessa ture
«Hanga sa'aatii kanaatti ni beelofna, ni dheebonna, uffata ni dhabna, ni dhamaana, harka keenyaan hojjechaa ni dhadhabna, yeroo nu arrabsan ni eebbisna, yeroo nu ari'an ni obsina, hamaa yeroo nutti dubbatan ni araaramna hanga ammaatti haraa Addunyaa taaneerra.» jedheera. 1 Qor. 4:11.
2. Dhukkubsataa ture
«Kanaafis ibsamuudhaan ol aantummaan akkan of hin jajne, waraansa foon kootii (waraansa cinaachaa fi dhukkubbii mataa):- innis kan na rakkisu ergamaan Seexanaa naaf kenname, kunis akkan of hin jajneefi. Waa'ee wanta kanaa anarraa akka adda bahuuf yeroo sadi gooftaan kadhadhe, innis kennaan koo si gaha, humni koo dhadhabbiidhaan ni raawwatama naan jedhe» jedheera. 2 Qor. 12:6
3. Jireenya Qeerrummaa Qulqulluu Phaawuloos
«Ta'us garuu warra hin fuunee fi fuudhanii warra hiikaniin akka koo ta'aanii osoo jiraatanii isaaniif wayyan jedha. (Akka koo Dubara irraa fagaatanii, Qulqullummaa eeganii osoo jiraatanii isaaniif wayyan jedheen isaanitti hima)» jedheera. 1 Qor. 7:8.
4. Raajiiwwan garaa garaa ni hojjeta ture
Lisxiraatti kan okkolu fayyiseera (HDB. 14:8). Awuuxeekis kan jedhamu namni tokko foddaa irra taa'ee irribni guddaan isa qabee rafaa ture. Phaawuloosis lallaba yeroo dheeressutti irribni itti ulfaatee sadarkaa 3 ffaa irraa gara jalaatti kufe, ni du'es, Qulqulluun Phaawuloosis kadhannaadhaan isa kaase. HDB. 20:9, Qulqulluun Phaawuloos uffata ykn huccuu isaatiinis ni fayyisa ture. (HDB. 19:11).
5. Guyyaa du'a ykn boqonnaa isaas ni hawwa ture
«Isaan kana keessaa lamaaniin nan dhiphadha, deemuu Kiristoos waliin jiraachuu nan hawwa, wanta hunda caalaa wanta bayeessa waan ta'eef, ta'us garuu fooniin jiraachuun koo waa'ee keessaniif garmalee kan barbaachisudha. Kanas hubadhee isaan biratti irra deebiin ta'uu kootiif anaan of jajuun keessan Iyyesuus Kiristoosiin akka baay'atuuf, Amantiidhaan akka guddattaniifi akka gammaddaniif, akkan jiraadhu hunda keessan waliin akkan turu nan beeka» Filp. 1:23.
6. Guyyaa du'a isaa ni beeka ture
«Ta'us garuu Afuurri Qulqulluu:- magaalotatti gidiraa fi hidhaan si eeggata jedhee natti hima. Ta'us garuu kennaa Waaqayyoo kan ta'e Wangeela akkan barsiisuuf Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irraa kanan fudhadhe fiigicha koo akkan xumuruu fi ergaa koos akkan raawwadhuufi malee qaama koof homaa hin yaaduuf. Ammas kunoo Mootummaa Waaqayyoo kanan isiniif lallabe isin hundumti keessan kana booda fuula koo akka hin argine ani beekeera.» HDB. 20:23.
Read Also :- Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge
«Maalif akkas gootu? boossanii laphee koo cabsitu, ani Abdii kanan taasifadhu gidiraa fi rakkoo qofaa miti, ani garuu maqaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin Iyyerusaaleemitti du'uufis kanan kutadhedha.» HDB. 21:23
7. Qulqulluu Phaawuloos fi Siilaas Mana hidhaatti
Hojii Xonqolummaa ykn falfala hojjechuudhaan gooftota isheetiif dubartii qarshii hedduu walitti qabdu tokkotu turte. Qulqulluu Phaawuloos fi Siilaas hordofaa «Daandii fayyinaa kan isinitti himan namootni kun garboota Waaqayyooti» jettee ni iyyiti ture. Wanta kanas garmalee guyyoota hedduu irra deddeebite. Qulqulluun Phaawuloos garuu gara duubaatti deebi'ee Afuurichaan «Ishee irraa akka baatu maqaa Iyyesuus Kiristoosiin sin ajaja!» jedheen yeruma sanattis Afuurri hamaan sun irraa bahe. Gooftonni ishees Abdiin isaanii, maddi galii isaanii akka bahe yeroo arganitti Qulqulluu Phaawuloos fi Siilaas gara Moototaatti dhiyeessanii «Namoonni kunneen Ayihuudota ta'aanii garmalee magaalaa kana jeequ, nuti namoota Roomee taanee fudhachuu fi raawwachuu kan hin barteewwan nuuf hin eyyamamne ni dubbatu» jechuudhaan himaticha gara Siyaasaatti jijjiiran. Uummannis isaanirra goree isaan gargaare, uffata isaaniis irraa baasanii uleedhaan tumanii gara Mana hidhaatti isaan darbatan.
Mana hidhaattis muka waliin walitti isaan hidhan. Halkan qixxee yeroo ta'us kadhachaa Waaqayyo faaruudhaan galateeffatan. Warreen hidhamanis isaan dhageeffatu ture. Yeroo kanatti bu'uurti Mana hidhaa sanaa hamma raafamutti kirkirri lafaa ka'ee, balbaloonni hundi ni banaman, hunduu hidhaadhaa ni hiikame. Waardiyyaan Mana hidhaas hirribaa yeroo ka'u hidhamtoonnii waan miliqan itti fakkaatee of ajjeesuuf Sayifii isaa baase, Qulqulluun Phaawuloos garuu «Hundumti keenya as jirra waan ta'eef ofii kee irratti waan hamaa hin taasisiin!» jedhee iyye. Ibsaas kadhatee gara keessaatti fiige, urgufamaas Phaawuloos fi Siilaasiif sagade, gara alaattis isaan baasee «Gooftota koo, akkan fayyuuf maal gochuutu narraa eegama?» jedheen. Isaanis «Gooftaa Iyyesuus Kiristoositti amani! ati fi maatiin kee ni fayyitu» jedhaniin. Wangeelas isa barsiisan, halkaniinis sa'aatii sanatti isaan geessee madaa isaanii dhiqeef, cabaa isaaniis ni hidheef, maatii isaa hunda waliinis ni cuuphame, nyaatas ni dhiyeesseef, Waaqayyottis waan amaneef maatii isaa hunda waliin gammachuu ni argate.» HDB. 20:16-34.
Yeroo itti aanutti Kitaabolee Qulqulluun Phaawuloos barreesse tokko tokkoon ni ilaalla
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
1 Comments
Waaqayyo hundumaa isa caalu mootummaa isaa keessatti isin haa yaadatu jechaa macaafa Qulqulluu weedduu weedduu caalu macaafa lallabaas yoo itti nuuf dabaltan gaariidha
ReplyDeleteWaaqayyo umurii dheeraa mana isaa keessa ittiin jiraatan isiniif haa laatu