Qulqulluu Luqaas Wangeelaawwii
Qulqulluun Luqaas eenyudha?
Barreeffama kana keessatti qabiyyeewwan gurguddoo sadi ni ilaalla, isaanis;
1. Qulqulluu Luqaas
2. Wangeela Luqaas fi
3. Hojii Duuka Bu'ootaa
Ibsa suuraa:- Suuraa ykn Si'iliin Armaan olii waa'ee Qulqulluu Luqaas kan ibsudha, Qulqulluun Luqaas sa'aan fakkeeffamuu isaa, Wangeela yeroo barreesse, Si'iliin haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam inni kaasee fi k.k.f.
Qulqulluun Luqaas Wangeelaawwii biyyi isaa Antsookiyaa dha. Dursee Abbootii ykn Gargaartota 72'n keessatti kan lakkaawwame yoo ta'u, Ayyaana guyyaa Shantammaffaa booda gara Antsookiyaatti bu'ee Wangeela Lallabeera, Duuka bu'icha Qulqulluu Phaawuloos waliinis kan wal arge asitti ykn Antsookiyaatti ture. Qulqulluun Luqaas ogummaa yaala fayyaa kan qabu yoo ta'u, kan qo'ates Beektota Ateenaa fi Iskindiriyaa irraa ta'uun isaa beekameera. Ogummaa isaa kanaan dabalataatti dandeetti ogummaa fakkii kaasuu akka qabus ni himama. Dandettii isaa kanas kitaaba Wangeelaa fi Hojii Duuka bu'ootaa inni barreesse irratti akkaataa ibsa bifa fakkiitiin ibsuu isaatiin fi gama biraatiin ammoo fakkiiwwan inni harka isaatiin kaase biyyoota garaagaraa keessatti ni argamu.
Qulqulluun Luqaas Wangeelaawwii jireenya qeerrummaa qabudha ture. Qulqulluu Phaawuloos hanga wareegamummaan boqoteetti bartuu isaa ta'uun isa tajaajileera. Bara 67 Dh.K.B tti Qulqulluun Phaawuloos Roomitti yeroo wareegamummaan boqote Qulqulluun Luqaas gara Dilmaaxiyaatti dhufe. Achittis umurii isaa Jaarsummaatiin Wangeela Lallabaa osoo jiruu Ayihuudonni fi Lubootni Xaa'otii waliin ta'uun barnoota isaa mormuun irratti ka'an. Fulbaana 20, bara 68 Dh.K.B Ayihuudonni fi Ahizaabonni walga'ii godhatanii, dubbii uumuudhaan Mootii Roomitti isa himatan. Yeroon sunis yeroo itti Mootii ykn Qeesaar Room kan ture Neeroon yeroo itti garmalee hamaa ture waan tureef, Roomii miliquu fi gara Dilmaaxiyaa galuu Qulqulluu Luqaas yeroo dhaga'u loltoota 200 itti erge. Qulqulluun Luqaasis dhufaa jiraachuu loltoota sanaa Afuuraan hubatee, uummata barsiisa ture gara mana isaaniitti erguun, gara Galaana Dilmaaxiyaa qarqara jiruutti siqe.
Galaanicha qarqarattis namni Qurxummii kiyyeessu tokko dhaabbatee ture. Qulqulluun Luqaasis gara Kiyyeessaa Qurxummii sanaatti siqee haasaa jalqaban. Suuta suutaanis Wangeela Lallabuufii jalqabe. Namichi Qurxummii kiyyeessu sunis hojii isaa dhiisee wanta Qulqulluun Luqaas itti himu sana gammachuudhaan dhageeffachuu jalqabe. Dhuma irratti Qulqulluun Luqaas «Fudhadhu gara daandii jireenyaatti si geessu» jechuun Kitaabolee qabatee ture hunda ni kenneef. Namichi Qurxummii kiyyeessu sunis gammaduudhaan Kitaabicha kabajaan iddoo qodaa kaawwatu ol kaawwate.
Read Also :- Qulqulleettii Arseemaa
Qulqulluun Luqaasis Kitaabicha itti kennee yeroo gara duubaatti garagalu loltoonni Neeroon itti yaa'anii qaban. Sana boodas gara Roomitti geeffamee Mana Murtii Neeroonitti dhiyaate. Onkoloolessa 22, mormi isaa muramee qalqalloo Cirrachaan guutame keessa isa galchanii dhalatee waggaa 84 ffaa isaatti gara galaanaatti isa darbatan. Kitaabolee Qulqullaa'oo isaa garuu Kiyyeessaa Qurxummii sun dhaloota kanaaf ykn dhaloota har'aatiif dabarseera.
Wangeela Qulqulluu Luqaas
Wangeelaawwiin Qulqulluun Luqaas ija isaatiin kan arge, Duuka Bu'oota irraa kan dhaga'e of eeggannoon yaaduun boqonnaa 24 fi lakkoofsota 1149 kan qabu Wangeela nuuf gumaacheera. Wangeela Luqaas kanas Qulqulluun Luqaas kan barreesse bara 58-60 Dh.K.B yeroo jiru keessatti Qulqulluun Phaawuloos hidhaa irratti boqonna argateen akka ta'e ni himama.
Wangeelli kunis kan barreeffame Afaan Giriikii ykn Afaan Tsiriitiin yoo ta'u kan barreeffameefis abbaa Taayitaa Maqedooniyaa ykn Giriikii ta'eefi. (Luq. 1:1-4, HDB 1:1-3) Seenicha yeroo barreessus Siyaasa Mootummaa Room fi haala Yihuudotaa waliin walitti firoomseera. Luq. 1:5, 2:1-2, 3:1-2. Wangeelli Luqaas akkaataa taa'umsa isaatiin duraa duuba Wangeela Maarqoos baay'inaan kan hordofe yoo ta'u, keessattu kutaaleen gurguddoon ykn dhedheeroon sadi itti dabalamanii jiru. Isaanis;
1. Seenaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, Dhalachuu Qulqulluu Yohaannis cuuphaa fi dhalachuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos. (Boq. 1 fi 2)
2. Deemsa Galiilaadhaa kaasee hanga Iyyerusaaleemitti ture Barumsa Iyyesuus Kiristoos keessattuu waa'ee Saamraawii gara laafessicha, mucaa bade, Alaazaar fi Nawee fi k.k.f fakkeenyota beekamoo. (Luq. 9:51-19:10).
3. Ka'umsa gooftaatiin booda waa'ee mul'achuu Iyyesuusii fi barumsa isaa, akkasumas ol ba'iinsa isaa. (Luq. 24:13-53) dha.
Luqaas tajaajila Kiristoos yeroo ibsu qabxiilee armaan gadii irratti xiyyeeffateera.
1. Kiristoos Addunyaa hundaaf dhufe, Iyyesuus Ayihuudota gidduutti hojjetuyyuu Addunyaa hundaaf akka dhufe ragaawwan hedduun jiru. Luq. 2:14, 3:3-6, 4:25-27, 9:52, 10:33, 17:16, 24:47.
2. Kiristoos namootaaf dhufe
Read Also :- Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee
A). Fakkeenyonni Wangeela Maatewoos waa'ee maalummaa Mootummaa Waaqayyoo yeroo ibsan, fakkeenyonni Luqaas filate garuu baay'inaan namoota irratti xiyyeeffatu. Kunis Luba Zakkaariyaas, Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi fira ishee Elsaabeet (Boq. 1 fi 2), obboleewwan lamaan Maariyaam fi Maartaa (Luq. 10:38-42), Qaraxxuu Zakkewoos (Luq. 19:2-10), namoota gadda irra turan akkasumas Qaliyoophaa fi hiriyaa isaa (Luq. 24:13-35) irratti seenaawwan xiyyeeffatan ni muldhatu.
B). Kiristoos namoota tuffatamanii fi hawaasaan ala jiraniif garaa laafuu isaa ni ibsa. fknf; dubartii cubbamtuu magaalaa jiraachaa turteef (Luq. 7:36-50), Qaraxxuu Zakkewoosiif (Luq.19:2-10), saamticha (ወንበዴ) Fannifameef (Luq. 23:39-43) fi warra Saamraawwiiwwaniif (Luq. 9:52-56, 10:33, 17:16).
C). Dubartoonni tajaajila Kiristoos keessatti gaheen isaan qaban Wangeela kana keessatti iddoon guddaan kennameefiira ykn sirriitti ibsameera. Keessattuu yeroo dhaloota isaa (Luq. 1:39-56), yeroo tajaajila isaa (Luq. 8:1-3), yeroo dhukkubbii isaa irratti (Luq. 23:27-31, 49, 55) fi yeroo du'aa ka'umsa isaa (Luq. 24:1-10). Wangeela Luqaas kessatti dubartoonni maqaan isaanii Wangeelota kaan keessatti hin caqasamne 13 ni Wangeela Luqaas keessatti caqasamanii jiru. Wangeelli ijoolleedhaafis iddoo addaa kenna (Luq. 7:12, 8:42, 9:38, 18:15).
D). Kiristoos mana namoota garaagaraatti affeeramee nyaata akka nyaate galmeeffamee ykn barreeffamee jira. Fariisota waliin (Luq. 7:36-50,11:37-44, 14:1-4), Biitaaniyaatti (Luq. 10:38-42), Iyyaarikootti (Luq. 19:1-10) fi Eemaahuusitti (Luq. 24:13-32).
E). Wangeelaan gammachuun akka argamu agarsiisa (Luq. 6:21, 15:7, 24:52-53). Faarfannaawwan galataa arfan galmaa'aanii kan argaman Wangeela Luqaas kana keessatti qofa (Luq. 1:46-55, 68-79, 2:14, 29-32).
F). Haalaa fi bu'aa Sooressummaa fi Hiyyeessummaa fakkeenyota hedduudhaan ibseera, keessattuu Liqeessitoota lamaan (Luq. 7:42-43), Sooressa sanafiidhaan (Luq. 12:15-21), Alaazaar fi Naweedhaan (Luq. 16:19-31), nama gamoo ijaaruun (Luq. 14:28-30), Sooraadhaan (Luq. 16:1-9).
3. Kiristoos duuka bu'oota isaatiif fakkeenya ta'uuf dhufe, kunis kan mul'atu keessattuu;
A). Kadhannaadhaan, hojiiwwan gurguddoo hojjechuu waliin Kiristoos yeroo 9 akka kadhate galmaa'eera. Luq. 3:21, 5:15-16, 6:12, 9:18-22, 10:17-21, 11:1.... Fakkeenyonni sadi waa'ee Kadhannaa barsiisu, Luq. 11:5-13, 18:1-8, 9-14. Duuka bu'oonni isaas akka kadhatan yeroo hedduu gorseera. Luq. 6:28, 11:2-4, 22:40-46.
B). Dursummaa Afuura Qulqulluu (Luq. 4:1,14,17-19, 10:21.
Raajiiwwan 36 Wangeelota arfan irratti caqasaman keessaa 21 Wangeela Luqaas irratti galmeeffamanii jiru.
Wangeelli kunis Wangeela Ahizaabotaa jedhamuun beekama, kan barreeffames isaaniif waan ta'eefi, kanarraa kan ka'es;
• Akka bartee Ahizaabotaatti seenessa itti baay'iseera.
• Ahizaabonni bartee Subaa'ee lakkaa'uu, bartee Raajii dubbatame eegu waan hin qabneef Raajii Raajonni dubbatan baay'inaan hin caqasne ykn hin fayyadamne.
• Kan barreesse Afaan Giriikiitiin waan ta'eef jechoota Ibraayisxii hiikeeraaf.
• Ahizaabonni Waaqolii isaanii keessaa «Waaqa jaalalaa» kan jedhaniin jiru.
Fakkeenyaaf :- Giriikotaaf Veenas Waaqa jaalalaa isaaniiti. Kanaan ala kan jiran isaaniif dheekkamoo, ariifatanii kan murteessan, gidiraa kan namatti baay'isan taasisanii waan amananiif garmalee isaan sodaatu. Wangeelaawwiin Qulqulluun Luqaas bartee Ahizaabotaa kana waan beekuuf Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos jaalala ijoollee namaaf qabu karaalee garaa garaatiin ibseefiira. Fknf:- mucaa badeef jaalala dhiifamaa ykn araaraa abbaan isaa itti agarsiise (Luq. 15:11-32), Gooftaan dubartii ejjituuf gara laafina agarsiise (Luq. 7:37).
• Kanaan alas Gooftaan keenya hiyyeessotaa fi warra jibbamaniif Waaqa garaa laafu ta'uu isaa Wangeela isaa irratti ibseera. Fknf:- Seenaa Alaazar fi Nawee (Luq. 16:19-31)
• Qulqulluun Luqaas Abbootii ykn Beektota Mana Kiristaanaa biratti «Lallabaa Afuura Qulqulluu» jedhamuun beekama. (Luq. 1:35, 12:12, 4:1, 11:13) waa'ee kennaa Afuura Qulqulluu irra deddebi'ee ibseera.
Read Also :- Qulqulluu Yaareed
• Akkasumas Qulqulluun Luqaas Lallabaa Kadhannaa ni jedhama. Waa'ee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam (Luq. 1:26-56) , waa'ee Elsaabeet (Luq. 1:3-25), waa'ee dubartii Maariyaam jedhamtuu (Luq. 7:38-50) fi waa'ee dubartii Naayin (Luq. 7:11-17) barreesseera.
Wangeelli Qulqulluu Luqaas akkaataa ibsa isaatiin Wangeelotaa fi Kitaabolee kaan irraa addadha. Haalli barreeffama isaas ibsa fakkii tiin kan hordofedha. Fakkii kaasuun isaas Kitaabolee isaa irratti muldhateera. Akkasumas Seenaawwan Wangeelota kaanirra hin jirre barreesseera. Isaanis;
1. Seenaa Luba Zakkaariyaasiifi Elsaabeet :- Luq. 1:5-25.
2. Missiraachoo haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi dhaloota Gooftaa :- Luq. 1:26-56.
3. Waa'ee Hoolaa badee :- Luq. 15:3-7
4. Waa'ee Diriimii badee :- Luq 15:8-10.
5. Waa'ee Mucaa badee :- Luq. 15:11-32
6. Waa'ee Alaazaar fi Nawee :- Luq. 16:19-31
7. Waa'ee gara laafessa Saamraawwii :- Luq. 10:29-37
8. Waa'ee Niqoodimoos ykn Luqaas fi Qaliyoophaa, abbootiin Mana Kiristaanaa tokko akka jedhanitti namni Qaliyoophaa waliin ture Qulqulluu Luqaasidha, Kitaabolee Mana Kiristaanaa keenya tokko tokko irratti garuu namni Qaliyoophaa waliin ture Niqoodimoos akka ta'e barreeffameera :- Luq. 24:13-35.
Hojii Duuka Bu'ootaa
Hojii Duuka Bu'ootaa kan barreesse Qulqulluu Luqaasidha. Qulqulluun Luqaas Wangeela isaa irratti bara 1-34 tti kan jiru Seenaa Kiristaanummaa erga barreesse booda, kan itti aanee jiru bara 34-58 tti kan jiru ammoo Kitaaba Hojii Duuka Bu'ootaa irratti barreesseera.
Boqonnaa 1-8 tti kan jiru Seenaa Mana Kiristaaanaa Iyyerusaaleemitti kan agarsiisu too ta'u, boqonnaa 9-12 tti kan jiru ammoo yeroo Isxifaanoositti godaansa ka'een ijoolleen Mana Kiristaaanaa Iyyerusaaleem ergama Duuka bu'ummaa naannoo sanatti taasisan kan agarsiisu dha. Boqonnaa 13 irraa kaasee hanga xumuraatti ammoo deemsota Qulqulluu Phaawuloos Duuka bu'ee kan barreessee fi Kiristaanummaan Awuroppaa fi Isiyaa xiqqootti akkamitti akka lallabame kutaa agarsiisudha.
Kitaabni Hojii Duuka Bu'ootaa Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos hidhaa isaa Room jalqabaatiin hidhaa dhaabbii irra osoo jiruu Wangeela akka Lallabuuf eeyyamameefii yeroo turetti Ayihuudota Room jiraatan waliin bara 58 tti marii waa'ee amantaa taasisan seenessee goolaba.
Wangeelaawwiin Qulqulluun Luqaas Hojii Duuka Bu'ootaa kan barreesse bara 58/59 tti. Sababni isaas bara kanaa booda wantoota raawwataman, fknf; bara 60 tti hiikamuu Qulqulluu Phaawuloos, turees bara 64 tti kan gahe gubachuu Room fi hookkara Ayihuud Kitaaba isaa irratti caqasuu dhiisuu isaatiini.
Qulqulluun Luqaas Qulqulluu Phaawuloos Duuka bu'ee Seenaa isaa sassaabaa erga ture booda Qulqulluun Phaawuloos Roomitti yeroo hidhamu boqonnaa argachuu isaatiini walitti qabee bifa Kitaabaatiin qopheessuun Tewoofiloosiif ergeera.
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
Dubbisaa! Dubbisaa! Dubbisaa! Qoodaa!
0 Comments