Subscribe To Our YouTube Channel

Tsooma Tsiggee | Kutaa 4ffaa

Tsooma Tsiggee Kutaa 4ffaa

Gara kutaa kanaatti osoo hin seenuun dura;

Kutaa 3ffaa dubbisaa!

Ibsa suuraa:- Godaansa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kan agarsiisuufi dhumaatii Daa'imman Beetaliheem kan agarsiisu (fakkiiwwan bifa gurraachaan jiran, inni harka Bitaa Daa'imman Beetaliheem inni harka mirgaan jiru ammoo godaansa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam agarsiisa)

Duuka bu'eettii kan taate Manni Kiristaanaa keenya bara Duuka Bu'ootaa irraa kaastee Tiwuufiitii Kiristaanummaa ishee eeggattee, tajaajila Afuurawaa ishee gaggeessaa, baroota qoqqoddee herreegdee, Fulbaana irraa eegalee hanga Qaammeetti guyyootii Sanbataa jiran iccitii mataa isaanii iccitii fayyinaa waliin kan wal qabate, moggaasa Kitaaba Qulqulluun wal qabate kennitee, ijoollee namaa abaarsa Foonii fi lubbuu irraa fayyisuuf kan raawwatame fayyisummaa Waaqayyo irraa yaadachaa, barsiisaa barootaaf turteerti. Ammas barsiisaa jirti, gara fuul duraattis barsiisaa itti fufti hanga Waaqayyo eeyyameefitti yaadachaa fi barsiisaa jiraatti. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam ayyanota Yaadannoo ishee galataa fi kabaja guddaadhaan kabajamaniif keessaa Zemene Tsiggee ykn Baatiin Tsiggee isa tokkoofi laphee beektota Mana Kiristaanaa biratti jaalala laphee gadi fagoo kan qabu Waqtiin Tsiggee kun tokkodha.

Mooticha Heeroods fi Namoota Ogeeyyii (Sebi'aa Seggel)

Mootonnni baha irraa dhufan ykn Sabaa Saggal waggootaaf deemaa turanii Iyyerusaaleem erga gahan booda «Kennaa qabannee dhufne kan kennuufi fi kan isaaf sagaduuf dhufne daa'imichi dhalate eessa jira?» Warqee Mootummaa isaatiif, Ixaana Lubummaa isaatiif, Karbee du'a isaatiif akka kenninuuf gooftaan eessa jira?» jedhanii yeroo barbaadan karaa ergamtoota isaatiin kan dhaga'e mootiin Iyyerusaaleem Heeroods «kuni wanta akkamiiti? eessa jiras mootiin ykn gooftaan kun? kan dhalatus eenyurraa fi eessatti? amma akkuma dhalateen Mootota kan sagachiise, yeroo guddatu ammoo ana na sodaachisa, irra darbees na balleessa» jedhee garmalee sodaachuu fi nahuu isaarraa kan ka'e Mootota waamsisee waa'ee dubbichaa bal'isee sirriitti gaafate. Isaanis dursummaa urjiitiin waggootaaf deemaa turanii haala dhufaatii isaanii seenessaniif. Innis Seenaa kana dhaga'ee erga hubate booda Mootota sanaan haala walii galaa daa'ima sanaa akka qoratan iccitii isaas akka isaaf ibsan ykn akka isatti himan adaraa jedhee erga isaa gaggeesse booda Ergamaan Waaqayyoo ibsamee daandii biraatiin gara biyya isaaniitti akka deebi'an waan isaanitti himeef daandii biraatiin gara biyya isaaniittii deebi'an. Carraaqqiin inni odeeffannoo namoota ogeeyyii irraa argachuuf godhes osoo hin milkaa'iiniif hafeera. 

Namoonni Ogeeyyii ykn Sabi'aa Saggal gara isaatti deebi'uu dhiisuu isaaniitiin kan aare Heeroods tarkaanfii mataa isaa fudhachuuf murteesse. Heeroods yeroo hunda wanti inni barbaadu Beetaliheemitti kan dhalate daa'ima Mootii Ayihuud jedhame argatee ajjeesuudha. 

Kana waan ta'eefis daa'imichi Iyyesuus Kiristoos iddoo jiru nama isatti himu hin arganne. Odeeffannoo sirrii argachuu dhabuyyuu namoota ogeeyyii irraa kan dhaga'e akka ka'umsaatti itti fayyadamee ka'e. Heeroods akka odeeffannootti kan fayyadame:- Namoota Ogeeyyii kan durse Urjiin sun bara itti muldhate. Namoota Ogeeyyii gaafatee bara Urjii sanaa hubatee ture. Urjichi namoota ogeeyyiif kan ibsame ykn muldhate ykn namoota ogeeyyiif muldhatee isaan dursuu erga jalqabee waggaa lama akka ta'e of eeggannoon hubateera. Namoota Ogeeyyii kan durse Urjichi erga muldhatee waggaa lama erga ta'ee, Mootii Ayihuud kan jedhame fi Beetaliheemitti kan dhalate daa'imichi Iyyesuus Kiristoosiis umuriin isaa waggaa lama ta'uu danda'a jechuudhaan tilmaamuu jalqabe.

Bakkichi Beetaliheem ta'uu isaa Mootii Ayihuud daa'imni jedhame umuriin isaa waggaa lama ta'uun isaa ragaadhaan deeggarameera. Ta'us garuu Beetaliheemitti daa'imman waggaa lamaa hedduun ni jiraatu. Daa'ima Mootii Ayihuud jedhame akkamitti adda baasee beekuu danda'a? Lapheen Heeroods furmaata ittiin tasgabbaa'u hin arganne. Filannoo biraa barbaaduun dirqama itti ta'e. Kana boodas Heeroods Beetaliheem fi naannawaa isheetti kan jiraatan daa'imman waggaa lamaa gadii ajjeesuun furmaata filannoo biraa hin qabne ta'ee itti muldhate cinqii isaatiif. Heeroods daa'imman Beetaliheem keessaa tokkoon isaallee akka hin hafne garmalee of eeggata ture. Loltoonni isaas safara ykn ganda keessa deemanii daa'imman yoo ajjeesan Abbaa fi haati Ijoollee isaanii ni dhoksu, daa'imman sunis du'a irraa ni hafu, namoota ykn daa'imman miliqan keessaas tokko Iyyesuus Kiristoos ta'uu danda'a jechuudhaan. Kan biraa ammoo daa'imman ajjeefaman umuriin isaanii waggaa lamaa gadi ta'uun isaanii tilmaamaan hin beekamu jechuudhaan ni dhiphata ture. Heeroods yaadota hedduu erga yaadaa ture booda daa'imman hundi gaaf tokko Mana Mootummaa isaatti yoo walitti qabaman bayeessa akka ta'e yaade. Ta'us garuu daa'imman sana akkamitti ykn sababa maalitiin akka walitti qabu qormaata biraa itti ta'e. Bifa ajaja Mootiitiin Abbootii fi harmootiin daa'imman isaanii qabatanii akka dhufan yoo taasise, humnaan ykn dirqamaan wanta ta'u waan ta'eef bu'aa hin buusu akkasumas daa'imman hedduun akka hafan tilmaamuudhaan furmaata biraa barbaade. Daa'imman Beetaliheem tokkoyyuu osoo hin hafiin walitti qabuuf fedhiin warraa barbaachisaa ta'ee argameera isa biratti. Mootichi Heeroods Beetaliheem fi naannawaa isheetti daa'imman umuriin isaanii waggaa lama ta'e hunda ni ajjeesise. (Maat. 2:16-18)

Mootichi Heeroods daa'imman Ajjeesuuf Mana Mootummaa isaatti walitti qabuuf tooftaa inni itti fayyadame

Inaaffaan Heeroods dabalaa deemuu isaatiin olitti, Mootota sana osoo eeguu waggaa lama ta'uu isaatiin, isaanis isatti qoosanii karaa biraa deemuu isaanii erga hubate booda Seexanni Eeboo isaa hammenyaa kaasee al tokko laphee isaa irratti waan dhaabeef daa'imman waggaa lamaa fi isaa gadii hunda maqaa gargaarsaatiin ganda gandatti akka walitti qabaman sababa jedhuun, ajaja hammeenya Seexanaawaatiin sadarkaa biyyaatti labsii labse.

Heeroods daa'imman Mana Mootummaa isaatti walitti qabuuf tooftaa tokko malate. Akkasis jedhe:- «Mootichi Room Qeesaar ergaan inni erge ana bira gaheera. Daa'imman waggaa lamaa fi isaa gadi ta'aan akkan lakkaa'uuf Qeesaar na ajajeera. Daa'imman sanaafis qarshii fi uffanni ni kennama. Daa'imman sunis Mana Mootummaatti kunuunsa addaatiin ni guddatu, Mana Mootummaattis guddatanii hojjettoota Mootummaa ta'u.» Dubbii isaa badaa kanas labsii dhaan labsiise. Yeroo sanatti Ayihuud Mootummaa Qeesaar Room jalatti bitamu ykn bulu ture. Heeroodsis Mootii Ayihuud ta'uu kan danda'eef Qeesaar irra muudameetu. Kanaanis ajajichi waan Qeesaar irraa dhufe fakkeessee Beetaliheem oduu ykn labsii sobaatiin raase. Ajajichi garuu Qeesaarii Room irraa kan dhufe osoo hin taane, Abbaa sobaa kan ka'e Daabiloos irraa kan dhufe dha. Hardhas sobni  Daabiloos irraa dhalatee Mana Mootummaatti guddata. Sobni Mootota ykn bittootaaf umurii aangoo isaanii kan ittiin dheeressan isaanitti fakkaata waan ta'eef. (Yoh. 8:44).

Mootichi Heeroods fi Dhumaatii Daa'imman 144,000 Mana Mootummaatti

Kana booda daa'imman hedduun haadholii isaanii waliin ajaja Heeroodsiin Mana Mootummaatti qalamuuf walitti qabaman. Daa'imman kan qaban daa'imman isaanii qabatanii yeroo deeman, daa'imman kan hin qabne hiyyeessonni ammoo qarshii, uffata fudhachuuf ijoollee nama biroo qabatanii deemanii turan waan ta'eef walumaa galatti Mana Mootummaa Heeroodsitti daa'imman 144,000 walitti qabaman. Heeroods hammeenyaan kan yaade fi wanti uummataaltti hime waan cimaa waan tureef namni manatti hafe hin jiru. Heeroods barbaadaa kan jiru daa'immichi Mootii Ayihuud jedhame gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos garuu daa'imman 144,000 sana keessa hin turre. Heeroods sammuu isaa dhadhabaa sanaan Mootichi Ayihuud Iyyesuus Kiristoos daa'imman 144,000 sana keessa jiraachuu hin oolu jechuudhaan ajjeesisuuf ariifata ture. Daa'imman hunda ajjeesaa jedhee Loltoota isaaf ajaja dabarse. Loltoonni Heeroodsis guyyaa tokkotti daa'imman 144,000 ajjeesan. Ganda hundatti boo'ichaa fi gadda ta'e.

Loltoonni Heeroodsis maqaa gargaarsaatiin daa'imman walitti qaban bifa garmalee sukkanneessaa ta'een fixaniiru. Ta'us garuu dhumaatiin daa'immanii kun ajaja Mootiitiin raawwachuu isaatiin dura Mootichi yaada isaa badaa kana yeroo yaadu  Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos  haadha isaa fi Yooseef akkasumas Soloomee waliin gara Gibtsiitti godaananiiru. Maat. 2:1-23. Seenaan kunis Wangeela Maatewoos fi Kitaaba Sinkisaaraa irratti galmeeffamee argama. Raajiin raajichi Ermiyaas dubbatee ni raawwate. (Erm. 31:15, Maat. 2:18) Raaheel haadha manaa Yaa'iqoob, haadha Yooseef fi Biiniyaam ta'uun ishee Seera Uumamaa 30:22 fi 35:16 irratti barreeffameera. Daa'imman Beetaliheem Sayifii Heeroodsiin yeroo ajjeefaman Raaheel hin turre. Ta'us garuu haadholiin daa'imman isaanii jalaa ajjeefaman ijoollee ijoollee Raaheel waan ta'aaniif haadholii gadda isaanii irraa tasgabbaa'uu dhadhaban Raaheeliin bakka buusee dubbata. Ermiyaas du'a ijoollee isaaniitiin haadholii Israa'eel gaddaniin Raaheel jedheeniira.


Godaansa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam waliin Seenaa kan keessummeesse ilma Yooseef Yoosaa

Ilmi Yooseef Yoosaan Yooseef fa'a waliin hin godaanne, mana abbaa isaatti hafee ture. Heeroods Yooseef fa'a qabuuf Loltoota ykn raayyaa hedduu erge. Iccitii hojii Heeroods kana namoonni beekanis Heeroods firoota kee ajjeesuuf loltoota hedduu erge jedhanii Yoosaatti himan. Ilmi Yooseef Yoosaanis osoo fiigaa itti himuuf deemaa jiruu Seexanni karaatti nama fakkaatee «Eessa deemta?» jedheen, Yoosaanis «Gara firoota kootti» jedheen. «Loltoonni Heeroods hamma xiqqootti si dursaniiru, yoona firoota kee ajjeesaniiru ta'a, maaltu si dhadhabsiise deebi'i!»
jedhe Seexanni. Yoosaanis «Yoo du'aniiru ta'e nan awwaalladha, yoo hin duune ta'e ammoo Heeroods isaan barbaachisaa jiraachuu isaa ittiin hima» jedhee gorsa Seexanaa osoo hin dhaga'iin daandii isaa itti fufe. Waaqayyo Yoosaadhaaf humna Leencaa kenneef, daandii Yooseef fa'a guyyaa sadi deeman inni guyyaa tokko deemee isaan dhaqqabe. Yooseef fa'as walitti aansanii guyyoota sadiif deemaa waan turaniif dhadhabanii boqochaa jiru. Erga achi gahe boodas Mootichi Heeroods daa'imman Beetaliheem akka ajjeesise itti hime. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaamis kana erga dhageesse booda gadditee boo'uudhaan qorra, aduu osoo hin jedhiin deemsa isaanii itti fufan.

Daa'imichi Iyyesuus Kiristoosis Yoosaadhaan akkas jedhe «Dhadhabbiin kee gatii qaba garuu haadha koo waan naasisteef dhagaa kana boraafadhuu rafi» jedheen. Hoggasumas lubbuun isaa foon isaa irraa adda baate. Abbaan isaa Yooseefis isa awwale. Iyyesuus Kiristoos balleessaa xiqqoo Yoosaan hojjeteef foon isaan adabamee Lubbuu isaatiin akka boqotu isa taasise. Jaalattoonni Waaqayyoo balleessaa xiqqoo yeroo balleessan Foon isaaniitiin adabamu. Fknf; Aroon fi Museen jaalattoota Waaqayyoo turan. Gaaf tokko balleessaa balleessaniin adabaman. Gara dachee abdii godhataniitti osoo hin galiin dandii irratti du'an. «Waaqayyos Aroon fi Museedhaan ijoollee Israa'eel fuulduratti akka na Qaddastaniif anatti hin amanne waan ta'eef kanaafuu gara dachee ani isiniif kenneetti hin galtan!» jedheen. S. Lakk. 20:1-13. Mootichi Solomoon akkas jedha «Yaa mucaa koo! Ajaja Waaqayyoo hin tuffatiin! Yeroo si ajajettis hin hadheeffatiin! Waaqayyo kan jaalate ni ajaja waan ta'eef, abbaan akkuma mucaa isaa jaallatu akkuma ajaju» Fakk. 3:12. 

Xixoos fi Daakirs (Saamtota Lamaan)

Saamtonni lamaan Daakirs fi Xixoos wanti ittiin bulan hannadha. Yooseef fa'a Galiilaadhaa yeroo ba'anitti saamtonni kunneen Duuka bu'anii, gammoojjii keessa isaan barbaadaniyyuu hanga guyyaa jahaatti isaan hin argine. Guyyaa torbaffaattis isaan arganii hardha Waaqayyo harka keenyatti isin galche jechuudhaan fiigaa itti deeman. Soloomeen dursitee uffata ishee gatteefii baqatte. Ssamtonni sunis Yooseef fa'a harkaa wanta argatan Saamanii erga deeman booda Xixoos Daakirsiin akkas jedhe «Dubartiin kun sanyii warra Moototaa keessaa natti fakkaatti, daa'imichis raajota keessaa tokko natti fakkaata, wanta isaanirraa fudhanne kanas haa deebifnuuf?» jedheen, Daakirsis Xixoosiin «Gara laafina akkasii eessaa fiddee? hojii Saamichaa kana kan na barsiiste si'idha, kan biraa ammoo guyyaa hardhaa kan saamne gahee kooti, gahee kee fudhattee gahee koo ni deebisnaaf jettaa?» jedheen. Saamtonni kun lameen guyyaa tokko kan saaman inni tokko yoo fudhatu, kan guyyaa itti aanuu ammoo isa lammaffaatu fudhata ture waan ta'eef. Guyyaa sanatti kan fudhatanis ykn kan saamanis gahee Daakirs ture. Xixoosis Galiilaadhaa kaasee hanga asiitti kan saamne hunda ati fudhadhuutii kana anaaf kenni nan deebisa jedheen. Daakirsis yaada kanaan walii gale. Daakirs nama hin carroomnedha, carraa gaariin isa mudatee itti hin fayyadamne. Gara laafummaa xiqqoodhaan eebbi baay'een is darbe, kennaan gara isaatti dhufee ture hiriyaa isaatiif kenne.


Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis saamtoonni kunneen dhaabbatanii yaada kanaan yeroo wal morman argitee ni sodaatte. «Saamtonni erga saaman booda fudhatanii deemu malee akkamitti dhaabbatanii mari'atu? tarii namoota daa'imman isaanii jalaa du'an ta'uu danda'u, sababa mucaa kootiin ijoolleen isaanii waan jalaa du'aniif mucaa koo ajjeesuuf ta'a» jechuudhaan garmalee boosse. Ilmi ishee Gooftaan keenya, Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis «Haadha koo hin boo'iin, na hin ajjeesan, ni deebisnaaf jechaa jiru. Ani Qaraaniyootti yeroon fannifamu inni tokko bitaa kootiin, inni tokko ammoo mirga kootiin ni fannifamu, inni tokko Waaqummaa koo amanee ni fayya, inni tokko garuu hin fayyu» jedheen. Yeroo kanattis saamtichi Xixoos jedhame meeshaa isaanii deebiseefii, gooftaa baatee yeroo deemu Sayifiin isaa harkaa kufee caccabe, yeroo kanas garmalee gadde. Gooftaan keenyas «caccabaa isaa walitti qabi» jedheen. Xixoosis akkuma jedhame taasise, Gooftaanis «Akka isa duraatti siif haa ta'u!» jedheen, Sayifichis akka hin cabnee ta'e. Xixoosis tilmaamni isaa «Raajota keessaa natti fakkaata» jedhe dhugaa ta'eef. Raajiiwwan Gooftaa keenyaa argees ni ajaa'ibsiifate. Gooftaanis Xixoosiin «Addaam dursitee Jannata ni seenta» jedheen. Xixoosis wanta isaaf taasifamee fi wanta arge hunda hiriyaa isaa Daakirsitti hime. Hiriyaan isaa garuu isa hin amanne. Xixoosis yeroo gooftaan fannifametti raajiiwwan raawwataman (Aduun dukkanaa'uu....) argee «Yaa Gooftaa yeroo Mootummaa keetiin dhuftutti na yaadadhu!» jedheen, Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis «Dhugaan siin jedha hardha ana waliin Jannataa keessa taata»  jedheen. Luq.23:42. Gooftanis waadaa bosona keessatti «Addaam dursitee Jannata seenta» jedheen Fannoo irratti raawwateef.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam ilma ishee waliin biyyoota godaansaa keessa darbite keessaa muraasa;

Read Also :- Ayyaanotaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam 33'n fi Ayyaanota Yaadannoo Qulqullootaa akka Mana Kiristaanaa keenyaatti

Waa'ee iccitii godaansa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Waaqayyo iccitii isaa kan ibseef Hayyichi Abbaan Tsiggee Dingil Kitaaba isaanii «Seqoqaawa Dingil» irratti baldhinaan akka ibsanitti, Addunyaa kana irra kan jiraateefi gara fuulduraattis uumamni jiraatu keessaa akka Dubroo Maariyaam jiraachuu dhabuu cimsanii hubachiisu. Hayyichi barreeffama isaanii kana yeroo jalqaban «Ija yaadaatiin gara Gibtsiitti bu'ee kan argee fi kan dhaga'e mitiitii, naaf haa ta'u jedhee kan dhageeffateyyuu osoo hin hafiin baay'ina gidiraa isheerra gahe irraa kaasee akka boo'u» nuuf ibsa. Kaayyoon Afuurawaa godaansa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam  iccitii Fayyinaa keessatti bakka mataa isaa kan qabudha malee tasa wanta argame ykn tasa wanta mudate akka hin taane, akkasumas raajiin dubbatame akka raawwatuuf akka ta'e armaan olitti ilaalleerra. Abbootiin Mana Kiristaanaa Itoophiyaa yeroo barsiisan raajota dubbataman keessaa «Durii kaasee kan yaadame daandii isaan arge, daandiiwwan Itoophiyaas ni nahu» Imb. 3:6-7 raajii jedhu hiikuudhaan, haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam yeroo godaansa isheetti gara biyya keenya Itoophiyaatti dhufuun, biyya keenya ilaaltee uummatas adaraa ilma isheetiin kennamtee (asirat tesetta) akka deemte Abbootiin ni barsiisu. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam yeroo godaantu, gidiraan, rakkoon isheen hin argine, isheerra hin geenye hin jiru ture. Kanas ta'ee garuu Dubroo Maariyaam waa'ee kanaa gonkumaa hin yaaddu ture, isheen kan yaaddu ilmi ishee akka jalaa hin duune qofa. «Isheenis kana dhageessee ni boosse, dhiigni mucaa koo yeroo dhangala'u amman argu ana haa dursiisu! (እኔን ያስቀድመኝ)» akkuma jedhe Kitaabni (Seqooqaawa Dingil).

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

1 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)