Subscribe To Our YouTube Channel

Tsooma Tsiggee | Kutaa 2ffaa : Tsoomni Tsiggee yoom jalqabe? Tsoomni Yoodit yoom fi maalif Tsoomama?

Tsooma Tsiggee  Kutaa Lammaffaa

Hubachiisa:- Kutaa 1ffaa dubbistanii erga xumurtan booda kutaa kanatti darbaa!

1. Tsoomii Tsiggee




Fulbaana 26 - Sadaasa 5 tti guyyoonni jiran Afurtamni ykn Ji'a tokkoofii guyyaan kudhan Baatii Tsiggee (Baatii Abaaboo) ykn Bara Tsiggee ykn Bara Abaaboo jedhamanii waamamu. Guyyoota kanattis Manneen Kiristaanaatti dubbisoonni dubbifaman, Faaruuwwan faarfataman, Lallabni lallabamu, Maahileetiin dhaabbatamu walumaa galatti galatoon Waaqayyoof jedhamu hundi samiin urjiileedhaan akkasumas lafti Abaaboodhaan  faayamanii kan muldhatan ta'uu isaanii kan ibsudha.

Tajaajila Afuurawaa Waqtii Tsiggee raawwatamuuf ka'umsi isaa «Ergamichi, Daa'imichaa fi haadha isa gara Gibtsiitti qabadhuutii baqadhu! daa'imicha ajjeesuuf barbaadu waan ta'eef.» jedhee Yooseefitti Ergamichi Abjuudhaan bu'uura inni itti himeetiin, Yooseefis daa'imichaa fi haadha isaa Dubroo Maariyaam qabatee gara Gibtsiitti godaanuu isaa fi Dubroo Maariyaam fi daa'imichi Iyyesuus Kiristoos waggaa sadii fi walakkaa ykn waggaa sadiifi ji'a jaha (Mul.
12:6) godaansaan erga jiraatan booda gara biyya isaanii Naazireetitti deebi'uu isaanii yaadachuufi. Maat. 2:13-23, Isa. 19:1, Imbaaqoom 3:6-7, Faaruu 83:3.

Kanas Jaarraa 14 ffaa keessa kan ka'aan Abbaa Tsiggee Birihaan, Abaaboon Firii irraa, akkasumas Firiinis Abaaboo irraa akkuma argamu, Innis haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam fi ilma ishee Iyyesuus Kiristoos Abaaboo fi Firiin fakkeessanii Kitaaba ykn Barreeffama isaanii ittiin hubachiisan ykn barsiisan keessatti akkas jechuudhaan ibsaniiru; «Shittoo Roomaan, Abaaboo Qaanaanmoo kan taatu yaa Maariyaam! beelaa fi Tsoomiidhaan fuulli kee Abaaboo fakkaatu hanga coollogutti godaansaa fi boo'ichaan rakkoo fi dhadhabbiin sirra gahe, gidiraa sirra gahe hundas akka obboleettii kee Soloomee osoo narra gahee ykn osoon si waliin qoddadhee hawwii koo ture. Kanaan gammachuu kee dhuma hin qabne nan hirmaadha ture. »

Akkasumas Abbaa Ark Siluus, yeroo godaansa ishee ykn godaansa isheetiin gaddaa fi boo'icha ishee irra gaheen wal qabsiisanii Kitaaba isaanii barreessan «ሰቆቃወ ድንግል» jedhu irratti akkas jedhan; «Aduu kan uffattu intala ifaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Heeroods hamaa jalaa mucaa kee qabattee yeroo baqattetti rakkoowwan sirra gahan, Addeessa kan keewwattu miilli kee baay'ina daandii fi ho'ina cirrachaatiin akka dhiita'aan yeroo dhaga'u nama mitiitii dhagichiyyuu osoo boo'ee, ture

Akkaataa jalqabbii Tsoomii Tsiggee fi Mahileeta Tsiggee

Baatii ykn Ji'i Yaadannoo Godaansa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam  akka Mana Kiristaanaa keenyatti kan kabajamu Maahileetiidhaan, Qiddaasee (Galatoodhaan) fi Yaadannoo (Zikir) dhaani. Ji'a ykn Waqtii Tsiggee keessa torbanoonni jiranitti Sanbata (Qidaamee) galgalaa kaasee hanga Dilbata ganamaatti Abbootiin Lubootni Faaruun isaan dhiyeessan Digguwaa Qulqulluu Yaareed irraa, Maahileeta Tsiggee irraa fi  Seqoqaawa Dingil irraa kan walitti ba'ee fi karaa sadi kan qabudha. Yaadannoo (Zikir) isaas yeroo ammaa naannoo magaalotaatti irraanfatamaa dhufuyyuu, yeroo hunda Dilbata namoonni naannoo tokkoo iddoo giddu galeessa ta'e tokkotti walitti qabamuun maqaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiitiin kan yaadatanidha. Humna dhabeeyyiin, hiyyeessotni fi kara deemtonni waamamanii maqaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiitiin akka nyaatanii fi dhugan ni taasifama. Tiwuufiitiin kunis haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam gara Itoophiyaatti yeroo dhuftee turtetti Abbootii fi Hawwoonni keenya Itoophiyaanonni affeerraa fi keessummeessa isheef taasisan yaadachuuni.

Qabsuurri Abuna Zeenaa Maarqoos Tsoomii Tsiggee ilaalchisee bareeffama kanatti aanee jiru seenessa; «Abuna Zeenaa Maarqoos uummata Mihuur barsiisanii fi amansiisanii erga Cuuphan booda, ammas barsiisuuf gara Yifaat deeman. Achittis Kiristoos foon uffatee, Dubroo Maariyaam irraa dhalatee waa'ee cubbuu keenyaatiif Fannifamee ni du'e, guyyaa sadaffaattis du'aa ni ka'e jedhanii yeroo barsiisan namni Yihudaa ykn Ayihuudii tokko isaan dhaga'e. Ayihuudiin kunis akkamitti akkas jedhee barsiisa jedhee mormii irratti dhiyeesse. Isaanis gamnaa fi beekaa Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa waan ta'aaniif ykn waan turaniif caqasa caqasaa isa barsiisuu ykn hubachiisuu jalqaban.

«Hundee Isseey jalaa uleen ni baati, Jirma sanarras Abaaboon ni ba'a, ni lalisa» (Isa. 11:1). Uleen haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yeroo taatu, Abaaboon ammoo ishee irra kan dhalate gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha jechuun Abuna Zeenaa Maarqoos Kitaaba Raajicha Isaayyaas boqonnaa 11:1 kan jiru hiikoo isaa fi iccitii isaa bittimsanii yeroo isa hubachiisanitti namni Ayihuudii sun amanee barnoota isaaniis ni fudhate.

Abuna Zeenaa Maarqoosis Kakuu Haaraa isa barsiisanii, isa amansiisanii erga cuuphaniin booda Minkusinnaa kennaniif, maqaa isaas «Tsiggee Birihaan» jedhaniin, Tsiggee Birihaan beekaa Oriitii waan tureef Kitaabolee Kakuu Haaraa qo'achuuf isaaf mijataa ta'e, itti aansees isaan waliin naanna'ee Wangeela barsiisuu jalqabe.

Read Also :- Tsooma Tsiggee Kutaa 1ffaa

Kanas erga raawwate booda akka Faaruu Daawwit dhibba tokkoofi shantama taasisee Maahileeta Tsiggee barreesse. Abbaa Tsiggee Birihaan yeroo kana barreessetti dhalataa Warra Iluu kan ta'eefi Abbaan Dabra Hantaaw Gabra Maariyaam gorsaa isaa ture. Barreeffama ykn Kitaaba isaas yeroo barreessu mana rukutaafi sarara shan shaniin qoqqoodaa ture. Abbaa Tsiggee Birihaan fi Abbaa Gabra Maariyaam Fulbaana 26 hanga Sadaasa 5 tti Maahileeta Tsiggee dhaabbachuufi Tsoomii Tsiggee Tsoomuuf waggaa waggaadhaan Dabra Bisraatitti dhufuun, achi turanii Qusquwaam oolanii gara iddoo ykn Ba'aatii isaaniitti deebi'u turan.

Barreeffamni Maahileeta Tsiggeen kunis bifa Soorgoo fi Sookoon kan barreeffame ta'ee,  Abaaboo Soorgoo dhaan, Gooftaa fi Dubroo Maariyaam ammoo Warqee taasisuudhaan waan dubbatuuf kan dubbisuu fi kan kadhatuuf garmalee nama gammachiisa.

Egaa armaan olitti kutaa Qabsuura Abbaa keenyaa dhiyaate irraa hubachuun akkuma danda'aamu Abbaa Tsiggeen Maahileetii dhaabbachuu waqtichas fedhii isaaniitiin Tsoomuu jalqabaniiru. Yeroo isaas jalqaba Jaarraa 14ffaa tti.

Sanaa as garuu suuta suutaan jedhee Manneen Kiristaanaa Waqtii Tsiggeetti Maahileetii Tsiggee dhaabbachuu jalqaban. Monoksoonni muraasni fi amantoonni tokko tokkos waqticha fedhii isaaniitiin Tsoomuu jalqaban. Bara keenya kanattis Waqtii Tsiggeetti Maahileetii Tsiggee dhaabbachuun waan barameef galgala sa'aatii sadi irraa jalqabee ni bilbilama. Dhiirri, Shamarran, xiqqaan, guddaan hunduu walitti qabama, Maahileeta Tsiggeen Yeedaloon  jedhamaa, barbaachisaa kan ta'e Tsenaa tsilii fi Kabaroo dhaan maraggadamaa, warabiin jedhamaa, Shabashabamaa hanga ganama sa'aatii 12tti dhaabbiidhaan ni bulama. Tsoomni Tsiggee tsooma fedhii malee tsooma dirqamaa miti.

Godaansa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam yaadachuun eebba argachuuf kan Tsoomamu waan ta'eef amantoonni hundi akka tsoomaniif hin dirqisiifaman. Inni tsoomu isa hin tsoomneen maalif hin tsoomtu? jedhee itti murteessuu hin qabu, akkasumas innumti mataan isaa tsoomaan jira jedhee dubbachuu hin qabu ykn dubbachuun irraa hin eegamu. Tsoomni kun tsooma fedhii ta'u isaa kan ibsus kanumadha. Inni hin tsoomnes laphee isaatiin ni galateeffata, godaansa ishee yaadachaa Maahileetii ishee faarfachaa dabarsa.

Read Also :- Hiikoo Andimtaa Wangeela Maatewoos Seensa /1/

2. Tsoomii Yoodiit

Tsoomii kana Kiristaanonni biyya keenyaa «Tsooma Qaammee» ykn «Tsooma Phaagumee» jechuun waamu. Akka Tsoomii Tsiggeetti baay'ee beekamuu baatus, ji'a dhumaa waggaatti kan argamu Ji'a Qaammeetti tsoomii tsoomamudha. Tsoomii Yoodiit kan jedhameef isheen ykn Yoodiit waan Tsoomteefidha. Mootiin Faars Naabukadanatsoor raayyaa isaatiin of jajuun, diinota balleessi, daangaa baldhifadhu, isa amanee si fudhatu harkaa kennaa fudhachaa isa hin amanne ykn dide ammoo amansiisii koottu jedhee hoogganaa waraanaa isaa kan Hooloofoorniisiif ajaja kenne. Yodit. 2:2-7. Innis akkuma ajajametti humnaa fi dandeettii isaaniitiin kan amanaman loltoota lafoo kuma 12 fi loltoota  Fardaa yaabbatan kuma 12 dursaa duulee isa tole jedhee amane irraa kennaa fudhachaa, isa dide ammoo amansiisaa biyyoota hedduu balleessaa osoo deemuu magaalaa Ayihuud gahe.

Ijoolleen Israa'eelis Hooloofoorniis biyyoota Ahizaabotaa akka balleessee fi qabeenya isaaniis akka saame dhaga'aanii waa'ee diigamuu Mana Qulqullummaa fi waa'ee Meeshaalee Qulqullaa'oo daaraa of irratti naqanii balbala Mana Qulqullummaa irratti kufanii ni boo'an. Waaqayyos kadhannaa isaanii dhaga'ee weeraraa fi badii kana irraa akka isaan fayyisu ykn oolchu, akka isaan eegu iddoo aarsaa itti aarsamus osoo hin hambisiin daaraa uffisan. Yodit. 4:2-15.

Hooloofoorniis garuu burqaa fi bishaan saba Israa'eel dursee qabachuudhaan akka rakkatanii fi fedhii isaaniitiin harka akka kennatan taasisuuf boolla bishaanichaa to'atee raayyaa waraana isaatiin eegsise. Kana ta'uu isaatiinis ijoolleen Israa'eel  dheebuu bishaaniitiin rakkachuu fi du'uu irra harka isaanii diinaaf kennuuf murteessan. Garuu Ooziyaan Waaqni Abboota isaanii deebii hanga isaaniif kennutti fi arjummaa isaa hanga isaaniif deebisutti rakkicha obsaan akka fudhatan waan isaan gorseef ni cimanii dhaabbatan. Yodit. 7:10-32.

Yoodiit Abbaan Manaa ishee erga du'e booda dhiira irraa fagaattee qulqullummaa ishee eeggattee, Tsoomiidhaan, Qannonaadhaan murtooftee jiraatti, «Yoo dandeenye ni waraanna, yoo dhadhabne ni gabbarra» yeroo jedhan Israa'eloota dhageessee «Uumaa keessaniin maalif morkitu? nu fayyisa hin jettanii?» jettee daaraa uffattee, ofii ishee irratti daaraa naqxee gara Waaqayyootti boosse.

Baduu uumamtoota isaa kan hin barbaanne Waaqayyos beekumsaa fi ogummaa uummata isaa ittiin fayyisu Subaa'ee seentee guyyaa sadaffaatti ni ibseef. Yodit. 8:2. Yoodiitis garmalee bareedduu waan turteef, qaama Waaqayyo kenneefiin diina lammilee ishee tooftaa ittiin isaan balleessitu qopheeffatte. Jalqaba irrattis gara Waaqayyootti kadhatte. Sana boodas «Garam deemta naan hin jedhiinaa! Waaqni Israa'eel si faana haa ta'u naan jedhaa.» jettee uffata gaddaa ishee gattee uffata yeroo abbaan manaa ishee ture uffachaa turte uffatte. Yodit. 10:2-3. Yeroo xumurtus Waaqayyos bareedina irratti bareedina dabaleefii, isheenis daandii irratti galaa wanta ta'uuf Wayinii fi Bixxillee Qamadii daa'ima ishee baachiftee dallaa Iyyerusaaleemii baatee gara raayyaan waraana Faars jiruutti deemte.

Namoonnis ishee arganii «Hardha Israa'eloonni waraanuu yeroo dhadhaban tokko tokkoon harka kennachuuf nutti dhufanii?» jedhanii anaaf taati, anaaf taati jedhanii irratti wal lolan. Jaandarabaan Mootiis kun gooftaa kootiif ni taati jedhe. Maalif akka dhuftes ishee gaafatan, isheenis waan gaariif akka dhufte erga baran booda gara mootii ykn ajajaa waraanaa isaaniitti ishee geessan. Yodit. 10:12-22. Innis «maalif dhufte?»jedhee yeroo ishee gaafatu, isheenis «Israa'eel seenuuf xiqqootu isaan hafe, lafti na jalaa fudhatamee akka naaf deebistuuf durseen dhufe» jetteen. Dunkaana Harrii Adiin hojjatame keessa akka ishee ka'aaniifi nyaataafi dhugaatii akka kennaniif ajaje. Isheen garuu nyaata Ahizaabotaa akka nyaattee hin rakasneef, galaa gahaa akka qabatte ibsitee, yeroo barbaaddetti haala ittiin baatuufi galtu mijeeffatte.

Ahizaabonni guyyaa kanatti dhalannee, aangoo kanaaf geenyee, dukkanaa gara Isaatti baanee, dhiphaa irraa gara baldhaatti kan itti baane jechuudhaan guyyaa itti dhalatan ni kabaju. Guyyaa tokkos ajajaan waraanaa warra Faars sun tajaajiltoota isaaf affeerraa laaqanaa taasisee yeroo nyaachisuu fi obaasu, dubartii Ibraawwii sana waamaa jedhee waamsisee of fuuldura ishee teessisee, garmalee nyaachaa fi dhugaa ooleera. Yodit. 12:1-20. Sana boodas tajaajiltoota hunda baasee Dunkaanicha qollofee akkuma rafeen hirribni cimaan isa qabe, Yoodiitis yeroo kana Sayifii dura isaa jiru kaastee rifeensa mataa isaa qabdee morma isaa kutuun gara biyyaa isheetti deebite. Yodit. 13:1-10.

Uummanni Israa'eelis gochaa ishee kanaan baay'ee dinqaman. Waaqa diina Isaanii harka isaaniitti isaaniif galcheefis galata galchan. Boodas mataa Hooloofoorniis tulluu irratti fannisanii wal waraanuu jalqaban. Namoonnis «Har'a Israa'eeloonni cimoo ta'an, dubartiin Ibraawwii kun ishee gahuu dideetu guyyaas nutti deebi'uufii? deemiitii Mootii keenya kaasi » jedhanii daa'ima yeroo ergan, mukti jala isaa teessoon isaa ammoo gubbaa isaa taa'ee argan. Sana boodas dursaa ykn ajajaa waan hin qabneef Ibraawwiin kun akkamitti nutti taphatte jechuun baqataniiru, isaanis dhumaniiru. Hanga Yordaanoositti isaan duukaa bu'uun isaan balleessaniiru.

Yoodiit diina ishee kan balleessuu kan dandeesse Tsoomii fi Kadhannaan humna Waaqayyo irra argatteeni. Kanaafuu amantoonni diina keenya Seexanaa fi fedhii foonii injifachuuf Tsoomiidhaan Waaqayyo irraa humna argachuu qabna jechuudhaan ji'a Qaammee ni tsoomu. Cubbuu isaanii Abbaa Gaabbii isaaniitti himatanii qannoonaa fudhatanii kan tsoomanis jiru. Karaa biraatiinis ji'a Qaammeetti waa'ee dhufaatii lammaffaa kan ittiin yaadatamu ta'uu isaatiin sana yaadachaa kan Tsooman hedduudha. Qaammeen bara tokkoo gara bara biraatti kan ittiin darbinu akkuma ta'e, dhufaatiinis Addunyaa kana irra gara Addunyaa kan biraatti kan ittiin darbamudha waan ta'eef.

Faarfannaa dhageeffadhaa, Channel keenya YouTube Subscribe taasisaa!



Kutaa itti aanutti waa'ee godaansa haadha keenya Dubroo Maariyaam ilma ishee waliinii baldhinaan ni ilaalla. Barreeffamni as irratti gadhiifamu akkuma gadhiifameen akka isin bira gahuuf email keessan link kanaa gadi jiru «Click» kan jedhu tuquun karaa Telegram nuuf ergaa!

Click here to send your Email address.

Araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ni waliin haa ta'u!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Itti fufa!

Post a Comment

3 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)