Subscribe To Our YouTube Channel

Qulqulluun Yaareed eenyudha?

Qulqulluun Yaareed Eenyudha?

→ Abbaan Qulqulluu Yaareed Abdiyuu ykn Yisihaaq, Haati isaa ammoo Taawukiliyaa ykn Kiristiinaa jedhamti. Karaa biraatiin ammoo abbaan isaa Inbaraam fi haati isaa ammoo Tiwuuliyaa jedhamu seenaan jedhus ni jira. Iddoo ykn bakki dhaloota Qulqulluu Yaareedis Aksumidha ykn naannoo Aksumidha.

→ Qulqulluun Yaareed kan dhalate bara 505 Dh.K.B, guyyaa Ebla 5 yoo ta'u,  dhalatee waggaa torbaffaa isaatti abbaan isaa waan boqoteef, haati isaa Barsiisaa Amantaa Aksuum Tsiyoon kan ture Geedewooniif barsiisaa akka guddisu ni kenniteef, Qulqulluun Yaareedis Abbaa Geedeewoon biratti barachaa waggoota digdami shaniif (25'f) ture.

→ Ta'us garuu sagalee Waaqayyoo ykn jecha Waqayyoo dandeettiin fudhachuu ykn qabachuu isaa gadi aanaa ykn dhadhabaa waan tureef baay'ee ni gadda ture. Gaaf tokkos barumsa irratti dhadhabaa ta'uu isaa irraa kan ka'e, eessumni isaa alangaadhaan yeroo isa rukutu aaruudhaan barumsa isaa dhiisee deeme. Daandii irras deemaa oole guyyaa dhadhabee gaaddisa mukaa jala ciise. Yeroo sanattis raammoon tokko ija mukaa sana nyaachuuf yeroo ja'a kuftee ka'uudhaan, yeroo torbaffaaf raaammoon sun mukicha kortee yemmuu nyaattu arge. Innis gocha aarii inni taasiseen gadduudhaan ykn gaabbuudhaan deebi'ee eessuma isaa dhiifama gaafatee barumsa isaa itti fufe. Eessumni isaas gammadee iji laphee isaa akka ifuuf boo'aa Waaqayyo kadhateef. Waaqayyos kadhaa isaa dhaga'ee Qulqulluu Yaareediif beekumsa ibseefii Kitaabolee Kakuu Moofaafi Kitaabolee Kakuu Haaraa ni beeke.

→ Sana boodas gara Barsiisaa isaatti deebi'ee barumsa isaa itti fufee, Kitaabolee Qulqullaa'oo sirriitti qo'ate. Aangoo Diqunnaa itti aansees Aangoo Lubummaa argate. Qulqulluun Yaareed Gi'izii, Izilii fi Araraay simbirroota sadi irraa (Ergamoonni Simbirrootaan fakkeeffamanii) barachuu isaa Abbootiin Mana Kiristaanaa ni ibsu.

→ Ergamoonni Simbirrootaan fakkeeffaman kunneenis isa dursaa gara Ariyaamitti bahee, Yeedaloo Luboota Digdami Arfan Samii erga barateen booda, ganama sa'aatii 3tti Mana Kiristaanaa Aksumitti «Halleluyaa Abbaaf, Halleluyaa Ilmaaf, Halleluyaa Afuura Qulqulluuf»  «Kedamiya Letsiyon sarere webedagima areayo Le muse zekeme yigber gbra ledebtera» jedhee Yeedaleesse.

→ Yeroon inni itti Yeedaloo kana barreesses ji'a Muddee, guyyaan isaas guyyaa Wiixataati jedhama. Yeedaloon Qulqulluu Yaareed inni jalqabaa «Ariyaam» jedhamuun beekama. Kunis Samii irraa ykn Ergamoota irraa kan argame ta'uu isaa ibsuuf maqaa kennameefidha.

→ Qulqulluun Yaareed Yeedaloo kana yeroo yeedaleessu Mootichi, Mootittiin, Phaaphaasiin, Aanga'oonni, fi Luboonni gara Mana Kiristaanaa Aksumitti walitti qabamanii dhufanii ajaa'ibsiifachuun isa dhageeffatu ture. Sababni isaas Qabsuurri Qulqulluu Yaareed akka nuuf ibsutti sana dura dubbisaa fi kadhannaa garaa garaatiin ala Yeedaloon akka sanaa waan hin turreef.

→ Barreeffamni ykn Kitaaboleen Qulqulluu Yaareed Kitaabolee Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa kan makate ykn walitti kan fide, Barnoota ykn Barumsa Abbootii ykn Beektota Mana Kiristaanaa sirnaan kan qabate, akkasumas Waaqayyo Gooftaaf, Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiif, Qulqulloota Ergamootaaf, Wareegamootaaf kan ta'u galata gahaa kan qabatedha. Kanaan olittis waqtiiwwan waggaa keessa jiran arfaniif kan ta'aan akka wal faana deemanitti Bonaaf, Gannaaf, Birraafi Arfaasaaf akka ta'utti qoqqoodee kaa'eefiira.

→ Guyyoota Ayyaanota garaa garaatiifis Kitaabolee ykn barreeffamoota isaaniif ta'u garaa garaa ramadeefiira. Kitaabolee ykn barreeffamoota isaa kanas Yeedaloo Gi'izii, Izilii fi Araraayiin kan qopheesse yoo ta'u, isaan kanaafis mallattoowwan Yeedaloo Saddeet (8) isaaniif hojjateera.

→ Yeedaloon Qulqulluu Yaareed hangam afuura manaa cimsaa fi booji'aa akkasumas afuuraa gara Ariyaamitti geessaa akka ture hubachuuf Qabsuura isaa irraa, akkasumas Kitaabolee garaa garaa irraa seenaawwan galmeeffaman jiru. Guyyaa tokko Mootichi Gabra Masqal, Mootittiin, Phaaphaasiin, Luboonni fi namoonni iddoo walitti qabamanitti Qulqulluun Yaareed Yeedaloo isaa yeroo Yeedaleessu Mootichi Yeedaloo sanaan fudhatamuu isaatiin kan ka'e qarqara fannoo sanaatiin miila Qulqulluu Yaareed waraane. Ta'us garuu eenyuyyuu hin barre ture. Qulqulluun Yaareedis Faaruu sana yeroo xumuru, Mootichi yeroo fannoo sana kaasu Dhiigni Qulqulluu Yaareed ni dhangala'e. Mootichis kanarraa kan ka'e nahee Gumaadhaaf ykn Kaasaadhaaf akka ta'uuf waan barbaadde na gaafadhu sin kenna jedhee waadaa galeef. Qulqulluun Yaareed garuu Addunyaa kana irraa adda bahee Minnaaneen jiraachuu fi Faaruu ykn Yeedaloo isaas sirnaan qopheessuu akka qabu murteesse.

→ Hangamiyyuu Qulqulluun Yaareed Aksuum dhiisee bahun Mootichatti toluu baatuyyuu, jecha isaa ykn murtee isaa altokko dubbachuu isaatiin homaa gochuu hin dandeenye. Qulqulluun Yaareedis sana booda Aksuum gadhiisee gara Gaarreen Kaabaa Tsallamtitti deemuun isaa ni dubbatama.

→ Gondaritti iddoo Foogaraa jedhamutti Qulqulluun Yaareed mi'aawaa kan ka'e Yeedaloo isaa yeroo faarfatu sangoonni camadamanii qotan sagalee isaa dhaga'aa Qonnaan bulicha hojii waan isa hiiksisaniif, Qonnaan bulaan sun aaruudhaan Qulqulluu Yaareed qanceedhaan akka garafe ni dubbatama. Bakki kun itti raawwatames «Work dem» ykn «Dhiiga Warqii» jedhamuun hanga hardhaatti ni waamama. Dhiigni isaa Qulqulluun ykn Warqeen iddoo itti dhangala'e jechuu dha.

→ Qulqulluun Yaareed Yeedaloo isaa barri itti qopheesse bara 540-560 Dh.K.B yeroo ykn waggoota jiran gidduutti akka ta'e ni dubbatama. Yeedaloo isaa erga qopheesse booda waggoota 11'f barsiiseera. Bara isaattis Qulqulloonni Saglan sababa Amantaa isaaniitiin godaananii gara Itoophiyaatti dhufanii waan turaniif Qulqulluun Yaareed isaan keessaa tokko kan ta'e Abbaa Phaanxaleewoon irraa sirnaafi aadaa Mana Kiristaanaa alaa ni gaafata ture.

→ Gurra isaatiin kan dhaga'es ijaan arguuf yeroo lama Room kan jedhamte Mana Kiristaanaa Qusxanxiiniyaa daawwateera. «Wariidiya bihera Roomee Le BeteKiristian reikwa» akka jedhu. Beekaan Seenaa Sirgiw Hable Sillaaseen Yeedaloo Mana Kiristaanaa Qusxanxiiniyaaf ka'umsi Qulqulluu Yaareed dha jedhu.

→ Kanaafis ragaa kan taasifatan Yeedaloo Mana Kiristaanaa Qusxanxiiniyaa kan barreesse Hangafa Yeedaloo argadhe kan jedhe kan jedhamu Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Soofiyaa yeroo naanna'u Yeedaloo dhaga'e irraati. Barri kun ammoo Qulqulluun Yaareed yeroo itti ka'eefi yeroo itti gara Room deeme jedhe waliin wal fakkataadha. Kanaanis tarii namni sun Yeedaloo sana kan dhaga'e Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Soofiyaa naanna'aa faarfachaa kan ture Qulqulluu Yaareed irraa ta'uu hin oolu jedhama. (Ancient and Medieval Ethiopian History)

→ Qulqulluun Yaareed Maatiyaasiifi Yooseef kan jedhaman dursummaa bartoota Abuna Aragaawwiitiin gara gaara Dabra Daamootti ba'uun Abuna Aragaawwii waliin wal arguun hojii Mana Kiristaanaattii ajaa'ibsiifachaa naannoo isaa erga naanna'e booda «Odikiwwaa weriku sine hitsaha le Kidist BeteKiristian» jedhee faarfate. Achis torbeef tokkoof turee deemeera.

→ Qulqulluun Yaareed Abuna Aragaawwii fi Atsee Gabra Masqal waliin ta'uun, Wallootti, Gondaritti, Shawaatti fi hanga Gaamoo Goofaatti hamma Birbir Maariyaamitti deemuun barsiiseera. Galmeewwan Seenaa tokko tokko Seenaa Arbaa Minc Qulqulluu Yaareed, Abuna Aragaawwii fi Atsee Gabra Masqal waliin wal qabsiisu

→ Sadanuu Birbir Maariyaam ilaaluuf yeroo deemanii turanitti naannoo hardha Arbaa Minci jedhamutti qubatanii turan. Naannoo sanatti loltootaaf wanti dhugan bishaan gahaan dhabamuu isaatiin Abuna Aragaawwiin kadhatanii laficha Fannoodhaan yeroo rukutan burqaawwan bishaanii afurtamni ni burqan. Atsee Gabra Masqal Mana Kiristaanaa Qulqulluu Qiirqoos Xaanaa yeroo hojjachiisanitti iddoo sana waggoota lamaaf taa'ee Digguwaa isaa barsiisuu isaatiin Digguwaan mallattoo hin qabne hanga hardhatti Gadaamii ykn Kawaalicha keessatti ni argama.

→ Itti aansees Mana Kiristaanaa Zuur Abaa ijaarsisuuf gara Gaayintitti yeroo imalanitti achitti waggaa lama Kitaaba isaa ykn barreeffama isaa «Mewwaasit» jedhamu barsiiseera. Iddoon kunis hanga hardhaatti iddoo itti baratanii bahanidha.

→ Qulqulluun Yaareedis kana booda gara Aksuumitti deebi'uun «Bemedebaay Taabbir» iddoo jedhamutti Qiddaaseewwan Yeedaloodhaan qopheesseera. Iddoon kunis magaalaa Aksuum irraa 15Km fagaatee argama. Kana boodas yeroo dhumaatiif Aksumitti nagaa dhaammatee deemuuf gara Mana Kiristaanaa Aksuum Tsiyoonitti seenuun «Kiddist WeBitsihiit Sibhit we burukt kibrt we lielt anketse brhan mearege hiwot» jedhee «Anketse Birhan» ykn «Baha Ifaa» kan jedhu kitaaba ykn barreffama isaa ni qopheesse.

→ Kitaaba ykn Barreeffama isaa kana yeroo Yeedaleessus lafa irraa ciqilee tokko ol ka'ee ni muldhata ture jedhama. Qulqulluun Yaareed Kaaba Wagaraatti, Agaw fi Begemidiritti naanna'ee barsiisee, gaarreen kaabaa keessatti tsoomaa fi kadhachaa Bihitinnaa dhaan waggoota hedduuf erga jiraate booda Holqa Tsalamt Kaaba Bahaatti argamu keessatti Bara 571 Dh.K.B Caamsaa 11 dhokateera. «Tesewurual». Iddoon kunis akkuma beekamu Gaarreen Kaabaa kan jedhamu keessatti kan argamu iddoo olka'aa qorraadha.

→ Qulqulluun Yaareed Mana Kiristaanaa Itoophiyaatiif Yeedaloo samii irraa kennuu isaatiin ala karaa adeemsa ykn kenniinsa Barnootaas gahee guddaa taphateera.

♦ Digguwaa
♦ Tsooma Digguwaa
♦ Zimmaaree Mewwaasitii barnoota Qiddaasee barsiisuu isaatiin olitti Barnoota Qineetiifis bu'uura kaa'eera. Qulqulluun Yaareed akka Addunyaatti abbaa mallattoo ykn Nootaa  jalqabaati.

Eebbi Qulqulluu Yaareed nurra haa bulu!

Ameen!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!




Ibsa Suuraa;

Fannoon suura kana irratti argitan Fannoo harkaa Qulqulluun Yaareed ittiin eebbisaa ture yoo ta'u, innis hattootaan hatamee biyyaa bahee ture. Biyyaa erga bahes biyya Faransaayitti Caalbaasiif dhiyaatee qarshii Doolaara Miiliyoona 15 tti gurguramee ture. Ta'us garuu fedha Waaqayyotiin hatamee biyyaa erga bahee waggaa 18ffaa isaatti bara 2003 gara Itoophiyaatti deebi'eera. Gara biyya keenyaattis deebi'uu kan danda'e nama gaarii «Miistar Zhaak» jedhamuun yoo ta'u, «Fannoo kana Itoophiyaa keessatti daawwadheera, qabeenya Itoophiyaati» jechuun ijoollee gaggaarrii Itoophiyaa waliin ta'uun Caalbaasii sana injifachuun gara biyya keenyaatti deebisaniiru.

Post a Comment

3 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)