«Lallabni Nageenya naaf kenna»
Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee
Mana Kiristaanaatiif utubaa ifaa kan ta'e waa'ee Hangafa Beektotaa Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee maal jenna? Maal dubbannas? Cubbamaan akka kootii, foon kan uffatee fi akka koo cubbuu kan hojjatu waa'ee isaa dubbachuu hin danda'u waan ta'eef. Abbootiin keenya akka nutti himanitti, waa'ee Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee dubbachuuf Afaan Warqee ta'uu nama barbaachisa. Garuu mee akka araarsummaa Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqeetti waa muraasa haa dubbannu.
Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee eenyudha?
Qomoon isaa Sooriyaadhaa, kan dhalates bara 347tti Iskindiriyaatti yoo ta'u, Abbaan isaa Asfaanidoos haati isaa ammoo Atinaasiyaa jedhamu. Isaanis namoota gaarii waan turaniif Waaqayyo ilma Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee fakkatu kenneef. Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee Mana Kiristaanaatiif akka ta'utti barumsaa fi ogummaan guddate. Umurii isaa daa'imummaa irra osoo jiruu gara Giriikii deemuun Saayinsii bara sanaa (Filoosoofii) sirnaan barateera.
Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqees namoota ykn Qulqulloota kaan irraa wantoonni adda isa taasisan keessaa tokko kanadha. Barnoota Afuuraatiinis ta'e barnoota Ammayyaatiin beekaa was hundaa kun isa hafe kan hin jedhamne kan jedhame umurii isaa waggaa 15 irra osoo jiruuti. Sayifii karaa lama qarame ta'uu isaatiin osoo fooniin Addunyaa kana irra jiruutii haa hafuutii hardhayyuu Shakkitootaaf dhukkubbii mataa cimaa ta'eera.
Qulqullichi umurii isaa waggaa 16 irra osoo jiruu qabeenyi, beekumsi, bareedinni kan itti guute yoo ta'eyyuu wantoota qabu hunda hiyyeessotaaf kennuun, Kitaabolee qofa walitti qabatee hiriyaa isaa Qulqulluu Baasiliyoos waliin gammoojjii seene. Qaama isaas Tsoomii fi kadhannaan adabaa gammoojjii keessa yeroo jiraatu Wangeelaawwiin Qulqulluun Yohaannis fi Hangafni Duuka Bu'ootaa Qulqulluun Pheexiroos gara isaatti dhufan. Hangafni Duuka Bu'ootaa Qulqulluun Pheexiroos furtuu Mootummaa Waaqayyoo, Qulqulluun Yohaannis ammoo Wangeela kennaniifiiru.
Guyyaa kanaan booda Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee galaana iccitiiwwanii ta'e. Kitaabolee Kakuu Moofaa kan Kakuu Haaraa waliin, Seera Uumamaatii kaasee Muldhata Yohaannisitti Hiikoo Andimtaatiin hiikeera. Keessattuu Kakuu Haaraa irra deddeebi'uun ibse, iccitii isaa ifa baase. Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee sammuun isaa osoo hin dhadhabiin, harki isaa osoo hin dhadhabiin Kitaaboleen inni barreesse, ergaawwaniifi Hiikoowwan inni barreesse osoo lakka'aamanii Kuma kudhan (10,000) ni ta'u. Wanti nama ajaa'ibu garuu Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee wantoota kana hunda yeroo hojjatu umuriin isaa xiqqaa ture. Aangoo isaatiinis Diyaaqonii ture.
Kanaan boodas ajaja Waaqayyootiin aangoo Lubummaa argatee ykn Luba ta'ee muudamee Lallaba Wangeelaa iddoowwan hedduu ni geessise ykn ni babaldhise. Qulqullummaa isaas jaallataniiru waan ta'eef Paatriyaarkii Qusxanxiiniyaa taasisanii isa muudan. Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee yeroo dubbatus ta'e yeroo barsiisu sagaleen kan biraa hin dhaga'aamu ture. Mi'aa'ina barumsa isaa irraa kan ka'es uummanni sirnaan isa dhageeffatu turan.
Yeroo barsiisu namoota lafa irra jiran qofaa mitiitii Ergamoonni Waaqayyooyyuu walitti qabamanii isa ajaa'ibsiifatu turan. Yeroo tokkos Giiftiin keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam uummata gidduutti «Afaan Warqee » jettee isa waamteerti. Sana boodadha «Afaan Warqee» kan jedhame. Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqeen aangoo isaatiin Ergamaa du'aa waggaa kudhaniif dhaabeera gazzatuudhaan.
Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee nama wal hin caalchisu. Isa biratti Mootii fi hiyyeessi walqixxeedha. Du'aafis kan isa geessises kanuma ture. Sababni isaas yeroo sanatti Mootittiin Awudooksiyaa lafa haadha hiyyeessaa tokko harkaa fudhattee hin deebisu jedhu isheetiin ishee gorsee dinnaan ishee awaggaze ykn magane. Isheen garuu cubbamootaa fi Shakkitoota waliin wal ta'uun yeroo lama isa godaansiste.
Iddoo itti godaanettis firii buufatee, barsiisee fi amansiisee bara 407 tti boqoteera. Manni Kiristaanaa fi Kiristaanonni osoo isa hin quufiin akka isa hawwanitti umurii isaa waggaa 60 tti isa dhaban. Yeroo sanattis gadda guddaa fi boo'ichatu ta'e.
Guyyaa tokko bara sanatti Mootii gaarii kan ture Mootiin Arqaadiyoos affeerraa qopheesse. Halkanuma sanatti ammoo Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee osoo cimsee kadhachaa jiruu, namni tolaan ykn Qulqulluun Abbaa Maardaarii jedhamu ammoo Samii irraa hangafoonni ergamootaa kabajaan yeroo bu'an isaan arge.
Naasuudhaanis «Garam deemtu gooftota koo?» jedhee yeroo gaafatu «Qusxanxiiniyaa, gara Yohaannis Afaan Warqee deemna. Inni Qulqulleettii Dubroo Maariyaam akka galateeffatu Waaqayyo (Gooftaaan) nutti himeera waan ta'eef» jedhaniin. Innis «Maaloo! anis akka Yohaannis Afaan Warqee akkan galateeffadhuuf ykn galatoon akka naaf ibsamuuf na eebbisaa!» jedheen isaanis isa eebbisanii daandii isaanii itti fufan.
Borumtaa isaas Mana Mootummaa keessatti Beektonni, Abbootiin Taayitaa, Phaaphaasonni uummanni hundi walitti qabamanii affeerraa sana irraa hirmaatan ykn nyaatan. Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee garuu Teessoo isaa irra taa'ee ture malee hin nyaanne. Affeerraan sun yeroo dhumus Mootichi Arqaadiyoos uummata gidduutti «Gaaffiin qaba» jedhee Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee gaafate.
Mootichis «Maali Wangeelaawwiin Maatewoos 'Ilma ishee hangafaa hamma deessutti ishee hin barre ture' (Maat. 1:25) jechuun isaa maalidha hiikni isaa ykn Qulqulluun Maatewoos maal jechuu isaati?» jedhee gaafate. Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee ka'ee Afuura Qulqulluun durfamaa hiikuufii jalqabe.
«Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Birillee qulqulluu fakkaatti. Birilleen dhangala'aa bifa garaa garaa qabu yoo itti naqan bifti isaa dhangala'aa sana waliin jijjiirama. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam gooftaa waan garaatti baatteef, bifti ishee jijjijjiiramaa yeroo turetti Yooseef ilaalee ni na'a ture. 'Isheen eenyu? kan gadameessa ishee keesaa jiru hoo eenyu?' jedhee ni dhiphata ture. Gooftaa erga deesse booda garuu bifti ishee tokkuma ta'e. Dursee eenyu akka taate hin barre ture. Amma garuu isheen Deessuu Waaqaa inni ammoo ykn ilmi ishee ammoo Ilma Waaqayyoo ta'uu ni beeke jechuudha» jedhee yeroo hiiku dhaga'aanii hundinuu yeroo ajaa'ibsiifatan. Si'ilii fayyinaa achi turte «Afaan Warqee, Qooqa Warqee, Afaan Eebbaa» jettee dubbatte.
Yeroo sanattis Arqaadiyoos qooqa Warqee Qulqullichaa fi Si'ilicha irra kaa'e. Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee garuu hidhatee «Isegidi leki, Isegidi Leki.....» ykn «Siin sagada, siin sagada.....» jedhee galatoo «Teamire Maariyaam » ykn «Raajii Maariyaam » irratti dhageenyu ykn arginu ni geessiseef. Galatoo isaa kanas Hangafoonni Ergamootaa dhaga'aanii ajaa'ibsiifachaa gara samiitti ba'aaniiru.
Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee erga boqotee waggaa 35ffaa isaatti Foon isaa gara Qusxanxiiniyaatti yeroo geeffamu, Qusxanxiiniyaa yeroo gahu uummanni isa yaaduu irraan kan ka'e Faaruu fi boo'icha guddaatu ture. Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee ol jedhee uummata eebbiseera.
Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee yeroo waamamu;
♦ Afaan Eebbaa
♦ Afaan Dammaa
♦ Afaan Sukkaaraa
♦ Afaan Shittoo
♦ Qooqa Warqee
♦ Barsiisaa Addunyaa hundaa
♦ Dursaa Beektotaa
♦ Utubaa ifaa
♦ Daani'eel Haaraa
♦ Hangafa Phaaphaasotaa dhugaa
♦ Barsiisaa fi gorsaa fi k.k.f jedhameetu.
Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee mata-dureewwan Afuurawaa garaa garaa irratti barsiiseera, Jechoota ykn jechamoota jajjaboos dubbateera, Kitaabolees barreesseera, isaan keessaa muraasa ilaaluuf;
Waa'ee Jireenya Minkusinnaa
«Ani yeroo dura Magaalittii dhiisee gara iddoo jireenya Monoksootaatti (Beate Menekosat) deemuuf itti aansee kan jiruuf durseen itti yaade, jireenyaaf kan barbaachisu biddeena guyyaa guyyaa (Ye ilet Injera) akkamitti argachuun akka danda'aamu, nyaataa fi ibsaaf kan ta'u Zayitiin ni barbaachisaa laata? hojiin humnaa hoo dirqamaa laata? gatii malee firiiwwan akkan funaanuufi moo yookaanis hojii humnaa cimaa kan biraa? tarii hojii awwaalummaa? yookiis ba'aa qoraanii ykn mukaa? ba'aa bishaanii ykn bishaan baachuu ykn waraabuu? walumaa galatti waa'ee jireenya callisni itti argamuu baay'iseen yaade. » jedheera. Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee dhuma irratti jireenya Minnaanee fi barumsaa isa cimaa ta'e eegale.
Waa'ee Aangoo Lubummaa
«Lubni lafa irratti aangoo qaba. Garuu aangoon Lubummaa sadarkaa fi kabaja guddaa Samii irrattis qaba. Waadaa ykn Kakuun kun nama ykn ergamaa irraa ykn uumama kamirraayyuu miti. Garuu Afuurri Qulqulluu Kakuu kana hundeesse. Tajaajila Ergamoota Qulqullootaa akka kennaniif warreen foon uffataniif aangoo kana kenneef. Kanaafuu Lubni tokko akka Ergamoota Samiitti kan Qulqullaa'e akka ta'e barachuu qaba. Kunis tajaajilli Ergamootaa Qiddaasee yeroo Qurbaanaa raawwatudha. Foon Qulqulluun Gooftaa fi Dhiigni isaa kabajamaan aarsaa ta'ee yeroo dhiyaatuu fi Lubichi aarsaa fuuldura dhaabbatee yeroo kadhatu yeroo ilaaltu namooota waliin akka jirtuufi lafa irras akka jirtu ta'ee sitti dhaga'amaa? Samii irra akka jirtu fakkaatee sitti hin mul'atuu? bu'uura isaatiin garuu Aangoon Lubummaa aangoo Ergamootaa irraa adda ta'ee muldhata. Lafa irratti jireenya lafa irraatiin kan jiraataniif bulchiinsi Inquu Samii irraa adaraa itti kenname. Kanaanis Waaqayyo irraa Ergamootaafis ta'e hangafoota Ergamootaaf aangoon hin kennamne Lubootaaf ni kenname. «Lafa irratti kan hiitan, Samii irratti kan hidhame haa ta'u, Lafa irratti kan hiiktan Samii irratti kan hiikame ni ta'a». Jechi jedhu ergamootaaf hin dubbatamne waan ta'eef. Bara 386 tti Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee Hangafa Phaaphaasii Filaabiyaanoos harkaa aangoo Lubummaa argate.
Waa'ee Lallaba Wangeelaa
Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee tajaajilli isaa lallabaa daran kan milkaa'eef ture. Innis Lallabaaf jaalala addaa qaba ture. Lallaba isaa warreen jalqabaa keessaa 67 kan ta'aan Seera Uumamaa irratti kan xiyyeeffatanidha. Kanaanis jaalala Lallabaaf qabu akkasitti ibseera;
«Lallabni nageenya naaf kenna, dubbachuudhaaf afaan koo yeroon banu dhadhabbiin koo hundi na gadhiisa»
Qulqullootaafis jaalala addaa qaba ture, keessaattu jaalala Qulqulluu Phaawuloosiif qabu akkasitti ibsa;
«Kanan isa jaaladhuufi kanan isa amanu sagalee isaa yeroon dhaga'u na bukkee taa'ee lubbuudhaan akka waan jiruutti kan natti dubbatu natti fakkaata. Karaa biraatiin ammoo isa beekuun kan isaanirraa eegamu hundi osoo isa hin beekiin hafuun isaanii na gaddisiisa.»
Gidirfamuu isaa fi Boqochuu isaa
Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee bara 403 tti aangoo isaa irraa akka ka'u yeroo murtaa'utti, akkasumas godaansaan akka jiraatu yeroo itti murtaa'u akkas jedhee dubbate; «Heeroodiyaadaan irra deebiin kaate, Heeroodiyaadaan irra deebiin mataa Cuuphaa ykn Yohaannis Cuuphaa ni barbaaddi.» jedhe. Sababa kanaanis gara Armanitti godaanee achitti boqoteera . Godaansa irra osoo jiruu barnoota waa'ee wareegamummaa kenneen akkas jedheera; «Wareegamummaan Waaqa tolfamaa ykn Xaa'otii mormanii Sayifiidhaan mormi muramuu qofaa miti, waa'ee Waaqayyootiif gidiraa arguus dabalateetu malee.»
Waaqayyo eebba Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee irraa baay'isee nurra haa bulchu!
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
1 Comments
0vecerona_1987 Amanda Black https://wakelet.com/wake/aQ52tlabtMmOzbexFUmFH
ReplyDeleteliotirnami