Qulqulleettiin Arseemaa Eenyudha?
Qulqulleettiin Arseemaa Abbaa ishee Qulqulluu Tewoodiroosii fi haadha ishee Qulqulleettii Atinaasiyaa irraa wareegaan kan dhalattedha. Kan dhalattes Jaarraa 3ffaa keessaa Xaaliyaan, Roomitti, Ji'a Muddee, Kamisa gaafa guyyaa 6 yoo ta'u, gara Armaniyaatti kan godaante ykn baqatte Mootiin Diyooqilixiyaanoos Kiristaanotaa fi ishee gidirsuu isaatiin. Barri isheen keessa turtes «Bara Wareegamtootaa» jedhamuun beekama.
Qulqulleettiin Arseemaa wareegamtuu Mana Kiristaanaa bara 290 keessa Armanitti wareegamummaan boqottedha. Biyyi dhaloota ishee Room yoo ta'u, wareegamummaa kan fudhatte ammoo Armanittidha. Nuti hordoftoonni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ykn Itoophiyaanonni «Qulqulleettii Arseemaa » yeroo jennuun, isaan ammoo «Saint Hripsime» jedhanii waamu. Namni Seenaa Qulqulleettii Arseemaa dubbisuu barbaade hundi maqaa Qulqulleettii kanaa Google irratti barreesse yoo barbaade salphaatti argachuu ni danda'a. Maqaa «Saint Hripsime» jedhuun jechuudha. Manneen Kiristaanaa warreen durii ykn hangafoonni guyyaa Yaadannoo Qulqulleettii Arseemaa Fulbaaana 29 ykn October 9 guyyaa itti wareegamummaa fudhatte ni kabaju. Manni Kiristaanaa yeroo jalqabaaf maqaa isheen kan hundaa'e ykn kan moggaafame ykn kan ijaarameef Arman, Echimiiziin keesssatti bara 395tti dha. Manni Kiristaanaa Qulqulleettii Arseemaa kun Manneen Kiristaanaa durii osoo hin diigamiin turan keessaa isa tokkodha.
Ekeraa ykn Atsimiin Qulqulleettii Arseemaa Jaarraa 14ffaa keessa Atsimii Wareegamtoota kaanii waliin gara Itoophiyaatti akka dhufe Abbootiin tokko tokko Tiwuufiitiin ni dubbatu. Gojjaam Eddoola Xaanaa fi Walloo Siriinqaatti Manneen Kiristaanaa argaman kanaaf ni caqasamu. Keessattuu amma bara jirru kana keessatti iddoo Itoophiyaanonni jiran maratti Qulqulleettiin Arseemaa Wareegamtuu guddoo ykn caalaatti maqaan ishee waamamu taateerti.
Seenaan Dubra Qulqulleettii kanaa ykn Qulqulleettii Arseemaa kitaaba Mana Kiristaanaa keenyaa galmee Qulqullootaa qabu Sinkisaara kan gaafa guyyaa Fulbaana 29 dubbifamu irratti barreeffamee argama. Akka biyya keenyaattis ykn akka Mana Kiristaanaa keenyaattis Qulqulloota biyya alaa Qabsuurri isaanii hiikameef ykn gara afaan biyya keenyaatti kan hiikameef keessaa tokko Qulqulleettii Arseemaa dha. Sababni kanaas beekamaadha. Qulqullonni Itoophiyaadha gara Armanitti deeman, Armanii gara Itoophiyaatti kan dhufan hedduun turaniiru. Naannoo Jaarraa 10ffaatti Faarsotaan badii Armanoota irra gaheen ykn weerara warri Faars Armanoota irratti gaggeessan baqachuun Armanoonni hedduun gara Itoophiyaatti dhufuu isaanii fi iddoo hardha Hayq Isxifaanoos jedhamu qubachuu isaanii seenaan Arman nutti hima. Afaan Armanittis «Hayq» ykn Haroo (Hara) jechuun «Gadaamii» ykn «Kawaala» jedhuudha jedhu.
Karaa biraatiin ammoo Jaarraa 13ffaa keessa lammiin Itoophiyaa Abuna Ewoosxaaxeewoos jalqaba gara Gibtsiitti (Bara 1330-32), achiin boodas gara Israa'eelitti, dhuma irrattis gara Armanitti imalanii waggoota kudha afuriif erga achi turaniin booda, bara 1352tti boqotaniiru. Boqonnaa isaanii boodas ykn boqochuu isaanii boodas Duuka Bu'ootni isaanii gara Itoophiyaatti deebi'aniiru. Duuka Bu'oonni ykn Bartoonni Abuna Ewoosxaaxeewoos gara Itoophiyaatti deebi'an kunneenis Kitaabolee Qulqullaa'oo biyya alaa ykn kan Itoophiyaan alaa hedduu qabatanii dhufuu isaanii fi gara Gi'iiziitti hiikuun gahee guddaa taphataniiru. Yeroo Bulchiinsa Goondaris Qomoosiin Abuna Yohaannis jedhaman haftee Ekeraa «Terefe Atsim» Abuna Ewoosxaaxeewoos qabatanii bara Adiyaam Segged Iyyaasuu dhufanii ture. Walitti dhufeenyi asii fi achiin ture kunis Qulqulleettiin Arseemaa Itoophiyaanota biraatti akka beekamtu taasisaniiru. Qabsuurri ishees gara Gi'iziitti hiikamuu danda'eera.
Si'iliin Qulqulleettii Arseemaa inni sirriin kami?
Akkaataa Fakkiin Qulqullootaa itti kaafamu
Fakkii Qulqulla'aa ykn Si'ilii Qulqullootaa irratti gubbaa irratti Goonfoon, Zanbaabaan, Xoofoo Fannoo fa'a arguun kan baramedha. Si'ilii Qulqullicha Qiirqoosiifi Qulqulleettii Iyyeluxaa irrattis Zanbaabaan, Tsiwwaan ykn Xoofoon, Fannoon ni muldhata.
Dabriiwwan ykn Manneen Kiristaanaa Qulqulleettii Arseemaattis ta'e manneen Kiristaanotaatti Si'iin argamu ykn Si'ii Qulqulleettii Arseemaati jedhamee baay'inaan kan argamu Si'ilii Qulqulleettii Barbaaraati. Yeroo baay'ees Si'ilii Qulqulleettii Arseemaa jedhamee kan baay'inaan gurgurauu fi baay'inaan kan Itti fayyadanan Si'ilii Qulqulleettii Barbaaraa kana. Itti aansees Si'ilii Qulqulleettii Luusiyaa, darbee darbee ammoo Si'ilii Qulqulleettii Kaatriin fi Qulqulleettii Kiyaarkee dogoggoraan akka Si'ilii Qulqulleettii Arseemaatti fayyadamuun baay'inaan muldhata. Wareegamtonni kunneen dargaggummmaa fi durbummaa isaaniitiin Xaa'ootii Waaqeffachuu diduu isaniitiin gidiraa Fannoo fudhataniin ykn isaan irra gaheen, Seenaa walfakkaataa qabaachuu isaaniitiin Si'ilii isaatiin adda baasuun waan nu rakkise fakkaata. Fakkeenyaaf Waregamtoonni kunneen hundi yeroo fakkiin ykn si'iliin isaanii kaafamu Fannoo, Xoofoo, Zanbaabaa qabatanii akka Ortodoksiittis, akka Kaatolikiittis ni kaafamu.
Si'iliiwwan kanneen irrattis;
→ Fannoo qabachuun isaanii :- kan na jaalatu yoo jiraate fannoo koo baatee na duukaa haa bu'u bu'uura jedheen Gidiraa Fannoo Kiristoos fudhachuu isaanii agarsiisa. Luq. 9:23
→ Xoofoo qabachuun isaanii ammoo Xoofoo du'aa fudhachuu isaanii ibsuufi. Maat. 26:39.
→ Akkasumas Zanbaabaa qabachuun isaanii ammoo Addunyaa fi Seexana injifatanii Mootummaa Waaqayyoo injifannoon dhaaluu isaanii ibsuufi.
Kanatti aansee dogoggoraan akka Si'ilii Qulqulleettii Arseemaatti kan itti fayyadamnu Qulqulleettiin Barbaaraa, Qulqulleettiin Kuusiyaa, Qulqulleettiin Kaatriin fi Qulqulleettiin Keeriyaakee eenyu akka ta'an gabaabinaan ilaalla.
1. Qulqulleettii Baarbaaraa
Akkaataa amma itti waamamutti biyya Kibaanoos Abeeleekitti, yeroo durii ammoo «Fiinqee» iddoo jedhamaa turetti dhalatte. Abbaan ishee Diyoosqooroos Xaa'otii Waaqessaa kan tureefi isheenis akka Xaa'otii Waaqessitu ishee dirqisiisaa kan ture, isheenis diduu isheetiin Abbaa isheetiin bara 306 Umurii ishee waggaa 33tti kan ajjeefamtedha ykn waregamtedha. Qulqulleettii Dubroo jedhamtee akka Manneen Kiristaanaa Kaatolikiitti, Ortodoksii bahaatti fi Gibtsiitti ni lakkaa'aameef, guyyaan yaadannoo ishee kan waggaas December 6 kabajama. Si'iliiwwan ishee irratti Afaan Tsiriin kan barreeffame « ΗΑΓΙΑ ΒΑΡΒΑΡΑ» kan jedhu yeroo hiikamu afaan Ingiliffaan «Saint Barbara» Afaan keenyatti ammoo «Qulqulleettii Baarbaaraa» dha jechuudha, Qulqulleettii Arseemaa miti.
2. Qulqulleettii Luusiyaa
Warreen jaamonni ykn warreen arguu hin dandeenye kan ittiin jajjabaatan jedhamuun kan beekamtu yoo ta'u, Kiristaana ta'uu isheetiin kan gidiraa itti fidan ija ishee lamaan Saahinii irratti harka isheetiin qabattee fakkii ykn Si'ilii agarsiisu irratti kaafamtee argamti. Seenaan ijaa kan Qulqulleettii Arseemaa waliin tokko. Qulqulleettii Arseemaa gara Armanitti kan godaansise Mootiin Diyooqilixiyaanoos Kiristoos ganuu qabda jechuun biyya itti dhalatte Xaaliyaanii, Siisiilii, Siraakoositti bara 304tti akka duutu taasise. Kaatolikootni Room akka Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti bifa addaan Qulqulloota Durboota kabajan saddeet keessatti Qulqulleettii Luusiyaa yoo ramadan, Luuteeranota birattis fudhatama qabdi.
3. Qulqulleettii Kaatriin ishee Iskindiriyaa
Qubee Tsirii fi Ingiliffaan «ΗΑΓΙΑ AIKATEPINH» fi «St Cathrine» dha. Maatiin ishee qomoo warra Moototaa irraa yoo ta'u, Mootiin Maakseentiyas si fuudha jedhee yeroo rakkisu, ani Misirroo Kiristoosidha, Mootummaa lafa irraa hin barbaadu jechuun akka Qulqulleettii Arseemaa kan taatedha Inumaayyuu karaa warreen Moototaa fi aanga'ootaa dhalachuu ishee fayyadamuun aanga'oonnifi Mootonni Waaqayyotti akka amanan kan barsiiste, kanaanis rakkoo fi gidiraan gaariidhaan harkifamuu irra gahuun bara 305tti umurii ishee waggaa 18tti Sayifiidhaan ajjeefamte. Koophxota Gibtsii, Ortodoksiiwwan bahaa fi Kaatolikoota biratti dargaggoota durbummaa isaaniitiin cimaniif fakkeenyadha.
4. Qulqulleettii Keeyaarkee
Sooressoota Giriikii Kiristaanota ta'aan irraa kan dhalatte, abbaan ishee Doorooteewoos, haati ishee Yooseebiyaa irraa Niqoomoodiyaatti dhalattee, qabeenya isaanii dhaalchisuuf jecha ilma Bulchaa biyyaatti akka heerumtu yeroo gaafatamtu, Durbummaa isheen cimtee dhaabbachuu isheetiin gidiraan itti baay'ate. Abbaa fi haati ishee godaananii du'an. Mootiin Diyooqilixiyaanoosiifi warreen isa jala jiran wal harkaa fuudhanii Xaa'otiif sagadi jedhanii ishee sossobaniyyuu diduu isheetiin ibiddatti ishee darbataniyyuu ishee hin gubne, biseensaaf ishee kennanis ishee hin nyaanne. Isheenis amantaa koo hin ganu jettee diddee, Sayifiin muramuuf qophooftee osoo jirtuu daqiiqaa kadhannaa isheef kenname keessatti kadhachuun lubbuun ishee harka Waaqayyoo galteerti. Qulqulleettiin Keeryaakee umurii ishee waggaa 21tti bara 289 iddoo Keelqeedoon jedhamutti boqotte. Kanaanis namoonni hedduun Waaqayyootti amananiiru. Kaatolikoonni fi Ortodoksoonni bahaa Adoolessa 6 fi 7 ni yaadatu.
Ibsa Suuraa armaan olii
(Biraa irraa gara mirgaatti)
1. Qulqulleettii Arseemaa
2. Qulqulleettii Barbaaraa
3. Qulqulleettii Luusiyaa
4. Qulqulleettii Kaatriin
5. Qulqulleettii Keeyaarkee
dha.
Bara ammaa kanattis Qulqulleettiin Arseemaa dargaggoota Itoophiyaa biratti caalaatti beekamaa fi kabajamaa dhufteerti. Dargaggoonnis kana taasisuun isaanii kan isaan galateeffachiisudha. Haa ta'u malee garuu waa'ee Kiristoosiif jettee wareegamummaa isheen kanfalte, Durbummaa ishee eeguuf jettee gidiraa isheen fudhatte, dargagummaan ishee osoo ishee hin hawwisiisiin gatii isheen Amantaa isheef kaffalte, osoo lubbuun jirtuu kan hojjatte caalaayyuu wareegamummaa isheen firii isheen buufte yaadachuufi isa irraas barachuun barichaan bitamuu ykn fudhatamuu irra yaadannoo Wareegamtuu kanaa bultii fi jaalalleewwan waliin fi wantoota seenaa Qulqulleettii kanaa waliin hin deemne waliin walitti fiduun ykn madaalchisuun sirrii miti.
Inni kaan hafee yeroo ammaatti Si'ilii ykn Fakkii Qulqulla'aa Qulqulleettii Arseemaati jedhamee baldhinaan kan beekamu akka sirna fakkii «Sine Si'il» Ortodoksiitti «Iconography» kan Qulqulleettii Barbaaraati. Awwaala ishee Arman Echimiiziitti argamu irratti Si'iiliin ykn Fakkiin Qulqulluu argamu kan kanaa olitti arginedha. Eddoola Xaanaa keessatti kan argamu Mana Kiristaanaa ishee keessattis Si'ilii isa Itoophiyaawwii argachuun ni danda'ama.
Walumaa galatti Qulqulleettiin Arseemaa seenaan ishee guutummaa Kiristaanota Addunyaatti kan beekame, Qulqullummaa waliin garmalee kan walqabate, wareegamtoota dargaggootaaf fakkeenya guddaa kan ta'u, Qulqullummaa ofii eeggachuun garmalee qormaata kan ta'e bara kanatti ykn bara kanaaf fakkeenya kan ta'u, Obboleewwanii fi haawwan keenya bara durii waa'ee Kiristoosiif jedhanii gatii isaan kaffalan, gidiraa isaan argan, kan agarsiisu waan ta'eef ayyaana yaadannoo ishee afuura kanaan ykn kana yaadachaa kabajuu qabna.
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
Appilikeeshinii keenya Dawunlood kan jedhu tuquun buufadhaa! karaa Appilikeeshinii keenya nu hordofaa
10 Comments
Waqayyoo sagalee jireenyaa issiin yaa dhageesisu
ReplyDeleteAmeen! Galatoomaa Waaqayyo isin haa eebbisu! hirmaannaan keessan itti haa fufu!
DeleteEbbifama waqayyon goftaan keenya sagale jireenya sin haa dhagesisu 👏👏👏📚📚📚📚✝️✝️
ReplyDeleteAmeen! Galatoomaa Waaqayyo isin haa eebbisu! hirmaannaan keessan itti haa fufu!
DeleteWaqqayyoo saggalee jireenyaa sii yaa dheggesisuu dhaltuu mottummaa isaa sii yaa qophefatu Ameen
ReplyDeleteWaqqayyo goftaan saagale jirenyaa bara amabaratii siiha dhaagesiisu
ReplyDeleteDhugumatii waqayyoo sagalee jirenyaa Bara baraa sii yaa dhagesisuu ebbifamaa 👏♥❤👌✨
ReplyDeleteHedduu galatooma
ReplyDeleteDhugaatti ebbifama waqayyoon isin yaa ebbisu mana isa kessatti isin yaa qusatu ebbifama
ReplyDeleteWaqayyon sagalee jireenya isiin haa dhagessisu ebbifama 👏
ReplyDelete