Murtii Mootii Solomoon
(D/n Daani'eel Kibratiin)
♦ Daldaltoonni sadi tasa iddoo murtii Mootii Solomoonitti argaman. Sadan isaaniiyyuu waggoota hedduudhaaf waliin ta'aanii tokkummaan waliin daldaluuf waadaa waliif galanii, waliif kakatanii, Gaala irratti mi'a isaanii fe'atanii, qarshii walitti qabatanii, galaa qabatanii biyya isaanii dhiisanii kan deemanidha.
♦ "Yaa Mootii" jedhe inni tokko Teessoo Mooticha duratti harka fuudhee. "Nuti wal faana daldaluuf hiriyoota daandii jalqabnedha" jedhe.
♦ Daldalaan inni lammaffaas harkaa fuudhee "Waadaa keenyas eegnee, kabajnee waliin daldalaaf biyya fagootti osoo imalluu tasa ayyaanni Sanbataa nutti gahe" jedhee itti fufe.
♦ Daldalaan inni sadaffaas "Sanbata kabajnee ooluuf waan barbaanneefis iddoo itti Dunkaana dhaabne irraa fageessinee boolla qonnee maallaqa keenya Qalqalloodhaan awwaalle. Nutis nu keessaa eenyumtiyyuu nu ganee deebi'ee akka qarshii kana hin fudhanne kakaa raawwannee turre. Borumtaa isaa garuu gara boolla sanaa deemnee yeroo maallaqa keenya ilaallu maallaqni keenya hin jiru." jedhee hubachiise. Daldalaan inni jalqabaas mataa isaa erga raase booda "Yaa Mootii boollicha yeroo qotnus ta'e yeroo maallaqicha awwaallu namni biraa kan nu arge hin jiru. Kan hates numadha. Garuu nu keessaa eenyu akka ta'e kan hate wal amanuu hin dandeenye." jedhe.
♦ Mootichi Solomoonis laphee isaatiin "Hanna kan danda'u sobuuniifi kakaa diiguun isa hin rakkisu" jedhee yaadee dubbicha salphisee "Boru deebitanii yeroo dhuftan eenyu akka hate isinittin hima" jedheenii isaan gaggeesse.
♦ Borumtaa isaas hiriyoonni daldaltoonni sadan ni dhufan, dhadhachis ni jalqabame.
♦ Mootichi Solomoonis "Dhimma keessan ilaaluu kootiin dura sadan keessaniyyuu ogeessota ta'uu keessan beekuun barbaada. Kanaanis seenaa ani isinitti himu kana irratti yaada keessan akka kennitan nan barbaada. Dubbichi akkasi ፦ Dhiirri tokkoofi dubarri tokko ijoollummaa isaanii irraa kaasanii waliin taphachaa, akkasumas barnootas waliin baratanii guddatan. Gara namoota gurguddoo yeroo ta'aan bultii ijaarratanii waliin jiraachuuf waadaa walii galan. Yeroo muraasa booda haalli jieenyaa adda isaan baasee gargar isaan fageessee gargar bahaanii iddoowwan garaa garaa jiraachuu jalqaban. Kana gidduuttis isheen Dubaraa waadaa ishee irraanfattee nama biraatti heerumte. Guyyaa cidhicha raawwatte galgalas waadaa isheen galte sana yaadatte, ni rifattes, dhimmichas Abbaa manaa isheetti himte. Abbaan manaa ishees waadaa dhaaf iddoo guddaa kenna ture waan ta'eef "Tole ka'i nama ati waadaa galteef sana haa barbaannu, yeroo isa argannuttis waadaa keenya diiguu itti haa himnu. Kaasaa qarshiis kaffalleefii dhiifama nuuf haa taasisu, yoo kanaan alaa bultiin keenya ni bada" jedheen.
♦ Misirroowwan lamaanis gara biyya mucichi ni argama jedhanii yaadaniitti daandii dheeraa imalanii isa argatan. Wanta ta'an hundas itti himan. Dhiifama akka isaaniif taasisus, qarshichas akka fudhatu isa kadhatan. Mucichis nama qajeelaa ture waan ta'eef dhiifama isaaniif taasise. "Qarshiin ani ittiin hin hojjanne hin fudhadhu!" jedhee qarshicha fudhachuu dide. Isaanis isa galateeffatanii deebi'an. Yeroo deebi'anis daandii irrarri Saamtuun wayii itti dhufee qarshii isaan qabatanii jiran harkaa fudhate. Intalittiinis qarshii sana sababa maaliitiin akka qabatan boo'aa seenaa isaa Saamtichatti himte, akka isaanii deebisuufis ni kadhatte. Saamtichis seenichi isa ajaa'ibsiisee qarshicha isaaniif deebise.
♦ Mootichi Solomoon seenaa kana erga seenesse booda "Abbaa Manaa, hiriyaa ishee duraa fi hattuu ykn Saamtuu keessaa nama isa kamtu caalaatti galateeffamuu qaba jettanii yaaddu? jedhee isaan gaafate. Daldalaan inni jalqabaas "Akka kootti galanni caalmaan kan isheef ta'u Dubartittiidha. Waadaa ishee yaadattee dhiifama gaafachuuf ka'uun ishee, ishee galateeffachiisa" jedhee yaada isaa kenne.
♦ Daldalaan inni lammaffaas "Akka kootti garuu galanni garri caalu kan ta'uuf abbaa manaa isheetiifi. Waadaa diiguu ishee yeroo itti himtu jecha ishee fudhatee, manaa fi qabeenya isaa dhiisee, qarshii isaa qabatee gara Kaadhima isheetti deemuun isaafi dhiifama gaafachuun isaa isa galateeffachiisa" jedhee yaada isaa kenne.
♦ Daldalaan inni sadaffaan ammoo "Wanti Abbaan manaa fi haati manaa taasisan kan isaan galateeffachiisudha. Garuu kaadhimni ishee duraa gowwaadha qarshicha fudhachuu qaba ture." jedhee yaada isaa kenne.
♦ Mootichi Solomoonis yaada isaanii erga dhaga'e booda daldalaa isa sadaffaan "Sammuu ittiin qarshii osoo itti hin dhadhabiin fudhachuuf hawwu osoo hin qabdu ta'eetii mucaa kanaan gowwaa hin jettuun ture. Hiriyoonni kee lamaan amanamummaa isaaf iddoo kennaniiru, ati garuu gatii hin kennineef. Kanaafuu si'iin ala wanta kana (qarshii hatuu) raawwachuu kan danda'u hin jiru.
♦ Sammuu kee yeroon ilaalu wanta ittiin hojjatamen arge. Sammuun yeroo nuuf kennamu itti hojjatamee nuuf hin kennamne. Akka hojjatuuf nuuf kenname malee. Namni lafa ykn dhaala isaa irratti Mana akkamii akka ijaaru murteessuufi manicha ijaaruun gahee namichaati. Miini inni ijaarsaaf itti fayyadamuufi haalli inniitti ijaaru jabina manichaa ni murteessa. Sammuunis akkasuma. Seeraan, naamusaan, barumsaan, Ogummaadhaan Sammuun ijaarame yaada akka keetii hin qabaatu. Yaadni amma kennite jireenya ati dabarsite, sanyii sirratti facaafameefi wanta sirratti hojjatame natti agarsiiseera. Warra kee nan arge, hiriyoota kees nan arge. Isaan kuni hundi ykn isaan kana keessaa tokko sanyii inni sitti facaase sirrii miti. Tarii sanyiin kun sirratti facaafamuu isaa hin beektu ta'a. Garuu sitti facaafameera.
♦ "Seenaa tokko sinitti yaa himu" jedheen Mootichi Solomoon. Akka ta'aan ni eyyamameef. Hundumti isaaniiyyuu akkaataan inni hatticha itti adda baasee beeke isaan ajaa'ibeera. Afaa irra ta'aan.
♦ Gaaf tokko mucaan tokko ana duratti Firdiif dhiyaate. Kan dhufe abbaa isaa ajjeeseetu. Warreen Rabbii (Barsiisota Ayihuudii) hundi "Abbaa isaa kan ajjeese haa du'u jedha waan ta'eef haa ajjeefamu" jedhanii itti murteessan. Ani garuu sababa inni gocha kana itti raawwateef hubachuu waanan barbaadeef nan gaafadhe. Dubbichis akkas ture; Abbaan tokko yeroo hunda ilma isaa waan tokko barsiisa ture. Hiriyoonni koo na rukutan yeroo jedhuun <<Rukuti!>> jedhaan. Re'een na waraane yeroo jedhuun <<Rukuti >> jedhaan. Gufuun na rukute yeroo jedhuun <<Rukuti>> jedhaan. Furmaanni Abbaa isaa yeroo hunda "Rukuti" jechuu qofa ture. Mucichis barnoota kanaan ture kan guddate. Innis ni guddate, ni dargaggoome wanta argate hunda reebaa, rukutaa.
♦ Gaaf tokko Hoolota abbaa isaa keessaa isa tokko Abbaan isaa osoo isaaf hin eeyyamiin gabaa geessee gurguratee dhufe. Abbaan isaas maalif akka gurgure yeroo isa gaafatu "Qarshiin na barbaachisa" jedheen. Abbaan isaas aaree qancee Hoolota ittiin eeganiin mucaa isaa rukute. Yeroo sanas mucichi dhagaa kaasee Abbaa isaa rukutee ajjeese. Mucichaan maalif akka abbaa isaa ajjeese yeroon gaafadhu "Abbaan koo wanta na rakkise hunda akkan rukutu na barsiiseera. Abbaan koos waan na rakkiseefan isa rukute. Rukutuudhaan ala maal gochuun danda'a ture?" jedhee na gaafate. Mucaan kun waan biraa hin baranne waan ta'eef kan inni raawwate waan baratedha. Namni bu'aa barnoota isaati waan ta'eef" jedheen. Namichis (Inni qarshii hate) dubbichaan dinqamee qarshii isaa deebise.
Madda፦ Kitaaba Tiwuufiitii Ayihuudotaa Midraash.
Midrash ፦ "Early Jewish commentary on Scripture. The purpose is to bring it up to date for readers of each generation; it is a kind of interpretation, and also a work of reconciliation explaining an original narrative by the insights of a later age. ...... (A Dictionary of the Bible, Oxford University Press 2004)
0 Comments