Subscribe To Our YouTube Channel

Gola Tawaahidoo | Kutaa 1ffaa

Gola Tawaahidoo Kutaa 1ffaa



1. Tsiyoon Maariyaam ykn
Sadaasa Tsiyoon

♠ Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti kabaja ayyaanota afuurawaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kabajaman keessaa tokko sadaasa bultii 21 kan kabajamu "Tsiyoon Maariyaam" ykn "Sadaasa Tsiyoon" kan jedhamuun beekamudha. Manni Kiristaanaa keenya Qulqulleetti Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaan raajiiwwanii fi dinqiiwwan garaa garaa Taabotni Tsiyoon raawwatte amantoota isheef kan barsiistuu fi sirna afuurawaa adda ta'een kan kabajju Kitaabolee Qulqullaa'oo bu'uura godhachuuni. Hangafni Raajotaa Museen Tulluu Siinaa irratti guyyaa 40 fi halkan 40 erga tsoome booda Abboommiiwwan kurnan kan irratti barreeffaman Tsillaatii ykn Taabota Tsiyoon Waaqayyo harkaa fudhateera. Taabotni bultoo Waaqayyoo kunis harka Waaqayyoon Tsillaatii isaa irratti jechootni Oriitii ykn abboommiiwwan kurnan kan irratti barreeffamanii, Museef kennamanidha. Haa ta'u malee garuu Museen Taabota bultoo Waaqayyoo isaaf kenname kana cabsuu isaatiin Museen deebise akka Taabota isa duraatti akka hojjatu Waaqayyo isa ajaje; Museenis akkuma ajajametti hojjaa isaa dalgee isaas boca isaas osoo wal hin caalchisiin akkuma ajajametti erga hojjate booda Tsillaatii abboommiiwwan kurnan of irraa qabu keessa kaa'e. Tajaajilaafis Dunkaana wal gahii keessa kaa'uun tajaajilaa, tajaajilamaa fi Taabota kanas ulaa turan. Haala kanaanis Taabotni Tsiyoon waggoota hedduuf Dunkaana Oriitii keessaa erga turte booda bara mootii Solomoonitti gara Mana Qulqullummaatti galte.

√ Sabni Israa'eel godaansa gara Gibxiitti karaa abbaa isaanii Yooseef torbaatama ta'aanii godaananiin; waggoota heddduudhaaf Gibxii keessatti cunqursamaa; dhibbaan cimaan irra gahaa waggoota hedduudhaaf turaniiru. Waaqayyos boo'ichaa fi gidiraa saba isaa irra gahe erga dhaga'ee ilaaleen booda hangafa Raajotaa Musee kaaseef. Museenis obboloota isaa waliin ta'uun gargaarsa Waaqayyoon saba isaanii Gibxiidhaa baasaniiru.

√ Barri Addaamii kaasee hanga Museetti ture bara seera laphee jedhamuun beekama ture. Baroota kana keessaatti namoonni fi abbootiin turan seera barreeffamee ture kan ittiin durfaman waan hin qabneef seera lapheetiin jiraatu turan.

1.1 Seera Laphee /Higge Libbuna/

   Seera Laphee jechuun sammuu ilma namaatti uumamaan kenname keessa beekumsa jirudha, bara isaaniitti jechuunis Kitaaboleen Oritii Musee shanan osoo hin barreeffamiin dura Kitaaba Henook fi Kitaaba Iyyoobiin ala Kitaabni waan hin jirreef Kitaaba Seeraa waan hin qabneef Seera Laphee jedhameera. Fknf; Abrahaam uumaa isaa kan argate Seera Lapheen qorateetu.

Kitaabni Henookis kan barreeffame waa'ee Seeraaf osoo hin taane, waa'ee sochii fi haala Aduu, Urjii, Adeessaa; Samiitti osoo dhokate (tesewro) jiruu Ergamoonni Henookiif ibsanii kan barreesse dha. Yih. :14, Uma. 5:21. Kitaaba Iyyoobiin wal qabatee garuu namoonni hedduun Museen akka barreesse ni amanu. Ta'ees garuu bara sanatti Afuurawaas ta'e kan Foonii Kitaabni Seeraa bara sanatti akka bara kanaatti barreeffame jiraachuu dhabuyyuu namni hundiyyuu Waaqayyo abbaa murtee (danya) taasifatee yaada sammuu isaan socho'a ture, Waaqa isaaniis Seera Lapheen Waaqessu ture. Room. 2:12.

Bara sanatti namoonni Addunyaa irra jiran hundi afaan ykn qooqa tokkoon qofa jechuunis Afaan Ibraayisxiin qofa dubbatu turan. Afaan tokkichi kun afaan Ibraayisxii osoo hin taane afaan Gi'iziiti warri jedhanis jiru. Ta'us garuu dhuma irratti balleessaa cimaa hojjataniin Waaqayyo afaan isaanii jijijjiire, kanaanis lafa irratti afaan namaa gargar ta'ee hafe.

√ Museen Kitaabolee Oritii shanan kan barreesse Waaqayyo waliin dubbachaati dha. Kanumaanis Museen yeroo 570 Waaqayyo waliin jechaa jechatti (qal beqal) dubbateera, Addaam irraas dhaloota 27ffaa dha. Barri Addaamii kaasee hanga Museetti jirus Seenaa Waggoota 3844 ti. Barri kunis bara Abbootii jedhameera.

√ Barri Musee irraa kaasee hanga dhaloota Iyyesuus Kiristoositti ture ammoo bara Seera Oriitii jedhamuun beekama. Bara kanattis Museen Waaqayyo harkaa kan fudhate abboommiiwwan kurnan kan ofirraa qaban Taabotni ykn Tsillaatiiwwan kan turanidha. Sabni yeroo kana turanis abboommiiwwan kurnan kanaan caalmaatti buluu fi durfamu turan.

√ Maqaa Taabota Tsiyoon jedhu kanas kan argate magaalaa Israa'eel keessatti argamtu Tsiyoon irraati. Tsiyoon jechuunis dawoo, hirkoo jechuudha.

√ Waaqayyos Museen Dunkaana Taabota Tsiyooniif akka hojjatu itti himeera.

2. Hidaar Tsiyoon

√ Taabotni Tsiyoon Warren Waaqayyo amananiif, warreen seeraa fi abboommii Waaqayyoo eeganiifi raaawwataniif karaa garaa garaatiin dinqiiwwan garaa garaa raawwachaa turteerti.
√ Israa'eeloonni yeroo seeraa fi abboommii Waaqayyoo eegan, Waaqayyo Taabota Tsiyoon kana irra buluun isaan ni gargaara ture isaanis diinota isaanii ni injifatu turan, faallaa kanaa ammoo yeroo Israa'eeloonni abboommii Waaqayyoo eeguu didanii fi yeroo wanta Waaqayyo jibbu raawwatan diinita isaaniin ni injifamatamu, Taabotni Tsiyoonis ni booji'amti turte.

√ Bara sanatti Hangafa Lubootaa Eelii jedhamutu ture, umuriin isaas naannoo waggaa 98 ture. Innis ijoollee lama Afniinii fi Fiiniihas jedhaman qaba ture, isaanis ajajaa fi gorsa Abbaa isaanii diiguun cubbuu Waaqayyo duratti jibbisiisaa ta'e hojjachuun Waaqayyo gaddisiisan. Fedhii ofii isaaniitiin ka'uudhaanis seera fi Abboommii Waaqayyoo cabsan. Badiin isaan uummata irratti geessisanis dabalaa deeme.

√ Afniinii fi Fiinihaas sababa cubbuu isaaniitiin Waaqayyo isaan irraa waan adda ba'eef warreen Filisxeemotaa diinummaan Israa'eelota irratti ka'an. Israa'eeloonnis ijoollee Eelii waliin ta'uun Taabota Tsiyoon qabatanii gara Filisxeemitti duulan. Erga Waraanichi eegalees duuti namootaa dabalaa dhufe.Waraanicha irrattis Afniinii fi Fiinihaasis ni du'an. Taabotni Tsiyoonis Filisxeemotaan ni booji'amte. Namoonni hedduunis waraanicha irratti ni dhuman. Waraanicha harkaa kan ba'e namni tokkos gara Eelii deemee Israa'eeloonni injifatamanii baqachuu isaanii, ijoolleen isaa lamaan Afniinii fi Fiinihaas du'uu isaanii fi Taabotni Tsiyoonis booji'amuu ishee itti hime.

√ Eeloofiyaalonnis Taabota Tsiyoon booji'anii erga fudhataniin booda Xaa'otii ykn Waaqa tolfamaa Daagoon jedhamu isaanii jala ishee ka'an. Borumtaa isaas tajaajiltoonni Xaa'otii Daagoon Xaa'otii isaanii uluuf dhufanii yeroo ilaalan Daagoon Taabota Tsiyoon fuulduratti adda isaatiin gombifamee isa argan. Daagoon kufe kanas kaasanii isa dhaabanii biraa deeman. Borumtaa isaas dhufanii yeroo ilaalan adda isaatiin gadi gombifamee, harki isaa gargar ba'aanii, qubni isaas ciccitanii bittinna'aanii ture. Isaanis dheekkamsa Waaqayyoon ni rukutaman. Taabota Tsiyoon irra garuu balaan homtuyyuu irra hin geenye ture. Tajaajiltoonni Xaa'otii Daagoonis raajii dinqii Taabotni Tsiyoon raawwatte arganii ni ajaa'ibsiifatan. 1 Saam. 5:1-7.

√ Uummannis qaama isaanii irraatti dhukkubni dheekkamsaan dhufe ka'uu isaatiinifi isaan ajjeesuu isaaniitiinis, warreen kaanis dhukkuboonni garaa garaa isaan qabuu isaaniitiin sababa dheekkamsa kanaan midhaan isaaniis Hantuutaa fi horiin isaaniis dhukkubaan jalaa du'an.

√ Taabotni Tsiyoon Filisxeemota irratti dinqiiwwan akkasii raawwachaa ji'oota torbaaf turteerti. Ji'oota torba boodas Filisxeemonni Taabota Tsiyoon gara biyya isheetti deebisuuf Warqee hedduu saanduqatti fe'uun Saragallaa irra kaa'uun saawwaniin harkisiisaa gara biyya isheetti ergan. Israa'eeloonnis deebi'uu Taabota Tsiyoon yeroo dhaga'anitti Ilillee fi Faaruudhaan simatanii gara mana Amiinaadaabitti ishee galchan. Achis yeroo dheeraaf turteerti. Manni Aminaadaabis sababa Taabota Tsiyooniin isaaf eebbifameera. 1 Saam. 7:2.

√ Mootichi Daawwit Taabotni Tsiyoon yeroo gara magaalaa isaatti dhuftetti teessoo isaa irraa ka'ee faarfachaa kabajaa fi galataan ishee simateera. Aarsaa hedduus taasiseera. 2 Saam. 6:14.

√ Taabotni Tsiyoon mootii Daawwit irraa kaasee hanga bara mootii Solomoonitti Dunkaana Oriitii keessa erga teesse booda Mana Qulqullummaa Solomoon ijaarsise keessa seenteerti. 1 Moot. 8:1-12

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Itti fufa!

Post a Comment

0 Comments