Subscribe To Our YouTube Channel

Daandii Abbootii | Kutaa 1ffaa

Daandii Abbootii



Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen!

Mata Duree «Daandii Abbootii» jedhu kana jalatti kutaa kutaan akka fedha Waaqayyootti Baroota Arfan, Seenaa Raajotaa, Seenaa Duuka Bu'ootaa, Seenaa Qulqulloota Itoophiyaa fi k.k.f ni ilaalla isinis nu hordofaa, dubbisaa!

1. Baroota Arfan

Abbootiin Mana Kiristaanaa akka ibsanitti Addunyaan erga uumamtee eegalee, jechuunis Uumama Addaamii kaasee hanga dhufaatii Kiristoositti kan jiru yeroowwan Kakuu Moofaa iddoo afuritti qoodamu. Isaanis;

1. Bara Abbootii /Zemene Aabew/
2. Bara Abbootii Firdii /Zemene Mesafint/
3. Bara Moototaa /Zemene Negestat/ fi
4. Bara Lubootaa /Zemene Kahinat/ dha.

Abbaan keenya Addaam turtii isaa Jannataa kan waggaa torbaa xumuree adabbiif yeroo gara lafaatti godaanu hangamiyyuu ilma namaa ta'u kan balleesse; Waaqayyoo Addaam fi ijoollee isaa hin dhiisne ture waan ta'eef, gatii kanfalee isaan fayyisuuf dhufe. Dhufaatii Kiristoos dura waggoota turan 5,500 keessatti garuu jecha, jechaan isaanitti dubbata ture. Uma. 3:10, 9:1, 12:1... . Jaalattoota Waaqayyoo kan jedhaman Abbootiin, Tolootni, Raajonni bara kana turaniiru, jaalala Kiristoosiif jedhaniis Wareegamummaa Raajonni fudhatan, osoo hin du'iin kan ol ba'anii hanga har'aatti biyya jiraattotaa kan jiran Abbootiin Eebba Waaqayyoo hawwanii ykn barbaadanii deemsa isaanii Waaqayyo waliin taasisan Qulqulloonni baroota kanatti argamaniiruu. Nutis bu'uurota kan ta'an kanatti aansinee gaggabaabsinee dhiyeessina.

1.1 Bara Abbootii

Addaamii jalqabee hanga Museetti barri jiru bara Abbootii jedhamee waamama. Kitaabolee waan hin qabneef seerichi seera laphee jedhama. Abbaan keenya Addaam Jannata keessa waggaa 7, lafa irratti ammoo waggaa 923 Walumaa galatti Addaam waggaa 930 erga jiraate booda boqoteera. Uma. 5:5. Ijoolleen isaas harka Sillaaseen yeroo jalqabaaf kan uumame lafee /ekeraa/ Addaam osoo hin awwaaliin kadhannaa isaaf gochaa ka'anii turan. Kunis wal qabachaa dhufee hanga Nohitti gahe, Nohis gara Doonii yeroo seenu qabatee seene, itti aansees yeroo bishaan badiinsaa hir'atu Seemiif, Seem ammoo Mootii Saaleem kan ta'e Malkatsedeqiif kenne. Uma. 14:18 Malkatsedeqis ekericha ykn laficha sana ulaa jiraate. Innis Luba Kakuu Moofaa waan tureef. Faar. 110:4, Ibr. 7:1. Malkatsadeq jechuun Afaan Ibraayisxiin "Mootii dhugaa" jechuudha. Qulqulluun Phaawuloos waa'ee dhaloota Malkatsedeq yeroo barreessu, haadhaa fi abbaa hin qabu, yeroon itti dhalates; jalqabni isaa fi dhumni isaas hin beekamu jedha. Sababni inni kana itti jedheef inni guddaan dhaloonni isaa karaa Qomoo Ormootaa ykn Ahizaabota waan ta'eef fi yeroo sanatti Yihudonni Qomoo isaaniin ni boonu waan ta'eef Ayihudoota gammachiisuuf dubbate malee dhaloonni Malkatsadeq akka nutti himutti Ilma Mootii Gibxii Wanoobaa kan Kana'anitti Mootii ta'e jedha. Iyyerusaaleem kan hundeesse Siiduu kan jedhamu mootii Sudaan fi Gibxii yoo ta'u, karaa Gibxii darbee warra Kana'an ni gabbarsiisa ture, Betesayidaanis kan moggaafamte Siiduu dhaani. Siiduunis Saaleem dhalcha, Iyyerusaaleem Saaleemiin moggaafamteerti, Saaleemis Milikinii fi Malkatsadeq dhalche. Malkatsedeqis aangoo Lubummaa isaan Abrahaam eebbiseera. Nooh bara addunyaa 652 tti dhalate, Addaam irra kaasee yeroo lakka'amu dhaloota 10ffaa irratti argama. Bishaan badiinsaa booda Waaqayyo Noh waliin Waadaa taasiseera, dhaloonni hundi erga cubbuu hojjeteen bade booda ijoollee Noh sadan jechuunis; Seem, Kaam fi Yaafeet abbaa isaanii fi haadholee manaa (Niitiiwwan) isaanii waliin hafaniiru. Har'a sanyiin namaa jiru hundi, Adiin, Gurraachi, Habashaan [3] hundi Qomoo Seem, Kaam fi Yaafeet qofa. Abbaan isaanii garuu tokkicha Addaamidha. Uma. 7:1

1.1.1 Seera Laphee

Seera Laphee jechuun sammuu ilma namaatti uumamaan kenname keessa beekumsa jirudha, bara isaaniitti jechuunis Kitaaboleen Oritii Musee shanan osoo hin barreeffamiin dura Kitaaba Henook fi Kitaaba Iyyoobiin ala Kitaabni waan hin jirreef Kitaaba Seeraa waan hin qabneef Seera Laphee jedhameera. Fknf; Abrahaam uumaa isaa kan argate Seera Lapheen qorateetu. Kitaabni Henookis kan barreeffame waa'ee Seeraaf osoo hin taane, waa'ee sochii fi haala Aduu, Urjii, Adeessaa; Samiitti osoo dhokate jiruu Ergamoonni Henookiif ibsanii kan barreesse dha. Yih. :14, Uma. 5:21. Kitaaba Iyyoobiin wal qabatee garuu namoonni hedduun Museen akka barreesse ni amanu. Ta'ees garuu bara sanatti Afuurawaas ta'e kan Foonii Kitaabni Seeraa bara sanatti akka bara kanaatti barreeffame jiraachuu dhabuyyuu namni hundiyyuu Waaqayyo abbaa murtee taasifatee yaada sammuu isaan socho'a ture, Waaqa isaaniis Seera Lapheen Waaqessu ture. Room. 2:12. Bara sanatti namoonni Addunyaa irra jiran hundi afaan ykn qooqa tokkoon qofa jechuunis Afaan Ibraayisxiin qofa dubbatu turan. Afaan tokkichi kun afaan Ibraayisxii osoo hin taane afaan Gi'iziiti warri jedhanis jiru. Ta'us garuu dhuma irratti balleessaa cimaa hojjataniin Waaqayyo afaan isaanii jijijjiire, kanaanis lafa irratti afaan namaa gargar ta'ee hafe. Gara dhimma keenya duraatti yeroo deebinu Museen Kitaabolee Oritii shanan kan barreesse Waaqayyo waliin dubbachaati dha. Kanumaanis Museen yeroo 570 Waaqayyo waliin jechaa jechatti  dubbateera, Addaam irraas dhaloota 27ffaa dha. Barri Addaamii kaasee hanga Museetti jirus Seenaa Waggoota 3844 ti. Barri kunis bara Abbootii jedhameera.

1.2 Bara Abbootii Murtee (Abbootii Firdii)

Barri Iyyaasuudhaa kaasee hanga Saa'oolitti jiru bara abbootii Firdii jedhamuun waamama, Iyyaasuu jechuun 'Fayyisaa' jechuudha, Museetti aanee itti gaafatamummaa Musee fudhachuun Israa'eloota dursee hanga lafa dhaalan /midre rust/ isaanii galanitti kan isaan durse isadha. Iyyaasuun Awusee jedhamees ture, Lakk. 13:8, Kaaleeb hojii isaa hundatti isa gargaara ture, Lakk. 13 fi 14, Barri Abbootii Firdii seenaa waggaa 389 qofadha. Baroota kanatti garuu Abbootiin Firdii Waaqayyoo gammachiisanii fi gaddisiisan jiraataniyyuu nuti garuu deemsa isaanii Waaqayyo waliin taasisanii fi nuufis barumsa kan ta'an muraasa filannee ilaalla. Museen abbaa firdii jalqabaa yoo ta'u Saamu'eel ammoo isa dhumaati. Kanaafis Musee duras ta'e Saamu'eel booda Israa'eelitti abbootiin firdii hin turre jechuu dandeenya. Musee irraa eegalee hanga Saamu'eelitti Raajonni maqaan isaanii caqasamee jiru lakkoofsaan 11 yoo ta'an, kan maqaa isaanii hin caqasamne Raajonni 71 ni jiru Raajonni Dubartootaa sadis turaniiru walumaa galatti 82 ta'uu isaanii Kitaaboleen nutti himu. Barri Aboota Firdii kan xumurame ykn goolabame Dh.K.D bara 1093 tti. Iyyaasuun Israa'eel bara dursaa turetti innis akkuma Musee wantoota dinqii hedduu hojjeteera. Lafa Abdii (promised land) Waaqayyo isaaniif kenne yeroo gahan Iyyaarikoon dallaan ijaaramtee karaa itti seenan yeroo dhaban, Amantaa dhaan guyyaa torba yeroo naanna'an dallichi jijjigee lafa ykn biyya dhaala isaanii dhaaluuf danda'aniiru. Ibr. 11:30 Inni kan biraa lafa dhaalaa funyoo dhaan safaraa osoo uummataaf hiraa jiruu guyyaan itti dhiinaan Samii Gabaa'oon irratti Aduun akka hin lixne dhorkee dhaabe, Israa'eloonni lafa isaanii erga argatan booda Aduun lixxeerti. Kunis Dh.K.D seenaa bara 1520 raawwatedha.

Iyyaasuun umurii isaa waggaa 110 tti erga boqote booda abbootiin firdii garaa garaa saba Israa'eel qomoon qoodanii bulchaa turan. Geede'oonii hanga Saamu'eelitti Israa'eel kan dursan abbootii firdii sagal yoo ta'an isaan kana keessaa; Abemelek, Tolaa, Iyyaa'ir , Yoftaahee, Abtsaan, Eeloom, Abdoon, Soomsoon, Eeliin fa'a hangafoota yoo ta'an walumaa galatti garuu 17 dha.

Israa'eloonni Seera Waaqayyoo dhiisanii Xaa'otii (Waaqa Tolfamaa) yeroo dhaabanitti Waaqayyo barumsa akka isaanii ta'uuf diina isaanitti kaasa, yeroo kanas Xaa'otiiwwan isaanii caccabsanii gara Waaqayyootti yeroo iyyanis Waaqayyo nama goota isaaniif kaasee isaan oolcha ture. Kitaaba Abbootii Firdii 2-11, Kanaanis barri abbootii firdii kun bara Saamu'eelitti dhaabbateera, xumurameera.

1.3 Bara Moototaa /Zemene Negestat/

Bara Moototaa kan jedhamu bara Mootii Daawwitii hanga Zarubaabelitti jirudha. Daawwit hangamiyyuu mootii Israa'eel ta'uyyuu, Waaqayyoodhaan garuu Mootii koo jedha ture. Faar. 5:2. Daawwitii kaasee hanga Sedeqiyaasitti mootota hedduutu ture garuu isaan keessaa muraasota isaanii qofadha kan Waaqayyo duuka bu'an.

1.3.1 Mootii Israa'eel jalqabaa Naa'oos Amoonaawwii diinni jedhame Uummata Israa'eeliin ija keessa mirga mirgaa naaf gabbaraa jedhee diinummaan irratti ka'a. 1 Saam. 11:2. Bittaan cubbuu hamaa akkasii Israa'eel irratti mul'ate waan hin beekneef Israa'eel diina isaaniitiin Ilkaan Arbaa, Warqii, Meetii kan biraas horii fi Gaala yoo ta'e malee akkamitti ija keenya siif gabbarra, kunimmaa hin ta'u jedhanii bara sana kan ture Raajicha Waaqayyoo Saamu'eeliin mootii nuuf muudi, dursummaa isaatiin ni waraanna jedhanii gaafatu. Innis muuduu isiniifan muuda garuu isinuma keessaan isiniif muuda yoo isin miidhe hoo? jennaaniin isaan garuu diina keenya qofa nuuf haa balleessu malee haa ta'u jedhaniin innis isaan beellame. Qomoo Biniyaamii Qiis namni jedhamu Harroonni jalaa badanii mucaa isaa Saa'ool, daa'ima isaa Abaneer qabatee biyyaa biyyaatti osoo barbaaduu daandiiwwan Efreem irra gahe, asiinis hin jiran kanaafuu abbaan keenya baduu keenyatti ni gadda waan ta'eef haa deebinu jedhanii, Raajiin Waaqayyoo as jira nutti hima waan ta'eef gara isaatti haa deemnu jedhanii gara Raajicha Waaqayyootti deeman. Waaqayyoos Raajichaan boru daa'ima gara kee dhufu isa mootii taasisi muudiif jedheenii ture waan ta'eef Saa'ool waa'ee baduu Harroota sanaa gaafachuuf yeroo deemu saba Israa'eeliif Mootii akka ta'u filatamuun isaa itti himame. Guyyaan Afurtamni sun yeroo dhumus Qomoowwan Israa'eel kudha lamaan qabatee gara Maseefaatti ba'e, ulee keessan naaf kennaa jedhee yeroo carraa buusuu carrichi karaa qomoo Biniyaam ba'e, karaa Qomoo Biniyaam yeroo buusu Qomoo Maaxariif ba'e, kana booda namni hir'achaa dhufeetu Qomoo Qiisiif gahee, ijoollee Qiisiif yeroo buusu Saa'ooliif ba'e. Mootiin keessan kunoo jedhee kenneef, kana booda diina isaanii ija keessan mirgaa naaf gabbaraa jedhee isaan ka'ee ture Naa'os Amoonaawwii injifatee deebi'eera. Kana booda Israa'eloonni Waaqayyo uumaa keenya, Saa'ool Mootii keenya jedhanii isa simatan.

1.3.2 Saa'ool maalif tarree Moototaa hin galle?

Sababni Saa'ool tarree Moototaa keessa hin galleef;

1. Saa'ool Amaleqawoota balleessee akka dhufu Waaqayyo irraa ajajamee karaa ilma isaa dursummaa Yoonaataaniin injifatee yeroo deebi'u wanta hin ajajamne booji'ee dhufuu isaatiin Raajichi Saamu'eel mufatee waan isatti dheekkamee fi eyyama Waaqayyoo malee iddoo Raajichi hin jirretti Aarsaa dhiyeessuu isaatiin Mootummaan isaa akka hin cimne fuuldura Waaqayyootti akka tuffatame itti himameera. 1 Saam. 13-8-14

2. Israa'eelitti seerri Lubummaa qomoo Leewwiitii, Mootummaan qomoo Yihudaatii hin ba'u waan ta'eef, inni garuu qomoowwan 12'n keessaa qomoo xiqqaa Biniyaam irraa waan ta'eef Israa'eloonni akka Mootiitti isa hin hin simanne ture. Uma. 35:18.

3. Saa'ool hojii isaaf hin ajajamne yeroo hojjetetti Saamu'eel itti dheekkamee yeroo ba'u, uffata isaa yeroo qabatu uffanni Saamu'eel ni tarsa'e, yeroo kana Waaqayyo Mootummaa kee tarsaa'e jedheenii ture waan ta'eef, Mootummaan Saa'ool kanaan tarsa'e.

4. Eeyyama Waaqayyoo malee Israa'eloonni Saamu'eeliin Mootii nuuf muudi jedhanii waan isa rakkisaniif qofa waan ta'eef kan Saa'ool Mootii taasiseef. Sababoota kanaa fi kana fakkaatanii Saa'ool Mootii Israa'eel jalqabaa jedhamee waamamuu hin dandeenye. Kanaafuu Mootiin Israa'eel jalqabaa Raajicha Daawwitidha.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Itti fufa!

Post a Comment

0 Comments