Subscribe To Our YouTube Channel

Caamsaa 21-25 Dabra Mixmaaq

Dabra Mixmaaq

Baatii ykn Ji'a Caamsaa keessa akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Ayyaanotni haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kabajaman baay'inaan ykn lakkoofsaan 6 dha. Isaan kunneenis ayyaanota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam 33 keessatti kan argamanidha. Akkasumas ayyaanota gurguddoo 5'n haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam keessas kan jiranidha.

→ Ayyaanonni haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam 33'n fi gurguddoo 5'n eenyu fa'i? tuquun dubbisaa!

Ayyaanonni jahan ji'a Caamsaa keessa kabajaman kunneenis

1. Dhaloota Dubroo Maariyaam - Caamsaa 1
2. Caamsaa 21-25 tti kan guyyoonni shanan ammoo Dabra Mixmaaq jedhamuun beekamu.

Nutis hardha barreeffama keenya kanaan Ayyaanota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ji'a Caamsaa keessa kabajaman hunda Seenaa isaanii tartiibaan ni ilaalla.

1. Caamsaa 1 (Dhaloota Dubroo Maariyaam)

→ Caamsaan tokko guyyaa itti haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam itti dhalattedha. Seenaa hidda dhaloota Dubroo Maariyaamis ksnatti aansinee haa ilaallu. Ayyaanota gurguddoo haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam 5'n keessaas tokko Dhaloota Dubroo Maariyaam kanadha. Arfan hafan hoo? dubbisaa

Dhaloota Dubroo Maariyaam

Bara Kakuu Moofaa keessatti biyya Iyyerusaalem ykn biyya Israa'eel keessa Teektaa fi Pheexriqaa namoonni jedhaman hidha Qulqulluun murtaa’anii jaalalaan jiraachaa turan.  Namoonni kun waaqayyoon kan sodaatan turan garuu qabeenya qaban kan isaan dhaalu, akkasumas ilma keenya nu gargaara kan jedhan ija isaanii irra kan buufatan dhala waan hin qabneef baayyee gaddaa turan. Guyyaa tokko Teektaan qabeenya qabu hundaa erga ilaale booda abdii kutachuun gara Pheexriqaa (gara haadha manaa) isaa deemee «Obboleettiikoo qabeenya akkanatti walitti qabanne kana eessaan dhaqna ilma nu dhaalu hin qabnu atis dhabduudha ani ammoo siin ala dubartii biraa hin beeku» jechuun itti dubbate. Isheen garuu fuula ishee gurrachessitee gadda guddaadhaan «Gooftaakoo! Waaqayyoon anaan yoo dhala na dhoowwate ati akkanatti haftaaree? dubartii biraa bira deemii dhala argadhu malee ilmikee ati dhalchite qabeenya keenya akka dhaaluuf eyyameera» ittiin jette. Akkuma beekaan Solomoon «Afaan Qulqullootaa burqaa jireenyaati» Fakkeenya 10:11 jedhee dubbate, inni garuu «Kana raawwachuu mitii akkana gochuuf akkan hin yaadne Waaqni Israa’eel ni beeka» jedhee deebiseef.

Guyyaa tokko garuu jarreen eebbifamoon kun abjuu abjootan, abjuu isaanii kanaanis :- Jabbii Adiin tokko dallaa isaanii keessa yeroo baatuu argan,  isheenis jabbii biraa yeroo isheen dhaltu argan,  isaanis wal horaa hanga dhaloota jahatti wakfakkat aa dhalaa itti fuftee Jabbiin isheen  Jahaffaan Addeessa dhalte, Addeesittiin ammoo Aduu yeroo isheen deessu argan. Teektaa fi Pheexriqaan yaadni kun ulfaataa ta'uu isaa hubatanii gara nama abjuu hikuutti deeman, nama abjuu hiiku sanattis wanta argan hunda itti himan innis wanta isaan itti himan kana seeraan dhaggeffatee booda akkas jedhee hiikeef, «Waaqayyoo ija dhiifama isaatiin isin ilaalera, Jabbiiwwan jahan yeroo waldhalan arguun keessan dubartoota dhala dhalaa jaha dhalchuu fi dhaluu keessani Jahaffaan Addeessa dhaluun ishee nama caala kan caaltuu fi ergamoota caalaa kan kabajamte deessi,  kan Aduu kun garuu anaaf ifa hin taane tarii Mootii ykn Raajii ta'uu danda'a.» Yeroo kana Pheexiriqaanis «Dhugumatti Waaqayyoon wanta godhu eenyutu beeka?» jette.  Akkuma «Abaarsi Waaqayyoo mana cubbamtootaatti eebbi isaa garuu mana Qulqullootaatti» Fakk. 3:33,  jedhame kana booddee Pheexiriqaan garaatti baattee Ji'a sagaliin booda dhala dubara argatan. Isaanis akkuma seera Hooriitiitti guyyaa saddeettaffaatti dhala argatan kan maqaa ishee He'eemeen jedhanii waamani. He'eemeenis akkamu maatii ishee Waaqayyoon nama sodaatu waliin bultii horattee dhala argattee maqaa ishees Deerdeen jette waamte hiikaan isaas «Gosa sanyii abbootirraa kan dhalatte» jechuudha. Deerdeenis dhala argattee maqaa ishee Toonaa jettee moggafteef hikaan isaas «Mullata arginee jecha dhageenyee dhala arganne» jechuudha.

Toonanis dhala argattee maqaa ishee Siikaar jettee mogaaste hiikaan isaas «Kezemedoch wegen ykn karaa ykn Qomoo warra firootaa» jechuudha. Siikaaris dhala argatte maqaa ishee Hermellaa jettee moggaafteef, hiikaan isaas «sanyii kabajaman keessaa kan dhalatte» jechuudha. Hermellaanis dhala argattee maqaa ishee Haannaa jechuun moggaasteef, hiikaan isaas «Amantaa fi hojiidhaan kan cimte, qulqulluummaa fi eebbaan kan guutamte umama gaarii» jechuudha.

Seenaa kana yeroo ilaallutti sanyii kana keessa ilmi dhiiraa hin jiru jechuu keenya miti kaayyoo kaanee fi abjuu duraan ilalle sanaaf hiikadha jedhamee seenaa lafa ka’amee malee.
Kanuma irra ka’uun Haannan matii isheen haala gaariidhaan sodaa Waaqayyoo keessa isheetti horachaa guddattee yeroo umuriin ishee ga’etti abba manaa sanyii mootii keessaa nama Waaqayyoon sodaatu tokko waliin bultii horatte maqaan isaas Iyyaaqeem jedhama ture. Kanuma irraa ka'uun sanyiin eebbifamoo keessa darbanii kan dhufan Qulqullicha Hiyyaaqeemitti heerumte. Qulqullichi Iyyaaqeemi fi Qulqulleettii Haannaan jaalala gaariidhaan osoo jiraachaa jiranii wanti gaddisiisaan tokko isaan qunname innis dhala hin qaban ture, kanumaayyuu yeroo hunda gara mana qulqullummaa deemanii aarsaa isaanii ni dhiheessu, Waaqayyos akka fedha, hawwii isaanii guutuuf ni kadhatu ture.

Guyyaa tokko gara mana Qulqullummaa deemanii aarsaa dhiheessuuf yommuu jedhan Lubni yeroo sana ture Roobeel kan jedhamu «Aarsaa warra dhala hin qabnee hin fuudhiin! jedha, isin Waaqayyoon baayyadhaa lafas guutaa jecha jedhe hambistaniituutii osoo isin jaalata ta’ee dhala isinif hin kennu turee? wanta isin jibbeefi malee, aarsaa keessan isinirraa hin fuudhu!» jedheen. Yeroo kana keessi isaanii gaddaan guutamee gara mana isaanitti deebi’an. Gadda kanaan guutamanii guyyaa tokko gaaddisa mukaa jala ta’aanii Makoodiiwwan yeroo ijoollee isaanii waliin taphatan argan, yeroo kana Qulqulleettiin Haannaa «Mukkeen daraaranii firii buusu, Simbirroonnis amaluma isaanitiin akka wal horan kan taasistu yaa Waaqayyoo kan koo umamni dhakaarraayii kan na uumte?» jettee baay'ee gaddite. Egaa kana booddee Haannaan immimmaan guddadhaan gara Waaqayyootti boosse. Akkuma Qulqullichi Daawwit «Yeroon dhiphadhetti Waaqayyoon waammadhe, gara isaattis nan iyye, innis Mana Qulqullummaa isaa keessaa jecha koo dhagahe, iyyi koos gara gurra isaa deeme» Faarsaa 17/18:6 jedhee dubbate. Qulqulleettii Haannaa fi Qulqullichi Iyyaaqeem gara mana isaanii galan. Mana isaanii gahanii «Ilma dhiiraa yoo nuuf kennite qotee, qofforee, bu’ee ba’ee nu haa gargaaru hin jennu tajaajilaa mana Waaqayyoo ta’a, akkasuma dubaras yoo arganne,bishan waraabdee, qoraan cabsitee nu haa gargaartu hin jennu, akka isheen mana Waaqayyoof maso
obii warqee, magaarajaa ykn golgaa qopheessitee haa jiraattu»
jedhanii wareegan, kanuma irraa ka’uun abjuu abjootanii bulan.

Hagayya torba (7) Qulqulleettiin Haannaa haadha Keenya Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam garaatti baatte. Yeroo kanatti Dubroon Maariyaam garaa haadha ishee keessa osoo jirtuu Raajii baay'ee hojjetteerti, akkuma raajonni akka Elsaa lafee isaaniitiin du’aa kaasan, bara abbootii Duuka Bu’ootaatti ammo Qulqulluun Pheexiroos gaaddisa isaanitiin dhibamtoota fayyisaa akka turan 2 Mot. 13:21, HDB 5:15. Haati keenya Qulqulleettiin Durboo Maariyaamiinis yeroo dhuma gadaamessa Haadha ishee keessa jirtu Adaadaan ishee Baarseebaa jedhamtu tokko ija tokko qabdi ture guyyaa tokko Qulqulleettii Haannaa bira teessee Waaqayyoon si yaadateera, Harmikee gurracha’e jettee garaa Qulqulleettii Haanna harka isheetiin erga tuqxee booddee ija ishee ittiin sukkummattee ijji ishee banameef. Akkasumas Saaminaas namni jedhamu tokko ilmi eessuma ishee yeroo boqotee Haannaa baay'ee waan isa jaalattuuf luka siree reeffi isaa irra jiru sana qabattee boo’aa jirtutti gaadisni Qulqulleetti Haannaa irra bu’e ture yeruma kana reeffi suni ka’eera. Kanuma irraa ka'uun warri Yihuudotaa kana dura sanyii isaanirraa kan tahan kan akka Daawwit, Solomoon waggaa Afurtama, Afurtama nu bulchaniiru, kan ishee kana irraa dhalate ammo akkam nu haa godhu? jechuun diinummaadhaan irratti ka’an. Akkuma «namoota Waaqayyoon sodaatan duukaa Ergamoonni Waaqayyoo ni buufatu, ni fayyisus» Faar. 33:7 jedhame Waaqayyoon ergamaa isaa akka qulqullota kana biyyicha kessaa baasu ergeef. Ergamaan ajajames Qulqulleettii Hannaa fi Qulqullicha Iyyaaqeemiin fuudhee gara Tulluu Libaanoositti deeme, akkuma Mootichi Solomon raajiidhaan «Miissirroon Libaanoosii ni baati» jedhee dubbate. Weedduu Weedduu caalu 4:8.

Tulluudhuma kana irratti Qulqulleettii Haannaan Qulqulleettii Haadha keenya Durboo Maariyaamii caamsaa tokko deesse. Qulqullichi Iyyaaqeemii fi Qulqulleettiin Haannaa gammachuudhaan guutamanii tolummaa Waaqayyoo aja’ibsiifachaa guyyaa torba achi turan, maqaa ishees «Maariyaam» jedhanii moggaasaniif, kunis «kennaa Waaqayyoo» jechuudha. Guyyaa torba booddee gara mana isaaniitti deebi’anii galan, isaanis jireenya isaanii keessatti Waaqayyoon galateeffachaa erga yeroo daa’imummaa ishee xummurtetti Abbaa fi Haadha ishee waamtee taphachuu qabde,  booda wareega nyaachuu ta’a wanta ta’eef osoo garranishee fira hin bariin afaan ishees midhaan hin bariin fuunee mana Waaqayyoof haa kenninu jedhanii fuudhanii gara mana Waaqayyoo geessanii Mana Qulqullummaatti galchan umurii ishee waggaa saditti kunis Mudde 3 yaadatama.

2. Caamsaa 21-25 (Dabra Mixmaaq)



Gibtsitti kan argamtu maqaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin kan ijaaramte Gullilaatii Mana Kiristaanaa Dabra Mixmaaq irratti Dubroon Maariyaam Caamsaa 21-25 tti walitti fufiinsaan ibsamuu ykn muldhachuu isheetiin, Sabni Kiristaanaa Ayyaana yaaadannoo ishee ni kabaju.

Haati keenya Qulqulleettiim Dubroo Maariyaam ilma ishee Iyyesuus Kiristoos waliin gara dachee Gibtsiifi Itoophiyaatti yeroo godaantee turtetti iddoo yeroo ammaa kana «Dabra Mixmaaq» jedhamutti boqotanii ture. Gooftaa keenyas bakkicha eebbisee iddoo isheen itti ibsamtu ykn muldhattu akka ta'uuf Waadaa galeefii waan tureef, yeroon isaa yeroo gahetti Dabra Mixmaaq Gaddamamee (Kawaala ta'ee) iddoo buufannaa Monoksoota hedduu ta'e. Dabra Mixmaaqittis haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam ifa uffattee, raayyaan Ergamootaa isheetti marsayetoo yeroo sanattis Suraafeel Ultuu ykn Maa'ixantii isaanii qabatanii sagadaniif, akkas jechaas ishee galateeffatan «Abbaan Samii irraa ilaalee kan akka kee hin arganne, sirraas nama ta'e» (Kitaaba Sinkisaaraa, Caamsaa 21)

Wareegamtoonnis akka aangoo  kabaja isaaniitti haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiif sagaduuf icciitawaa kan ta'aan fardeen isaaniin irra ta'aanii gara isheetti dhiyaatan. Jalqaba irrttis hangafni Wareegamtootaa Qulqulluun Giyoorgiis hunda dursee ni sagadeef, boodarras warreen kaan bifa walfakkaataan sagadaniif. Kana boodas Qulqulluun Marqooriyoos farda isaa irra taa'ee gara isheetti dhufuun ni sagadeef. Qulqulloonnis kabaja isheef itti dhiyaatanii ni sagadaniif, itti aansuunis Mootiin Heeroods kan isaan ajjeesise Daa'imman Beeteliheem ni sagadaniif, jaalalaa fi gammachuudhaanis ni taphatan. Namoonni naannoo sana turan Kiristaanonnis, warreen hin amannes kana yeroo arganitti gammachuudhaan Addunyaa biraa keessa waan jiran itti fakkaata ture. (Kitaaba Sinkisaaraa, Caamsaa 21)

Namoota Dabra Mixmaaqitti walitti qabaman keessaa
Abbaa fi haati isaanii, firoonni isaanii, akkasumas hiriyoonni isaanii namoonni jalaa du'an Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam akka itti agarsiistu namoonni yeroo ishee kadhatan akka bifa isaanii duriitti itti agarsiisti ture. Namoonni tokko tokko ammoo huccuu citaa isaanii (Mahaarrabii) isaanii ol itti darbatu ture, isheenis kan jaallatte yoo ta'e harka isheetiin qabdee deebistee kennitiif ture.  Yeroo kanas namoonni hundi eebbaaf addaan hiratu ture. Isaanis yerootti gara Mana isaaniitti deemuu barbaadanitti  nagaa itti dhaammatanii fi eebbifamanii deemu ture.

Namoonni Dabra Mixmaaq fi naannawaa ishee guyyaa itti Dubroo Maariyaam arganitti warreen hin amanne kan itti amanan, kan balleessan araarsummaa isheetiin araaraa fi dhiifama kan itti argatan, kanneen amananis guyyaa itti eebbifaman ture. Uummannis ishee kadhatanii wanti dhaban hin jiru ture. Raajonni, Duuka bu'oonni, Qulqulloonni, Wareegamtoonni, Durboonni, Monoksoonni, Ergamoonni, Hangafoonni Ergamootaa Dubroo Maariyaamiif yeroo sagadanis ni muldhatu ture.

Raajichi Waaqayyoo Daawwit «Sooressonni biyya lafaa, Ahizaabonni hundis fuuldura keetti ni deddeebi'u» Faar. 44/45:12. jedhee Raajii kan dubbateef, Qulqulleettiin Qulqullootaa Dubroo Maariyaam ibsamteefii, itti muldhattee, arguuf hawwaniiru. Kadhannaan isaaniis dhaga'aameefii, haati Waaqayyoo ibsamteefii ykn itti muldhattee bifa ishee ajaa'ibaa arganiiru. Kanneen keessas Dabra Mixmaaq namoonni turan, kanneen biroos Qulqulloonni hedduu keessatti argamu.

Ilmi ishee Gooftaan keenya, Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos dursee bara Sigaawweetti Dabra Mixmaaqitti akka ibsamtu bu'uura waadaa inni galeefiitiis Itoophiyaa irraa, Gibtsii irraa, Armaniyaa irraa, Sooriyaa irraa, Room irraa, Tsirii irraa ykn Griikii irraa, Faars irraa dachee ykn iddoo Dabra Mixmaaqitti dunkaana dhaabanii ykn dunkaana buufatanii Caamsaa 21 jalqabee hanga Caamsaa 25 tti gammachuu guddaadhaan ayyaana Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kabajuu ni jalqabu. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam osoo adda hin kutiin Caamsaa 21-25 tti Ergamootaa waliin, Hangafoota Ergamootaa waliin,  Raajota waliin, Duuka Bu'oota waliin, Qulqulloota waliin Wareegamtoota waliin,
Durbootaa fi Monoksoota waliin ta'uun isaanitti muldhatti ture. Kan amanes, kan hin amannes ishee arga ture. Kiristaanonni amanan amantaan isaanii yeroo cimuuf, kanneen hin amanne ammoo ilma ishee Iyyesuus Kiristoositti amanuun kennaa ilmaa fi maqaa Kiristaanummaa ni argatu ture.

Gullilaatii sana irrattis yeroo ibsamtu ykn muldhattu, yaadaan, lubbuun, fooniin Qulqulleettii kan taate haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam miidhaginni fuula ishee fi ifti bareedina ishee garmalee ajaa'ibaa waan tureef Luboonnis uummannis akkuma Elsaabeet «Haadha Gooftaa keenyaa nuuf ibsamuu ykn muldhachuu keetiif nuti akkam carra qabeessotaa» jechuun ni iyyu ture. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaamis isaan eebbisti ture.

Jaalalli haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam sirriitti kan baay'ateef Abbaan Tsiggee Dingilis Dabra Mixmaaqitti kabaja guddaan ibsamtee Kiristaanota tti kan muldhatte haati Waaqayyoo isaafis akka ibsamtuuf Kitaaba isaa Mahileeta Tsiggee irratti «Bifa fuula keetii ilaaluuf kan namni du'e amma ka'uutti guyyoota Shaniif Dabra Mixmaaqitti ibsamtee ykn muldhattee yeroo turtetti Yaa Maariyaam! hangam nama gammachiista ture! guyyaadhaan kan si arge mitiitii halkaniyyuu abjuu isaatiksn kan si arge kan eebbifamedha.» jechuun kadhateera.

Namni amanamaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Abbaan Tsiggee Dingil temesxoo dhaan ta'uun garmalee ajaa'iba kan taate Si'ilii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam  erga ilaaleen booda jechoota galataa kana isheef dhiyeessa «Maariyaam Si'iliin kee Addunyaatti kan akkasitti ibsitu yoo ta'e, Samii irratti fuulli kee hangam haa ifu hangam haa bareedu? si arguu irraa gammachuu argamu akkan quufuuf abjuudhaan naaf ibsami! » jedheera.

Hayyuu ykn beekaan Mana Kiristaanaa Itoophiyaa Abbaan Giyoorgiis inni Gaasiccaas Dabra Mixmaaqitti ibsamuu ykn muldhachuu haadha keenya join Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kana Kitaaba Galataa Inziiraa isaa irratti «Yaa Mootittii! Mootonni siif ni tajaajilu, mootonni si'i ni galateffatu, si'is ni jaju, maqaa keetiifis gadi jedhu, kennaa keetiifis sagada ni sagadu, kabaja keetiifis galata ni dhiyeessu. Xiiroos fi Siidoonaa, namoonni Gibtsii fi Itoophiyaa, Fiinqee fi Roomiyaa, Maaroon fi Armaaniyaa miidhagina bifa keetiin itti tola. Naatoo keetiinis ni gammadu» jechuun ibseera.

Lapheen isaanii guutummaatti waan gaariin kan guutame, iccitiin sirriitti kan ifeef, jechaanis galatoodhaanis kan isheennm gitu kan hin arganneef, ogummaadhaan kan guutaman beektonni Mana Kiristaanaa kanneen yeroo durii turan waa'ee haadha Waaqayyoo baldhinaan barreessaniiru.

Hangafni Phaaphaasotaa Qoophiroos Qulqulluun Ephifaaniyoosis «Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam karaa hundaanuu kan kabajamtee fi cimtuu turte, kan dubbattus baay'ee xiqqoo kan ta'eefii  innis raawwachuudhaaf barbaachisaa yeroo itti ta'uttidha. Garmalee qophooftuu taatee kan dhageesssuu fi salphaatti haasaa taasisuu kan dandeessudha. Namoota tokkoon tokkoon isaaniitiif kabaja ykn nageenya ni kenniti. Hojjaan ishee giddu galeessadha, namoonni tokko tokko garuu hojjasn ishee dheeraa akka ta'e ni dubbatu, nama tokkoon tokkoon waliin sodaa malee ifatti kolfaa fi iyya tokko malee ni dubbatti. Keessattuu gonkumayyuu aariidhaaf nama hin affeertu ture. Bifti ishees akka Oomisha Qamadii gahee kan bareede, rifeensi ishee gara diimaatti kan siqu, iji ishee ifoo fi gara laafessoota kan ta'aan bifti iisaaniis gara 'Bunnaammaa' tti kan siqu, baalleewwan ija ishees  Magariisa - Zayitaa fakkaata, nyaarri ija isheetiis gartokkeen nannawaa fi haalluu Gurracha ifaa qabu. Funyaan ishees dheeraa yoo ta'u, hidhiiwwan ishee Diimaa fi guutuu ture. Fuulli ishees geengon isa boca Hanqaaquu kan qabu yoo ta'u, harki ishee dheeraa fi qubni ishee baay'ee dhedheeroo turan. Oftuulummaa kamirraayyuu bilisa kan taate yoo ta'u, maal na dhibdeen ishee bira gonkumaa hin jiru ture. Wantoota dhufanis gonka gadi of qabuun simatti turte. Uffata haalluu uumamaa qaban uffatti ture.Kunis sirriitti ishee waliin kan deemuu fi mataa ishee irratti uffanni Qulqulluu kaawwattu dhugaa kana ibsuu kan danda'udha. Daandii hunda irrattis kennaa Waaqayyoon kan guutamte turte.» jechuun waa'ee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ibseera.

Kitaaba Malka'a Maariyaam kan barresse haadha Waaqayyoo kan taate Dubroo Maariyaam fuula ishee arguuf hawwee «Aduu guyyaa hunda ifu faaya isaa kan taasifate bifa keetiif nageenyi ni ta'a. Jaalala kan filattuuf (jaalala kan jalqaba taasifattuuf) ati Maariyaam kan biraatiif kan hin himne akkan sitti himuuf altokko fuula kee naaf ibsi» jechuun kadhateera.



Kadhannaa fi eebbi haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nu waliin haa ta'u!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!



Post a Comment

1 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)