Abune Gebre Menfes Qidduus eenyu?
Abuna Gabra Manfas Qidduus Qulqulluu biyya Gibtsii jaarraa 13ffaa keessa gara Itoophiyaatti dhufanidha. Akka ragaawwan Mana Kiristaanaa Itoophiyaattii gara Itoophiyaa galan kan jedhamu bara Mootii Laalibalaati. Iddoon dhaloota isaanii Gibtsii gara olii iddoo «Nihiisaa» ykn yeroo ammaa «Baahbiit Al Hagaraa» dha. "Inumaayyuu beektonni tokko tokko Abuna Gabra Manfas Qidduus Itoophiyaawwii ta'uu isaanii, garuu maqaan abbaa fi haadha isaanii sirriitti beekamuu dhiisuu isaatiin Haati Abuna Gabra Manfas Qidduus Aqileesiyaa (Mana Kiristaanaa) fi maqaan abbaa isaanii ammoo Simi'oon (Luba) akka jedhamanii fi sababni kana jedhameefis Mana Kiristaanaatii kana argame jechuuf akka ta'e ni himu. Kitaabni Seenaa tokkos «አቡነ ገብረ መንፈስ ቅዱስ ወአቡነ ተክለ ሃይማኖት ብፁዓን ወቅዱሳን ተወለዱ በኢትዮጵያ» jedha kunis «Abuna Gabra Manfas Qidduusii fi Abuna Takla Haymaanoot Eebbifamtootaa fi Qulqulloota Itoophiyaatti dhalatan» akka jechuuti.
Abuna Gabra Manfas Qidduus dachee kanarraa waggaa 500 ol jiraachuu isaanii, kutaalee Tigraayii hanga Shawaatti jiran keessa naanna'aanii barsiisuu isaanii, Sababa kanaanis Ziquwaalaatti Debre Kewakibt Abuna Gabre Menfes Qidduusiifi «Midre Kabd» tti Gadaamiiwwan hundeessuu isaanii seenaan isaanii ni agarsiisa. Kan boqotanis bara Mootii Atsee Hizb Naany (bara 1414-1418tti kan moo'e) dha. Qulqulluun kunis Tigraay biratti «Abuyyee», Amaara biratti «Abuna», Oromoo biratti ammoo «Aabboo» jedhamuun beekamu. Gadaammiiwwan isaanii hangafni lama yoo ta'an, Ziquwaalaan Oromiyaatti fi Midre Kabd ammoo Naannoo Kibbaatti argamu.
Abuna Gabra Manfas Qidduus Mana Kiristaanaa Itoophiyaatti;
1. Alaa dhufanii Qulqulloota Itoophiyaa keessa jiraatan keessaa isaan tokko. Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Qulqulloonni akkaataa dhufaatii fi jireenya isaanii irraa ka'uun iddoo saditti qoodamuu danda'u. Isaanis;
♦ Itoophiyaatti dhalatanii, Itoophiyaa jiraatanii, Itoophiyaatti kan boqotan. Qulqulloonni hedduun as keessa jiru, fnkf; Qulqulluu Abuna Takla Haymaanoot.
♦ Biyya alaa ykn biyya biraatii dhufanii fi jiraatanii Itoophiyaatti kan boqotan. Fknf; Abuna Salaamaa Kasaatee Birihaan, Qulqulloota Saglan, Abbaa Libaanoos, Icagee Imbaaqoom, Abuna Gabra Manfas Qidduus fi k.k.f
♦ Biyya alaa bahaanii achi jiratanii, achitti kan boqotan. Fknf; Abuna Ewoosxaaxewoos, Musee Tsaliim (Musee Gurraacha), Musee Habashaa (Musaa Al Habashaa), Gabra Kiristoos (Abdul Masii). Abuna Gabra Manfas Qidduus Qulqulloota alaa dhufanii Itoophiyaa keessa jiraatanii, Itoophiyaa keessatti boqotan keessatti ramadamu.
2. Si'iliiwwan ykn Fakkiiwwan Qulqullaa'oo durii dhaabbiitti kaafaman keessaa tokkodha. Keenyaa ykn Girgiddaa fi Kitaabolee akkasumas Fakkiiwwan Biraannaa Manneen Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo keessatti Fakkiiwwan Qulqullaa'oo argaman keessaa kophaa isaaniitti dhaabbatanii yeroo baay'ee Fakkiin kan kaafamuuf Qulqulloonni Afur ni jiru isaanis;
♦ Abuna Takla Haymaanoot
♦ Abuna Ewoosxaaxeewoos
♦ Abuna Gabra Manfas Qidduus fi
♦ Abuna Aragaawwiidha.
Si'iliin isaanii dhaabbii kunis girgiddaa Manneen Kiristaanaa Walloo Gannata Maariyaamii hanga Manneen Kiristaanaa Finfinnee keessatti jiraniitti ni argama.
3. Abuna Takla Haymaanootitti aananii akka Mana Kiristaanaa Itoophiyaatti Toloota ykn Tsaadiq kabajamanidha. Akka daataa ykn guca Sabakaa Gubaa'ee Manneen Kiristaanaa bara 1990 tureetti guutummaa biyya keenyaatti Manneen Kiristaanaa 2620 ol Maqaa Abuna Gabra Manfas Qidduusiin kan moggaafamanidha.
4. Labsiin Mootii ykn Mootiin Qulqullummaa isaanii Qulqulloota labseef keessaa isaan tokko Abuna Gabra Manfas Qidduusidha. Kabajni Ayyaana Yaadannoo isaaniis Onkoloolessa 5 fi Bitootessa 5 akkasumas Onkoloolessa 27 fi Mudde 29 akka ta'u Mootiin Hizb Naany labseera.
5. Kitaabolee Kadhannaa Jaarraa 14ffaa/15ffaa keessa akka bu'uura duraa duuba Sirna Kadhannaatti Abuna Takla Haymaanootitti aananii Araarsummaaf (Miljaa) kan waamaman Abuna Gabra Manfas Qidduusidha.
6. Yeroo Kadhannaa Se'ataatii fi Kidaanii (Kakuutti) Qulqulloota Itoophiyaa Qabsuurri isaanii dubbifamu (Abuna Takla Haymaanoot, Abuna Gabra Manfas Qidduus, Abuna Aragaawwii) keessaa isaan tokkodha.
7. Abbootii Bineensotaa kan jedhaman (Abuna Saamu'eel isa Waaldibbaa, Abuna Aragaawwii, Abuna Bartalameewoos) keessaa Abuna Gabra Manfas Qidduus isaan tokkodha.
Abuna Gabra Manfas Qidduus Aadaa Uummata Itoophiyaa keessatti
Abuna Gabra Manfas Qidduus Qulqulloota Itoophiyaa kaan caalaa uummata biratti iddoo guddaa qabu. Aadaa uummataa kana biratti iddoo guddaa qabaachuudhaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti aananii sadarkaa lammaffaa qabachuun isaanii hin oolu. Sababa Jaalala Uummata Itoophiyaa fi Qulqulluu kanaa himuun baay'ee nama rakkisuu danda'a garuu akka tilmaamaatti sababoota ta'uu kan danda'aan keessaa muraasni;
1. Abuna Gabra Manfas Qidduus jaarsa ta'uu isaaniitiin Qulqulluu beekamanidha. Akka aadaa Itoophiyaanotaatti ammoo kabajni jaarsaaf ta'u olaanaadha (jaarsoliin sirriitti ni kabajamu) kanarraa kan ka'e ta'uu danda'a.
2. Yeroo dhufan Qulqulluu Laalibalaa irraa, yeroo boqotan Mootii Hizb Naany waliin walitti dhufeenya qabaniin ala Mana Mootummaatii fagaatanii Abbaa ykn Qulqulluu uummata waliin jiraatan waan ta'aaniif uummata biratti fudhatama guddaa argataniiru.
Agarsiistuuwwan kanaas;
1. Aadaa Uummataa biratti
♦ Araarsummaa :- Leencaa fi Qeerransi waaliif hin galan. Si'ilii Abuna Gabra Manfas Qidduus jalatti garuu Leencaa fi Qeerransi walii galanii jiru. Kanarraa kan ka'e namoota araaramuuf rakkisoo ta'aan Jaarsoliin araarsuu yeroo deeman «Aabboo taanee dhufneerra» jedhu.
2. Tsabala Aabboo :- namni tokko osoo nyaachaa jiruu yoo isa fe'e ykn yoo isa hudhe «Tsabala Aabboo» jechaa bishaan yeroo sadi dhugi! jedhama.
3. Biqila Aabboo :- namni tokko gara iddoo hin beekneetti deemee ykn iddoo inni hin beeknee maqaan isaa yoo waamamee fi naannoo sanattis nama beeku yoo dhabe, kan isa waame Seexana ta'uu waan danda'uuf «Biqila Aabboo nan daaka» jedhi jedhama.
4. Magabariyaa Aabboo :- namni tokko waan tokko balleessee dhokatee akka hin hafne ibsuuf «Magabariyaa Aabboo kan nyaate lafallafaa oola» jedhama.
5. Aabboo Sax :- namni tokko wanta hin beekne tokko tilmaamaan yoo dubbate «AbbooSax» ykn «Aabboosax» jedhama.
6. Aabboodhaan siqabeera :- Qonnaan bultoonni Bineensonni bosonaa horii isaanii ykn bineeldota isaanii akka jalaa hin nyaanneef «Aabboodhaan siqabeera!» jedhanii hidhu ykn gazzatu.
7. Daandii Aabboo :- Uummattoota Kaaba Shawaa Naannoo Maraanyaa jiraatan biratti jedhamni «Daandii Aabboo» jedhu jira. Abuna Gabra Manfas Qidduus Gadaamii Abuna Malka Tsadeeq Midaatti argamutti yeroo xiqqoof turaniiru jedhama. Boodarras Gadaamii sanaa yeroo bahan Abuna Malkatsedeq, Abuna Gabra Manfas Qidduusiin «Garam deemtu?» jedhanii yeroo isaan gaafatan Abuna Gabra Manfas Qidduusis «Gara inni na oofetti ykn geessetti» jedhanii deebisaniif. Magaalichis «Marraanyaa» kan jedhame sababa kanaani jedhama. Kanaaf sababa kanaan namni tokko iddoo gahumsa isaa illee seeraan osoo hin beekiin daandii yeroo jalqabu «Daandii Aabboo» jedhama.
8. Quraa Aabboo (YeAabboo Quraa) :- Seexanni Quraa fakkaatee ykn Quraadhaan fakkeeffamee ija Abuna Gabra Manfas Qidduus baasuuf waan dhufeef, wanta gaarii kan fide fakkaatee namni hamaan dhufu «Quraa Aabboo» jedhama.
9. Aabboodhaan, Sillaaseedhaan (BeAabboo BeSillaasee) :- jechama uummataa keessatti Sillaasee waliin walqabatanii Qulqulluun yeroo baay'ee maqaa dha'aman Abuna Gabra Manfas Qidduusidha. «Aabboodhaan, Sillaaseedhaan» yeroo jedhamu cimsanii kadhachuu agarsiisa. Faaruu Uummataa keessattis «Gaafa Shanii Aabboodhaa, gaafa torbaa Sillaasee» jechoonni jedhan baay'inaan dhaga'aamu.
♦ Lakkaawwii baraa akka Aadaatti Aabboon Qonnaan Bultoota biratti yeroo itti bara ykn waqtiin kan itti qoodanidha.
1. Akka Lakkaawwii Qonnaan Bultootaatti Waqtiin Gannaa kan seenu gaafa «Amlee Aabboo» ykn «Adoolessa Aabboo» ti. Kan ba'u ammoo gaafa «Xiqimt Aabboo» «Onkoloolessa Aabbooti».
2. Arfaasaan ni gala kan jedhamu gaafa «Yekkaatit Aabboo» ykn «Gurraandhala, Aabboo» waan ta'eef, Qonnaan bulaan «Yekkaatit Aabboo ilaaliitii godaani» jedha. Yekkaatit Aabbootti bokkaan yoo hin roobne Arfaasaan hin jiru waan ta'eef baqadhuudha.
3. Qonnaan bulaa biratti guyyaan Ji'i itti seenu Aabboodha (Lidataan akkuma jirutti ta'ee). Beellama yeroo wal beellamus «Aabboon oolee gaafa akkasiitti ykn guyyaa kanatti» jedha.
♦ Aabboo fi Gootummaa
Luboonni Mana Kiristaanaa Aabboo Ankoobarritti, Goondaritti, Finfinneetti gootummaadhaan ka'a. Iddoowwan sadanittiyyuu kan argaman Luboonni Mana Kiristaanaa Aabboo yeroo weerera Xaaliyaanii waggaa shanii ifatti gootota deeggaraniiru. Gara Gammoojjiittis bu'anii qabsa'aaniiru, sababa kanaanis Xaaliyaanotaan Manneen Kiristaanaa kanneen sadanirra Saamichii fi balaan gaheera. Luboonni Manneen Kiristaanaa kanneen sadaniis gara Gammoojjiitti yeroo galan walaloon isaaniin dhaloota bara kanaatiifillee Afoolaan gaheera.
Isaan keessaas;
Ankoobarr
"አቡዬን ብዬ እንጂ ይህን ሁሉ ማይ
አገሬ አይደለም ወይ ዠማና አዳባይ"
«Abuyee jedheen malee bishaan kana hundaayii,
Biyya koo mitimoo Zhamaa fi Addaabaayii»
Fiit Aabboo Goondar, Gondar
"እንኳን እኔ ጀግናው የፊት አቦ ልጅ
ጎንደሬ ለጣልያን አይሰጠውም እጅ"
«Ana goota dhiisiitii ilmi Fiit Aabboo
Gondareen Xaaliyaaniif hin kennuufi harkahoo»
Qabbannaa Aabboo, Finfinnee
"ወግጅልኝ ድጓ ወግጅልኝ ቅኔ
ወንዶች ከዋሉበት እውላለሁ እኔ"
«Narraa sokki Digguwaa, narraa sokki Qinee
Iddoo dhiiroonni oolan nan oola anillee»
♦ Maqaa fi Aabboo
Akkuma Qulqulloota kaanii aadaa uummata Itoophiyaa keessatti maqaa Aabbootiin waamamuun ykn maqaa Aabbootiin ijoollee ofii moggaasuun kan baramedha. Fnkf:- Aabboo-nesh, Aabboo-neh fi k.k.f. garuu akka maqaawwan kaanii Gabra, Walatta, Walda ... kan jedhu hin dabalatu.
♦ Aabboo fi Tsabala
Namni Baadiyyaa bultii yeroo ijaarratu jalqaba Tsabala Aabboo dhuga. Aabboo dursee kan dhuge bultiin isaa ni milka'aaf, nama waliinis nagaadhaan jiraata jedhamee amanama.
Aabboo Qinee kan ittiin baratan
«Aabboo Qinee» barataa Qineetiif kan ittiin baratu qinee mana lamaati. Fknf;
«አቦ ውርዝው እምነ ኩሉ በለጡ
አንድ እንጀራ በጨው እስመ በማለዳ ለምጠጡ »
Guduunfaa
Kanaa olitti akkuma ilaalle bu'uura ragaalee Afoolaa kanneeniitiin Abuna Gabra Manfas Qidduus Qulqulloota Itoophiyaatti kabajaman kaan caalaa aadaa uummataa keesssatti iddoo guddaa ni qabu. Gama biraatiin Abuna Gabra Manfas Qidduus caalaa aadaa fi jiruuf jireenya uummataa ykn uummata Itoophiyaa keessatti iddoo guddaa kan qabdu haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamidha. Fknf; «YeMariyam Meqenet, YeMariyam Feres, YeMariyam Araas, fi. k.k.f»
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
0 Comments